Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Dagam

Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Dagam Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Dagam, Legal, Oromia, North shoa, Degem, Hambiso, Degem Hambiso.

Hojjettoota Wa/Fayyaa Aanaa Dagam, Dhimmamtoota Fayyaa Aanaa keenyaa fi Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraaf baga yaad...
07/01/2025

Hojjettoota Wa/Fayyaa Aanaa Dagam, Dhimmamtoota Fayyaa Aanaa keenyaa fi Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraaf baga yaadannoo guyyaa dhaloota gooftaa keenya yesus kiristoos nagaan geenye ,nagaan geessan🙏
Dhalachuu keessa Abdiitu jira ,Obsatu jira
Bakka gahuuf yaanne Abdachuun,Guyyichas Obsinee Eeggachuun dubbii murteessadha

Gooftaan keenya yesuus kiristoos gadi of deebisee Mooraa horii keessatti dhalachuun isaa bakkichi isa madaalee osoo hin taane nuuf fakkeenya ta'uufi

Kanaf gaarummaa fi garraamumnaa isarraa baranneen akka jiraannu Uumaan keenya nu haa gargaaru jechaa irra deebin baga geenye,baga geessan
Ayyaana Gaarii!!!

DHUKKUBA NERVIINarviin mataa isaatti dhukkuba isuu hin taane sirna qaamaati. Sirnoota qaama keenyaa isaan gurguddaa kees...
15/11/2024

DHUKKUBA NERVII

Narviin mataa isaatti dhukkuba isuu hin taane sirna qaamaati. Sirnoota qaama keenyaa isaan gurguddaa keessaa isa tokko yoo ta'u; dalagaan narvii sammuu fi qaama jiddutti ergaawwaanii fi ajaja daddabarsuu fi qaama to'achuudha. Narviin kutaalee bu’uuraa sirna narvii keessanii keessaa isa tokkodha.

Guutummaa qaama namaa narvii ni qaba. Narviin ergaa elektirikii(electrical signals) kan miira sitti dhaga’amuu fi maashaalee kee sochoosuuf si gargaaru daddabarsa.

Narviin Miirawwan garaagaraa kan akka dhukkubbii, kulkulfannaa/xooxoo, hoo'aa, qorraa fi hadooddiin kan namatti beekamuun karaa narvii kanadha. Kana males Narviin hojii qaamaa kan akka bullaa'ina soorataa fi dha'annaa onnee kee ni to'ata.

Dhukkuba narvii kan jennu sirna qaamaa ergaa daddabarsuu fi ergaa deddeebisu kana irra hubaatiin ykn miidhaan yoo qaqqabudha. Yeeroo Narviin keenya hubamu/miidhamu qaamni ergaa sirnaan dabarsuu fi sammuun ergaa sirrii fudhatee hiikkaa qaceelloo kennuu hin danda'u.

Yeeroo haalli kun uumamu qaama keenna keessaa naannoon dhukkuba kanaan miidhame ajajaan ala ta'a. Fakkeenyaaf sochiin qaama keenya harkifachuu, maashaan qaama ajajamu diduu, harki hollachuu(Parkinson's), afaan dabuu, miilli hadooduu fi kkf.
Rakkoon kun qaama keenya iddoo kamittuu mudachuu danda'a.

Akka barteetti hawaasni dhukkuba kanaan ˝Waan Lafaa˝ jedhanii yaamu. Nama afaan dabe ykn micciirame yoo argan waan lafaattu tuqe jedhanii amanu.

'Waan lafaa’ waan jedhamu kana irratti ilaalcha lamatu hawaasa keessaa calaqqisa. Namoonni tokko waan lafaa jechuun jinniidha. Yeeroo namni kufe lafa keessaa nama rukutti jedhanii amanu. Dhaloonni saayinsii ammoo 'waan lafaa' jechuun waan biraa usuu hin taane “humna harkisa lafaa“(gravitya) dha jedhanii saayinsiin wal'qabsiisuuf yaalu.

