MMO Godiina Arsitti Mana Murtii Aanaa Gololchaa

MMO Godiina Arsitti Mana Murtii Aanaa Gololchaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from MMO Godiina Arsitti Mana Murtii Aanaa Gololchaa, Legal, mmag. dc2013@gmail. com, Gololcha.

09/12/2025

****************Oolmaa Dhaddachaa********************
****************Guyyaa Gaafa 30/03/2018****************
Himatamaan Hanna raawwate hidhaa salphaa waggaa tokko (1) fi baatii lama (2)tiin Adabameera.
Himatamaan maqaan isaa Kamaal Shubbaa jedhamu kun S/Y bara 1996 bahe kewt 665/1 irraa darbuun itti yaadee gaafa guyyaa 09/1/2018 ganama keessaa sa’aa 12:00 yoo ta’uu Godina Arsii A/Gololchaa Ganda daaroo Boonjaa iddoo addaa Gooddee jedhamee beekamutti Qotiyyoo Bifa Diimaa ta’ee kan tilmaamnii isaa qarshii 70,000 (kuma torbatama) baasu qabeenyummaan isaa kan A/E Abarruu Takkaleniyi tahe Mooraa mana jireenyaa miidhamtuu keessa seenuun hidhaa irraa hiikatee fudhatee deemee osoo jiruu kan qabame yammuu tahu himatamaanis dhaddachaatti dhiyatee enyummaan isaa erga adda bahee booda himannaan isa dhaqqabee dhaddacha irratti dubbifameefii booda himannaa ofi kiyyaan falmadha himannaa irraa mormii sadarkaa dura hin qabu jedhe mirgii isaa itti himamee jecha amantaa fi wakkii yoo keennu ani gocha yakka kana rawwadhee hin qabu jedhee yoo waakkatu;ragooleen A/A dhiyataanii yeroo fi iddoo himannaa A/A keessatti ibsamee kanatti himatamaan gocha yakka kana rawwachuu waan irratti mirkanessaniif himatamaan kewt jalatti himatamee jalatti bu’uraa S/D/F/Y kewt 142/1 tiin ofi irraa akka ittisuu jedhamee;himatamaan ragooleen ittisaa dhiyeeffatee ragooleen ittisaa himatamaa dhiyatan himatamaa irraa ittisuu fi jecha ragaa A/A fashalessuu waan hin dandeenyeef kewt jalatti himatamee kewt 665(1) jalatti bu’uuraa S/D/F/Y kewt 149tiin balleessaa qaba waan jedhamee; manni murtiis yaada adabbi cimsuu fi salphisu bitaa mirgaa erga dhaga’een booda adabbii himatamaa fi fakkatoota isaa ni barsisaa jedhe manni murtii itti amanee adabbii hidhaa salphaa waggaa tokko (1) fi ji’a lama (2)tiin adabameera.

Mana Murtii Aadaa Oldabarfata Aanaa Gololchaa{Sadaasa 21/2018} Godina Arsii Aanaa Gololchaatti Ijaarsa Mana Murtii Aadaa...
30/11/2025

Mana Murtii Aadaa Oldabarfata Aanaa Gololchaa
{Sadaasa 21/2018} Godina Arsii Aanaa Gololchaatti Ijaarsa Mana Murtii Aadaa Oldabarfannaa Aanaa Xumuramee Tajaajilaaf Banaa Ta’e!

