23/08/2026
Himatamaan Yakkaa daddabarsa namaa seeraa alaa Raawwate hidhaa cimaan adabame.
Himatamaan: Yaasiin Mahee Maaraa
Teessoon:- Naannoo kibbaa Godina Wolaayittaa, Magaala sooddoo, Ganda Qeeraa Kan ta'e Himatamaan kallattiin ykn al-kallattiin faayidaa maallaqaa ykn faayidaa biroo ofiif argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun gaafa guyyaa 14/11/2018 ganama keessaa tilmaamaan sa'aatii 1:00 yoo ta'u, asuma Godina Boorana Aanaa Dubluqii Ganda Gooroo Daadaa iddoo addaa ijiinjii jedhamutti, miidhamtuu dhuunfàa nama lamaa dhiiraaf Dubartii lammii Ertiriyaa ta'an seeraan ala daangaa Itiyoophiyaa keessaa ceesisuuf gara biyyaa keeniyaa osoo geessaa jiru gaafa guyya 13/11/2018 Magaala Yaabaloo iddoo addaa hin beekamnetti siree qabeefi bulchee barii konkolaata deddeebisaa ummataa Ayiruufi adii lakk. Gabatee 3.63798 O/R kan ta'e korsiisee tikkeetii mureefii magaalaa Yaaballoo irraa gara Magaala mooyyaleetti biyya Keeniyaatti ceesisuuf osoo deemaa jiruu iddoo oliitii ibsametti qaamolee nageenyaatiin erga too'atamee booda garen Qorannaa yakkaa Aanaa Dubuluqi Abbaa Alangaa waliin ta'uudhan galmeen Himatamaa kanaa ragaa barbaachisan qulqulleessee erga xumureen booda Abbaa Alangaa Godina Booranaatif erguun A/A Godina Booranaa Himatamaa kana irratti Himannaa banuun Mana Murtii Olaanaa Godina Booranaatti dhiyeesse yakka seeraan ala nama daangaa ceesisuu raawwachuun himate jira.
Manni Murtii Olaanaa Godina Booranaatis galmee Himannaa dhiyaate irratti falmii Bitaa mirgaa erga caqaseen booda himataman Kun yakka kana raawwachuun isaa waan ragaan abbaa alangaan irratti mirkanaayeef balleessaa qaba jedhee himatamaan ofirraa ittisu waan hin danda'iniif dhaddacha gaafa guyyaa 14/12/2018 ooleen Himatamaa kana ni barsiisa kan jedhee fi fakkaattota isaa ni akeekkachisa jechuun Adabbii hidhaa cimaa Waggaa saddeetii(8) fi qarshii Kuma kudhaniin(10,000) adabame jira.