Dubbiin jinnii haa ta'uu humna harkisa lafaas haa ta'u, lameen isaaniitu sirna narvii irratti miidhaa akka geessan ogeeyyiin giiddu-gala yaala aadaa «Kuush» qorannaa fi muuxannoo woggoota dheeraaf qaban irraa a'anii mirkaneesanii jiru.

Qorannoon saayinsii godhameenis humni harkisa lafaa narvii lubbu qabeeyyii irratti miidhaa akka fidu mirkaneessanii jiru. Gravity affects the nervous system of living organisms.

Akka fakkeenyaatti:-
The Effect of Gravity on the Nervous System
BY:Florian P.M. Kohn, Claudia Koch and Ramona Ritzmann
Submitted: 01 December 2017 Reviewed: 31 January 2018 Published: 30 May 2018

Dhukkubni Kun Maal Irraa Namatti Dhufa?

▴ Miidhama qaamaa:- miidhaa qaamaa kan akka kufuu/lafa dhayuu, hidhi cituu, diiskiin bakkaa mucucaatuu, caba lafee kan narvii qaama keessaa kutuu cafaquu fi miidhuu danda'an.

▴ Qorra gar-malee ykn hoo'a humnaa olii:- dhukkubni Narviin yeeroo yeeroo garii kan uumamu haala qilleensaa baayyee diilallaa'aa keessaa gara qilleensa hoo'aatti ykn qilleensa baayyee hoo'aa keessaa gara qilleensa qabbanaayaatti yoo jijjiiratanidha.

▴ Sochii qaamaa saayinsii ispoortiin hin deeggaramne:- namoonni sochii qaamaa qajeelfama ogeessa ispoortii malee taasisan dhukkuba kanaaf saaxilamoodha. Fakkeenyaaf yeeroo woraanaatti namoonni leenjii salphaa irraa usuu hin eegalin takkumaan ispoortii ciccimoo yoo hojjachiisan mudhatu. Kanumaaf loltoonni hedduun dhukkuba Narvii himatu.

▴ Dhukkuboota biroo keesumaa dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onnee, dhukkuba Riihii, gaggabdoo.

▴ Hir'ina nyaataa keessumaa vitaaminoota B, B6 B12

▴ Sanyiidhaan( genetics)
▴ Alkoolii hedduu dhuguu

▴ Cafaqamuu (compression) narvii qaama keessaa kan sababa gara garaa akka dhukkuba dhiitaa qaama keessaa fi miidhama alaan nurra ga'urraa dhufu

▴ Qorichoota dhukkuba biraaf yeeroo dheeraa fudhataman kan akka qoricha dhibee kaanserii; HIV fi kanneen biroo

Dhukkubni kun erga nama qabatee mallattoo akkamii argisiisaa?

▪Qaama keessa nama gubuu: keessumaa miilaa fi harka keessa nama guba. Faanaa kaasee hanga sammuutti nama guba.

▪Qaamni namaa keessattuu miilaaf harki aduu gubaa keessa nama irratti diilallaaya. Yeeroo garii qilleensa qabbanaa keessa qaamni baayyee nama hoo'a. Nama tokko tokko qorra keessa qaamni dafqa(fuursa)

▪Mataa keessa nama guba. Sammuu qixxee keessatti miirri gubaa namatti dhagayama.

▪Miira gara garaa kan akka dhukkubbii qaamni keenya dabarsuu dadhabuu ykn hadooddii namatti uuma. Yeeroo qaamni hadoodu yoo woraananis hin dhukkubu, ibiddis yoo gube miirri gubaa itti hin dhagayamu.

▪Mudhii qabee ol-jechuuf gadi jechuu dhoogguu, mudhii gaditti nama ulfaachuu, luka walfaana lafaa fuuchuu dadhabuu, yoo itti cime hokkolchiisuus ni danda. Qunnamtii saalaa dadhabsiisuu

▪Dhukkubbiin akka waraansa miila fi harka keessaa nama dhukkubuu, harki hollachuu, fuulli rirrifachuu/butamuu, ijji hollachuu.