01/11/2025

Yakka Bosona irratti raawwataman adabbii isaa
Hayyama Abbaa Taayitaan maletti gochawwaan armaan gadii raawwachuun dhorkaadha.
👉Muka muruu
👉Bosona keessa qubachuu
👉.Bosonatti loon bobbaasuu
👉Magaazaa fi qottoo qabatanii bosona keessatti argamuu
👉.Bineensa bosonaa ajjeesuu
👉Gaagura fannifachuu
👉.Of eeggnnoon maletti bosona keessatti ibidda bobeessuu
armaan olitti ibsaman namni raawwate Adabbii Seeraan kaayame ni adabama. Adabbiin Kunis
.Namni bosona keessaa muka mure, bu’aa bosonaa seeraan ala nanneesse fi kan muka muruu fi bu’aa bosonaa seeraan ala sochoo’u keessatti hirmaate, hidhaa waggaa tokkoo hanga shanii fi qarshii kuma 10.000 hanga 20,000tiin adabama.
.Namni daangaa bosonaa dhiibe hidhaa waggaa 1 hanga 3 fi qarshii 10,000 hanga 30,000 tiin adabama.
.Namni tahe jedhee bosonatti ibidda qabsiise hidhaa waggaa 10 hanga 15 fi qarshii 5,000 hanga 10,000 tiin adabama.
.Namni daangaa bosonaa keessatti mana ijaare ykn qonna babal’ise hidhaa waggaa 2 hanga 4 fi qarshii 10,000 hanga 40,000 tiin adabama.
.Bu’aa bosonaa seeraan alaa kan naanneese hidhaa ji’a 6 hanga waggaa tokkoo fi qarshii 5,000 hanga 10,000 tiin adabama.
.Namni miidhaa bosonarra gahaa jiru argee odeeffannoo yeroon kennuu dhabe hidhaa ji’a 6 hanga waggaa 1 fi qarshii 1000 hanga 5,000tiin adabama.
.Namni mukkeen shanyiinsaanii dhabamaa jiru mure, kuuse, sochoose fi gurgure hidhaa waggaa 5 hanga 8 fi qarshii 15,000 hanga 20,000 adabama.
. Namni kamiyyuu ta'e jedhee Bosona irratti Ibidda qabsiise yookiin haala biraa kamiinuu Bosona irratti miidhaa dhaqqabsiise hidhaa cimaa waggaa (10) gadi hin taaneen fi hidhaa cimaa waggaa (15) hin caalleen adabama;miidhaa Bosona irratti kan qaqqabsiise dagannoon yoo ta'e hidhaa salphaa waggaa tokko(1) gadi hin taanee fi hidhaa waggaa lama(2) hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii 5,000 hanga 10,000 kan gahuun adabama,Labsii Bosona Federaalaa Lakkoofsa 1065/2018 keewwata 26

26/10/2025
Godina Arsii Gololchaatti dhaqqabummaa tajaajila A/seerummaa galmaaan gahuuf Kalaastara Harootti Gandoota  afur kan taja...
26/10/2025

Godina Arsii Gololchaatti dhaqqabummaa tajaajila A/seerummaa galmaaan gahuuf Kalaastara Harootti Gandoota afur kan tajaajilu dhagahaan halalaa jalqabamee jira.

16/07/2025

Ajaja Mana Murtii Fudhachuu Diduu, Cabsuu ykn Gufachiisuu
============================================================
Seera yakkaa MDFRI bara 1996 bahe kwt 448, Labsii Lkk 216/2011 kwt, 48 fi Murtii Dh Ijbt Jld 13ffaa glme Lkk 67777 ta’erratti hiikkoo kenname
=============================
Manni Murtii hojii tajaajila haqa kennuu hojjetu keessatti dhimma qabate qulqulleessuuf ajaja adda addaa dhaabbilee mootummaas ta’ee miti mootummaa ykn nama seeraas ta’ee nama uumamaa tti dabarsuu ykn baasuu nidanda’a.
Kana males ajaja ykn murtii kenne akka raawwatanis ajajuu mala. Qaamni ajajame ykn namni biroo ajaja Manni Murtii kennu sababa malee raawwachuu ykn fudhachuu dude ykn akka hinraawwatamne danqe ykn cabse itti gaafatamummaa adda addaa kan hordofsiisu akka ta’e barreeffamoota kanaan dura fuula kanarratti qoodamaniin ibsamuun niyaadatama.
Ittigaafatamummaa ajaja Mana Murtii cabsuun ykn danquu ykn fudhachuu diduun hordofsiisu keessaa tokko itti gaafatamummaa yakkaa yemmuu ta’u innis SY kwt 448 fi labsi Lkk 216/2011 kwt 48 jalatti tumamee jira.
Kanas Manni Murtii qaama gochaa akkasii raawwate irratti galmeedhuma ajajni cabe ykn didame ykn danqame irratti kenname sana irratti qulqulleessa biroo otuu hinbarbaachisin tarkaanfii itti gaafatamummaa yakkaa fudhachuu akka qabu glme Lkk 67777 ta’ee fi Jld 13ffaa keessatti manxanfameen murtii hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.

