Aludin jihad

Aludin jihad nimilkofna dhiotti

10/01/2025
24/05/2024


godhaa tana wal biraan gayaa!
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️

(Namni Rabbiifii guyyaa boodaatti amane gaarii haa dubbatuu yokaa haa callisuu).
(S.A.W)🕋

Hayyuu yokaa Aaqila Nama jachuun Nama
yeroo dubbatuufii yeroo callisu beekuudha.
🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊

"Dubbatuu waggaa lamatti baratan, callisuu waggaa shantamatti baratan";

"Namni callisuu kee irraa humaa hin hubanee, dubbii keetirraahiis humaa hin baratu".

waan ilmi namaa hedduu itti hin sheenawne keessaa irra guddaan callisuudha.

Callisuun mallattoo wallaaluudhaa osoo hin taane mallattoo hayyummaati.
Callisuun hayyummadha,

Dubbi guddatuun Mallattoo Doofummaati.
yokiin mallattoo gowwummaati.

Ni'imaadha, Ulfina/Kabajaadha, Dawaadha, Haara galfiidha, Nagaya bahuudha,
Dubartii fii wallaalaa dhaaf faaya, satriidha

yeroo milkoofte callisuun ufitti amanuudha,
yeroo Aarte callisuun gootummaadha,
yeroo hujii irra jirtu callisuun qaroomina,
Yeroo Namni hamtuu sitti hojjate callisuun hayyummaadha,
yeroo si'arrabsan callisuun Injifannoodha, yeroo Namni sigorsu yokaa Nasiihaa siif yaade callisuun naamus qabaatuudha,
yeroo yaaddofte u callisuun obsa qabaachuudha yokaa Rabbitti himatuudha.

tokkoof gaafiin akkana jattu dhiyaatte:

Irra jabaan waan Rabbiin Uumee maali?

Hayyuun akkan jadhe: sun Gaara.🏔️⛰️🏔️⛰️🏔️
Gaafataan akkana jadheen: kan gaara irra jabaadhaa hoo?
Hayyuunis akkana jadhe: sun Sibiila.🚜

Gaafataan akkana jadhe: kan sibiila irra jabaa hoo?
Hayyuun akkana jadheen: sun Qilleensa.✈️🪂

Gaafataan akkana jadheen: Kan qilleensa irra jabaa hoo?
Hayyuun akkana jadheenii deebiseef:
Sun Callisuudha.

Callisuu dandayuun yokaa afaan kee qabatuu dandayuun waa cufa irra caala.💯

narraa fudhadhaa

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Hin dubbatin yoo dubbiin tee callisuu caalte malee.
Yoo dubbachuun akka meetaa taate callisuun akka warqiidhaati.

Dubbii takka yeroo dubbatuu feete, itti yaadi
yoo keeyriin isii siif mullatte dubbadhu,
yoo siif hin mullatin ofirraa callisi.

dura wantoota armaan gadii kan qoradhu!🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲

Maal akka dubbattu? Eenyutti akka dubbattu? akkamitti akka dubbattu? Maaliif akka dubbattu? Yoom akka dubbattu? Eessatti akka dubbattu;

Barreessaan Jamaal aliyyii abdullah

27/12/2023

Rakkinakeef of abaartee
Hin fudhatin murtii dabaa
Ciniinnadhuu obsii tarii
Bor ni geessa bakka jabaa
~
Wanti cufti si baqatee
Sitti cimus eeyyee gaafii
Itti kolfuun bira darbii
Harkan laatiin rakkinaafii! 🔥

23/12/2023

Bunni (Coffee) dhibeewwan tiruu keessaa isa tokko akka fooyyessu beektuu? Kan biraahoo fayyummaa tiruu keenyaa akkamiin eeggachuu dandeenya kan jedhuuf:

**********************
1. Buna dhuguu! Buna dhuguun fayyummaa tiruu keenyaa eega. Qorannoon hedduun kan mirkaneessan buna guyya guyyaatti dhuguun, dhibee coomni tiruu keessatti kuufamuu irraan dhufu kan "Non Alcoholic Fatty Liver Disease" jedhamu ni fooyyessa.