▪Qaamni keenya keessumaa miilaa fi harki keenya humna guutuun socho'uu dadhabuu ykn nuuf abboomamuu diduu.

Dhukkubni kun akka nama hin qabneef maal maal gochuu qabna?

▪Sochii qaamaa walitti fufaa ta'e fi hirriba ga'aa rafuu,boqannaa ga'aa argachuu.Nyaata madaalamaa ta'e haga dandeenye keessumaa kuduraaf muduraa nyaachuu fi dhangala'aa baayyee dhuguu qabna. Alkoolii kan dhugnu dhaabuu. Dhukkubsataa/ttuu sukkaaraa yoo taane qoricha nuuf kennamu seeraan fudhachuun giluukoosii qaama keenya keessaa bakka barbaadametti eeguu.

Galatoomaa!!
Fayyaa ta'aa!!

 /2017  Waajjira Fayyaa Aanaa Dagamitti Duulli Raabsa Qoricha Raammoo Maxxantuu garaa Daa'imman umurii 5-14 gidduu jiran...
25/10/2024

/2017
Waajjira Fayyaa Aanaa Dagamitti Duulli Raabsa Qoricha Raammoo Maxxantuu garaa Daa'imman umurii 5-14 gidduu jiraniif guyyoota 7 kennamu Manneen Barnootaa fi sadarkaa gandaatti kennuu eegalamee jira.

Dhiibba Dhiigaa Olka’aa (Hypertension)----------------------------::------------------------•  Dhiibbaa dhiigaa olka’aan...
25/10/2024

Dhiibba Dhiigaa Olka’aa (Hypertension)
----------------------------::------------------------
• Dhiibbaa dhiigaa olka’aan hanga eegamuu olitti yeroo ol ka’uudha.
• Namootni hedduu rakkoo kana akka qaban hin beekan.
• Dhiibbaan dhiigaa fayya qabeessa: 120/80
Mallattoolee dhiibbaa dhiigaa cimaa
• Bowwoo mataa cimaa, hirriba dhabuu, dadhabbii, haqqee, dafqisiisuu, arguu dhabuu, funuuna,dhukkubbii qomaa,rakkoo afuura baafachuu fa’i.
Karaalee ittisaa fi yaalii
A.Yaalii qorichaan alaa
• Haala nyaataa: kuduraa fi fuduraa baay’isuu, Soogidda,sukkaara, foon coomaa, bu’aa loonii fi kkf xiqqeessuu
• Sochii qaamaa: torbeetti guyyaa 5 daqiiqaa 30f taasisuu
• Ulfaatina qaamaa fi Dhugaatii alkoolii hir’isuu
• Tamboo xuuxuu dhiisuu
B.Yaalii qorichaa
Haala gorsa ogeessan hordoffii fi yaaliin qorichaa barbaachisaadha

Fayyaa Qabaadhaa!

 # !!! Harka Fuune Jechaa kabajamtoota uummata Aanaa Dagam maraaf dhaamsa nuuf qaqqabsiisaa...   Guyyaa 15/02/2017 irraa...
22/10/2024

# !!!

Harka Fuune Jechaa kabajamtoota uummata Aanaa Dagam maraaf dhaamsa nuuf qaqqabsiisaa...
Guyyaa 15/02/2017 irraa eegalee guyyoota 7'f
1.Hojii duula raabsa qoricha Garaa Daa'imman umrii 5-14 jiraniif sadarkaa mana baruumsaatti waan kennamuuf kan mana barumsaa hin deemne yoo jiraate akka deemanii fudhatan
2.Namoota dhibee qaban calalliin TT surgery fi cataract surgery Bu/Fayyaa Hambisootti gaggeefamuun tajaajila yaala bilisaaf gara Hospitaala Fiicheetti kan ergaman waan ta'eef namoota beektanitti ergaa dabarsaa
3.Namoota dhibee Dhiitoo miilaa qaban. miilaa lamanii fi Dhiitoo miilaa tokko qabaniifis tajaajilli yaala bilisaa waan kennamuuf akka galmahaniif yoo mana bahuu hin dandeenye ammoo ogeeyyii Fayyaatti himaa.
4. Namoota torban lamaa fi sanaa ol qaban gara Buufata Fayyaatti erguu,
Ergaa kana waan nuuf qaqqabsistaaniif tajaajila lammummaa keessan waan bahattaniif galatoomaa!
Fayyaa_Aanaa_Dagam irraa!!!
Fayyaa Hawaasa mirkaneessuun hawaasa Fayyaa qabeessa fi Oomishaawaa tahe yaa horannu!