10/07/2025

Adoolessa 3/2017
Oolmaa Dhaddachaa kan Guyyaa Gaafa 02/11/2017****************
Arsii Aanaa Gololchaatti Himatamaan Miidhaa qaamaa haadha warraa isaa irratti raawwate hidhaa cimaa waggaa lamaa (2) fi baatii sadii (3)tiin Adabameera.
============//==================
Himatamaan maqaan isaa Abbiree Kaliil Tarree jedhamu nama miidhuuf itti yaadee gaafa guyyaa 06/11/2016 ganama keessa tilmaaman sa’aatii 3;00 yoo ta’u,Godina Arsii A/Gololchaa ganda minnee Adayyoo iddoo addaa lakkuu jedhamti miidhamtuu dhuunfaa A/e Ruuziyaa Aliyyii jedhamtu lola itti kaasuun mancaa gara qara hin qabneen luka mirgaa jilbaa gadi si’a tokko rukutuun lafee lukaa cabsee miidhaa qaamaa cimaa kan irraan geessisee waan ta’eef s/yakka kwt.555/B/irraa darbuudhan yakka miidhaa qaama cimaa raawwachuutiin himatameera. Himatamanis dhaddachatti dhiyaatee himannnaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amaneef keewwatuma itti himatamee s/yakka kwt.555/B/jalatti balleessadha erga jedhameen booda manni murtiis yaada adabbii cimsuu fi salphisu bitaa fi mirgaa erga fudhateen booda gulantaa 13ffaa jalatti himatamaa kana ni barsiisa,namoota biraatis ni akeekkachiisa taha jedhee kan yaade himatamaan guyyaa har’aa irraa kaasee kan shallagamu adabbii hidhaa cimaa waggaa (2) fi baatii sadii (3) tiin akka adabamu jedhee murteesseera.

29/05/2025

****************Oolmaa Dhaddachaa*****************
****************Guyyaa Gaafa 21/09/2017****************
Himatamaan Hanna cimaa raawwate hidhaa cimaa waggaa jaha (6) fi baatii jaha (6)tiin Adabameera.
Himatamaan maqaan isaa Sabixoo Mahammad Daawud jedhamu kun S/Y bara 1996 bahe kewt 669/3 (b) irraa darbuun itti yaadee gaafa guyyaa 20/08/2017 halkan keessaa sa’aa 8:00 yoo ta’uu Godina Arsii A/Gololchaa Mag/Caancoo iddoo addaa Qarsaa jedhamee beekamutti Motorsaaykilii gosti ishii TVS Lakk.Gabatee A07634 ta’ee kan tilmaamnii isaa qarshii 240,000 (kuma dhibbaa lama fi kuma afurtama) baasu qabeenyummaan isaa kan ob.Abdataa Muussaa ta’ee mana jireenyaa miidhamaa keessa hatuun miliqee hordoffii tasifameen gaafa guyyaa 21/08/2017 guyyaa keessaa sa’aa 5:30 yoo ta’uu Godina Arsii Aanaa Balee Gasgaar Ganda Elellee Waltahii Magaalaa Gooyaatti kan qabame yammuu tahu himatamaanis dhaddachaatti dhiyatee enyummaan isaa erga adda bahee booda himannaan isa dhaqqabee dhaddacha irratti dubbifameefii booda himannaa ofi kiyyaan falmadha himanna irraa mormii sadarkaa dura hin qabu jedhe mirgii isaa itti himamee jecha amantaa fi wakkii yoo keennu ani gocha yakka kana rawwadhee hin qabu jedhee yoo wakkatu;ragooleen A/A dhiyataanii yeroo fi iddoo himannaa A/A keessatti ibsamee kanatti himatamaan gocha yakka kana rawwachuu waan irratti mirkanessaniif himatamaan kewt jalatti himatamee jalatti bu’uraa S/D/F/Y kewt 142/1 tiin of irraa akka ittisuu jedhamee;himatamaan ragooleen ittisaa dhiyeeffatee ragooleen ittisaa himatamaa dhiyatan himatamaa irraa ittisuu fi jecha ragaa A/A fashalessuu waan hin dandeenyeef kewt jalatti himatamee kewt 669/3 (b) jalatti bu’uuraa S/D/F/Y kewt 149/3 tiin balleessaa qaba waan jedhamee; manni murtiis yaada adabbi cimsuu fi salphisu bitaa fi mirgaa erga dhaga’een booda gulantaa 24ffaa jalatti adabbii himatamaa fi fakkatoota isaa ni barsisaa jedhe manni murtii itti amanee adabbii hidhaa cimaa waggaa 6 (jaha) fi ji’aa 6 (jaha)tiin adabameera.

Address

Mmag. Dc2013@gmail. Com
Gololcha

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when MMO Godiina Arsitti Mana Murtii Aanaa Gololchaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category