2. Dhukkuba vaayiresota tiruu ofirraa ittisuu, kunis qulqullina naannoof dhuunfaa eeguudhaan (Hepatitis A ittisa), walqunnaamtii saalaa of eeggannoo hin qabne irraa fagaachuu (hepatitis B fi C ittisa), qoratamanii ilaalamanii talaallii fudhachuun (hepatitis B ittisa) ta'uu mala.

3. Qorichoota ajaja ogeessaa fayyaa malee sababa gara garaaf (keessumaa dhukkubbiif) fudhatam yeroo hedduu fudhachuu fi haga eyyamamuu ol (overdose) fudhachuu irraa of qusachuu (Miidhaa tiruu "Drug induced hepatitis" waan nutti fidu danda'uuf).

4. Diina tiruu kan ta'e dhugaatii alkoolii kamiyyuu irraa fagaachuu (Dhukkuba tiruu "Alcholic liver disease" jedhamu waan nutti fiduu danda'uuf).

5. Nyaata cooma hedduu of keessaa qabu nyaachuu dhiisuu, sochii qaamaa sirriitti taasisuu fi ulfaatina qaamaa baay'ee olka'aa ta'e yoo qabaanne hir'isuu. (Ulfaatinni humnaa olii dhukkuba tiruu "Non Alcoholic Fatty Liver Disease" jedhamu waan nutti fiduuf).

6. Qorichoota aadaa kan hagi (dose) fi gosa isaanii hin beekamne irraa of qusachuu.

*****************
Fayyaan Faaya
Credit to Dr. Gurmeessaa H.
(Ispeeshaalistii dhibee keessoo)

22/12/2023

Namni si wajjiin jiraachuu haqa godhatu...;

✍ Nama kabaja siif qabu; nama bakka guddaa siif qabu; nama jaalala dhugaa siif qoodu.
✍ Nama akka ati addunyaa kana bifa addaatiin laaltu si godhuudha....
✍ Nama yeroo ati gammaddu, sima wajjiin isas gammachuun qalbii guuttu... yoo ati gaddaan miidhamtu... gaddi akka galaanaatti Isa liqimsu.
✍ Nama inni si wajjiin jiraachuun ilma namaa hundarraa si duroomsu; nama osoo isa qofa argadhee, addunyaa tanarraa nama biraa hin barbaadu si jechisiisu...
✍ jireenyi inni si wajjiin jiraatu, Akka Roobni dachee jiisutti qalbii tee tan goggogde jiisu...
✍ Nama yeroo boqonnaa isaa sitti dhufu osoo hin taane... nama sitti dhufuudhaan boqonnaa argatu; nama si argachuun isa boqonnaa isaaf tahu.
✍ Nama yeroo barbaaddetti; bakka barbaaddetti; Akka barbaaddetti argachuu dandeessu.
✍ Nama yeroo ati fagaatte si barbaadu; nama yeroo ati miidhamte si gaafatu... nama yeroo kamuu si dagachuu hin dandeenye...
✍ Nama tokkos akka hin komanne... ____itti fufa...
Rabbiin siif haa hiru... yoo qabaatte sirra haa tursiisu
🤲🤲🤲🤲Aammiiiiiin Yaa Allaah 🤲🤲🤲

21/12/2023
Hiryakoo kabajama fii jaalatama Utuu inse,in utuu inyaadin ofbiraa Sidhabnee rabbi jeatasaatini sia qanansisu
21/12/2023

Hiryakoo kabajama fii jaalatama
Utuu inse,in utuu inyaadin ofbiraa
Sidhabnee rabbi jeatasaatini sia qanansisu

Address

Sigimo
Jimma
0553619560

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Aludin jihad posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Aludin jihad:

Share

Category