Waldaa Duuka Bu,oota Wiirtuu Aanaa Dagam

Waldaa Duuka Bu,oota Wiirtuu Aanaa Dagam Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waldaa Duuka Bu,oota Wiirtuu Aanaa Dagam, Legal, Dagam, Degem Hambiso.

29/08/2026

✍️WDB Ayyaana bara haaraa haala akkamiin simate kabaja?
Waaqni duuka bu'oota nu fana yaa ta,u.!..

🎚️Hagayaa 16 Kabaja xoofoo haadha keenya kakuu Araara /Qulqulleetti Kidaanamireet sagantaa galgala irraatti. .
25/08/2026

🎚️Hagayaa 16
Kabaja xoofoo haadha keenya kakuu Araara /Qulqulleetti Kidaanamireet sagantaa galgala irraatti.
.

✍️Yaa gooftaa! asitti argamuun keenya akkaam gaariidha: mat 17:4🌼°~~~~~~~~~~~||~~~🌷Baga kabaja ayyaana Tulluu Taaboorin ...
19/08/2026

✍️Yaa gooftaa! asitti argamuun keenya akkaam gaariidha: mat 17:4
🌼°~~~~~~~~~~~||~~~🌷
Baga kabaja ayyaana Tulluu Taaboorin sin gahe hordoftoonni keenya martinuu.
🥀~~~~~||~~~~~🌺
.

Waldaan Duuka Bu'oota Leenjitoota isaa gara Ulfata fooniifi kabajamaa dhiigasaa akka fudhatan tasiseera galanni waaqayyo...
16/08/2026

Waldaan Duuka Bu'oota Leenjitoota isaa gara Ulfata fooniifi kabajamaa dhiigasaa akka fudhatan tasiseera galanni waaqayyoof yaa ta,u.

 ✍️✍️✍️Waldaan Duuka Bu'oota Wiirtuu Aanaa Dagam Namoota leenjii kiraaraa barachuuf fedha qabdaan hundaaf   waaqayyo itt...
11/08/2026

✍️✍️✍️
Waldaan Duuka Bu'oota Wiirtuu Aanaa Dagam Namoota leenjii kiraaraa barachuuf fedha qabdaan hundaaf
waaqayyo ittin galateeffannu waliin gonfannee(baranne)waaqayyon waliin yaa galateeffannu siniin jedha
marre nuttis caarraa kanatti fayyadamne hiriyootaf obboloota keenyaf qoodne yeroo jedhameetti argamne waliin yaa barannu.
guyyaan galmee hagayyaa 5/ hangaa 20/18 akkuma itti fuufetti jira
~~~~~
Waaqayyon nu waliin yaa ta,u gochuunis waliif qooda.?
~~~~~

  Aanaa Dagam baga gammaddan!Daadhabbiifi dhamatii keessaniin Meedaliyaa fiduun nu boonsitan baga gammaddan bara hojii g...
03/08/2026

Aanaa Dagam baga gammaddan!
Daadhabbiifi dhamatii keessaniin Meedaliyaa fiduun nu boonsitan baga gammaddan bara hojii gaarii siniif hawwina.🌺♥️🌺♥️🙏🙏🙏🎉🎉🎉

30/07/2026
23/07/2026
Arjummaan sillaasee nuuf yaa baay'aatuu🙏♥️🙏♥️🙏♥️🙏
14/07/2026

Arjummaan sillaasee nuuf yaa baay'aatuu🙏♥️🙏♥️🙏♥️🙏

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen!!!

Tv Sagalee Dhugaa, WDB 07/2018 B.A.

BAGA KABAJA AYYAANA QULQULLUU SILLAASEETIIN ISIN GAHE

Uumaa waan hundumaa, argamsiisaa addunyaa maraa Waaqni keenya Waaqayyo, kabaja tokkummaa fi sadummaa isaatiin qulqullicha Abrahaamiitti kan itti mul'ate guyyaan kun, Mana Kiristaanaa keenya keessatti iddoo guddaa qaba. Jaalala Sillaasee, gad-ofqabummaa Abrahaamii fi icciitii amantii guyyaan kun qabu waliin haa ilaallu.

⛺️Gaarummaa Abrahaamii fi Keessummummaa Sillaasee

Adoolessa 7 guyyaa kanaan qulqullichi Abrahaam dunkaana isaa dura osoo taa'ee jiruu manguddoota sadii arge. Innis dafee isaan simachuudhaan; “bishaan isiniif haa fidnu; miila keessan isiniif haa dhiqnu; mukichaa jalas boqodhaa...›” jechuudhaan kasoomina guddaatiin isaan keessummeesse. Haati manaa isaa Saaraanis safartuu daakuudhaan sadii safartee bukeessitee bixxillee tolchite.