Walhubannaa fi waldhageettin jiraannaan jijjiiramni fi bu'aa guddaan mana hojii keessatti dhufuu danda'a. Dr. Mangistuu ...
02/05/2024

Walhubannaa fi waldhageettin jiraannaan jijjiiramni fi bu'aa guddaan mana hojii keessatti dhufuu danda'a. Dr. Mangistuu Baqqalaa Hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa. Ebla 24 bara 2016 Finfinnee.
================================
Biiroon fayyaa Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii ji'a sagalii bara 2016 gaggeessee jira.
Hoogganaan biiroo fayyaa Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqalaa saganticha irratti argamuun haasaa taasisaniin seektarri fayyaa daandii milkaa'inaa irra jiraachuu kaasanii jiru.

Dr. Mangistuun itti dabaluun, akka jedhaniitti, walhubannaa fi waldhageettin jiraannaan jijjiiramni fi bu'aa guddaan dhufuu danda'a. Milkaa'aanni dhufaa jirus caalmatti itti fufsiisuuf karaa qindoomina qabuun hojii hoogganaa deemuun murteessadha ta'uu ibsanii jiru.
Haata'u malee, hojiin amma illee xiyyeeffannaan hojjatamuu qaban akka jiran dubbatanii jiru.
Xumura irratti, milkaa'ina keenya akka galteetti fudhannee hanqinaalee jiran fooyyeeffachuuf cimnee hojjachuu qabna jedhanii jiru.

Gamaggama kana irratti gabaasni raawwii baatii sagalii bara 2016 dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffamee jira.
Xumuraa irrattis hojjattoonni biiroo fayyaa
Ebla 24 bara 2016 Finfinnee

ዛሬ የ”ፅዱ ጎዳና ኑሮ በጤና” የዲጂታል ቴሌቶን ተሳትፎ ላደረጋችሁ ሁሉ ምስጋና ማቅረብ እፈልጋለሁ። ለጋራ ጥቅም በጋራ ስንቆም ድንቅ እንሆናለን።  እስከአሁን በ  #ጽዱኢትዮጵያ ቴሌቶኑ ያል...
02/05/2024

ዛሬ የ”ፅዱ ጎዳና ኑሮ በጤና” የዲጂታል ቴሌቶን ተሳትፎ ላደረጋችሁ ሁሉ ምስጋና ማቅረብ እፈልጋለሁ። ለጋራ ጥቅም በጋራ ስንቆም ድንቅ እንሆናለን። እስከአሁን በ #ጽዱኢትዮጵያ ቴሌቶኑ ያልተሳተፋችሁ ዛሬ በቀሪዎቹ ሰዓታት፣ በመጪዎቹ ቀናት እና ሳምንታትም እንድትቀላቀሉ አበረታታችኋለሁ። በጋራ ትርጉም ያለው በጎ ተፅዕኖ መፍጠር እንችላለን።

Warra har'a teletoonii dijiitaalaa "Daandii Qulqulluu - Jireenya Fayyaa" irratti hirmaattan hunda galateeffachuun barbaada. Bu'aa waloof yoo waliin dhaabanne ni miidhagna. Warri hamma yoonaatti teletoonii irratti hin hirmaanne har'a sa'aa hafanitti, akkasumas guyyootaafi torbeewwan dhufanitti akka hirmaattanin isin jajjabeessa. Waliin taanee dhiibbaa gaarii faayidaa qabu uumu ni dandeenya.

