27/07/2026
"Sirni Cufiinsaa fi Galateeffannaa Taasifameera". Adoolessa 20/2018.
Manni Murtii Aanaa Kuyyuu hawaasa manichaa hunda, W/Abbaa Alangaa, Abukaatota, barreessitootaa fi qaamolee qooda fudhattoota biroo hirmaachisuun sagantaa sirna cufiinsa hojii bara 2018 fi galateeffannaa hawaasa isaa fi qooda fudhattootaa taasiseera. Sagantaa kanarrattis barreeffamni Qajeelfama hojii gannaa bara 2018/2019 ilaallatu dhiyaatee hubannoon irratti uumameera. Kana malees, barreeffamni cuunfaa hojiiwwan bara 2015-2018 Mana Murtichaatin hojjetamaa turan agarsiisu karaa karaa gabaabbina qabuun dhiyaatee jira. Barreeffamoota dhiyaatan lamaan irratti mariin hirmaattotaan taasifamee yeroo boqonnaa gannaa kun kan gamnachuu fi nagaa akka ta'uu fi kallattiin hojii kaa'amuun sirni affeerraa taasifamee karaa milkaa'ina qabuun sagantichi goolabameera.
Mana Murtii Aanaa Kuyyuu; Garba Gurraachaa.