“Abrahaam yeroo saafaa balbala dunkaana isaa dura taa'ee utuu jiruu, Waaqayyo muka Mamree biraa isatti mul'ate. Abrahaamis ija isaa ol kaasee namoonni sadii isa dura dhaabbatanii arge; akkuma isaan argeen balbala dunkaanichaa duraa ka'ee, isaan simachuudhaaf itti fiigee, hamma lafa ga'utti in qoomma'e!” S/Uumamaa 18:1-3.

Simannaa jaalalaa kanaanis Abrahaamii fi Saaraan misiraachoo dhalachuu Yisihaaq kan isaan gammachiise dhaga'an. Abrahaam Waaqa isaa tokkummaa fi sadummaatiin waan argeef, Manni Kiristaanaa keenya “Waaqa Abrahaam” jettee kabajaan isa galateeffatti.

🌿 “Qulqulluummaa fi Sadummaa Addaa”

Bu’uura barumsa icciitii Sillaasee mana kiristaanaa keenyaan Waaqayyo tokkos sadisidha. “Sillaasee” jechuun “ሠለሰ - sadii taasise” kan jedhu irraa kan dhufe yoo ta'u, hiikni isaas sadummaa jechuu dha.
o Sadummaan Adda ta’e Maaliin ibsama?
Sillaaseen dursummaadhaan, uumaa ta’uudhaan, aangoodhaan, galateeffamuudhaan, kabajaan fi fedhaan Waaqayyo tokko yeroo ta'u; maqaadhaan, qaamaaniifi gochaan (ግብር) immoo sadii dha.
o Sadummaa Maqaa: Abbaa, Ilma, Afuura Qulqulluu jedhamu. Akkuma Qulqulluun Aginaaxiyoos barsiisetti; Abbaan Abbaadha malee Ilma yookiin Afuura Qulqulluu hin ta'u; Ilmis Ilma malee Abbaa yookiin Afuura Qulqulluu hin ta’u; Afuurri Qulqulluunis Afuura Qulqulluudha malee Abbaa yookiin Ilma hin ta’u: maqaan isaanii gonkumaa kan hin jijjiiramne maqaa bara baraati.

o Sadummaa Qaamaa: Abbaan qaama goonka ta’e, fuulaa fi bifa qaba; Ilmis qaama gonka ta’e, fuulaa fi bifa qaba; Afuurri Qulqulluunis qaama gonka ta’e, fuulaa fi bifa qaba.

o Sadummaa Gochaa (ግብር): Abbaan Ilma ni dhala, Ilmi Abbaa irraa ni dhalata, Afuurri Qulqulluunis Abbaa irraa ni baha.

📖 "Egaa, deemaatii maqaa Abbaa, kan Ilmaa fi kan Afuura Qulqulluutiin cuuphuudhaan, ormoota hunda barsiisaa. Waanan isin abboome akka eegan barsiisaa. Anis hanga bara xumura addunyaatti, bara hundumatti isin waliin nan jiraadha.”【Wangeela Maatewoos 28:19】

🙏Guyyaa kanatti Hundi keenya akkas jennee haa kadhannu🙏

Yaa Qulqulluu Sillaasee, Waaqa keenya kan tokkummaa fi sadummaa keetiin siif sagadnuufi waaqeffannu, guutuu addunyaa kan uumte! Yaa uumaa keenya; Akkuma qulqullicha Abrahaam muka Mamree jalatti dhuftee isa dowwatte; jireenya keenyaa, maatii keenya, addunyaa hunda eebbakee fi araara keetiin akka un dowwattuf si kadhanna.

Yaa Gooftaa keenya yaa Waaqayyo; akka Abrahaam kasoominaa fi gad-ofqabummaadhaan keessummaa simachuudhaaf, jabina amantii fi onnee jaalalaa nuuf kenni. Tokkummaa fi sadummaa keetti amannee, amantiidhaan jabaannee akka jiraannu nu gargaari. Mana Kiristaanaa keenyaa fi addunyaa hundumaaf nageenyaa fi jaalala nuuf eegi. Qorumsa hamaa seexanaa irraa nu eegi Ameen! 🕊

Galannii fi Ulfinni Sillaaseef haa ta’u!!!
Ayyaana gaarii
Waldaa Duuka Bu’ootaa; Adoolessa 7/2018 B.A.

Address

Dagam
Degem Hambiso
MOOTUMMAANWAAQAYYODHIYAATEERAGAABBIIGALA(�MAT�\�]

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Duuka Bu,oota Wiirtuu Aanaa Dagam posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category