I want to extend my gratitude to everyone who has joined the 'Clean Streets - Healthy Lives' digital telethon today. We are colorful when we come together for a collective cause. For those who haven't participated yet, I encourage you to join the digital telethon today and in the days and weeks ahead. Together, we can make a significant impact.

Our real role model!!!ዛሬ የ”ፅዱ ጎዳና ኑሮ በጤና” የዲጂታል ቴሌቶን ተሳትፎ ላደረጋችሁ ሁሉ ምስጋና ማቅረብ እፈልጋለሁ። ለጋራ ጥቅም በጋራ ስንቆም ድንቅ እንሆናለን። እስከአሁን በ #ጽዱኢትዮጵያ ቴሌቶኑ ያልተሳተፋችሁ ዛሬ በቀሪዎቹ ሰዓታት፣ በመጪዎቹ ቀናት እና ሳምንታትም እንድትቀላቀሉ አበረታታችኋለሁ። በጋራ ትርጉም ያለው በጎ ተፅዕኖ መፍጠር እንችላለን።

Warra har'a teletoonii dijiitaalaa "Daandii Qulqulluu - Jireenya Fayyaa" irratti hirmaattan hunda galateeffachuun barbaada. Bu'aa waloof yoo waliin dhaabanne ni miidhagna. Warri hamma yoonaatti teletoonii irratti hin hirmaanne har'a sa'aa hafanitti, akkasumas guyyootaafi torbeewwan dhufanitti akka hirmaattanin isin jajjabeessa. Waliin taanee dhiibbaa gaarii faayidaa qabu uumu ni dandeenya.

I want to extend my gratitude to everyone who has joined the 'Clean Streets - Healthy Lives' digital telethon today. We are colorful when we come together for a collective cause. For those who haven't participated yet, I encourage you to join the digital telethon today and in the days and weeks ahead. Together, we can make a significant impact.

Our real role model!!!

HIR'INA DHIIGAA (ANEMIA)Hir'ina dhiigaa jechuun yoo seeliin dhiiga diimaa qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisu...
23/04/2024

HIR'INA DHIIGAA (ANEMIA)
Hir'ina dhiigaa jechuun yoo seeliin dhiiga diimaa qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu'e jechuudha.

MALLATTOO
1. Dadhabbii, afuurri cituu
2. Mataa dhukkubbii
3. Lafti namaan maruu,
4. Waa yaadachuu dadhabuu.
5. Dha'annaan onnee oduma taa'anii akka
nama fiiguu namatti dhaga'amuu.
6. Gurra keessaa namatti iyyuu
7. Dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf.

KA'UMSA
1. Dhiiguu (kanneen akka da'umsaa, balaa tasaa, marsaa laguu yeroo dheeraa, kintaarootii fi kkf)
2. Hir'ina viitamin B.
3. Hir'ina elementii ayirenii (Iron)
4. Raammoo garaa (hook worm)
5. Dhukkuba busaa (malaria)
6. Dhukkuba kalee yoo namarra ture
7. Dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni
oomishamu) miidhan.
8. Dhukkubootni biroo kan yeroo dheeraaf
namarra turan illee hir'ina dhiigaa ni fidu.

NYAATA KAMTU HIR'INA DHIIGAA ITTISA?
1. Tiruu beeyladootaa
2. Hundee diimaa.
3. Timaatimaa fi loomii.
4. Kuduraalee fi muduraalee.
5. Damma fi Aannan
6. Nyaata armaan olii kana yoo nyaannu
bunaa fi shayii waliin dhuguu hin qabnu.
Kunis xuuxamuu iron waan hir'isuuf.

Fayyaan Faaya

Address

Oromia, North Shoa, Degem, Hambiso
Degem Hambiso

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Dagam posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category