15/11/2024
DHUKKUBA NERVII
Narviin mataa isaatti dhukkuba isuu hin taane sirna qaamaati. Sirnoota qaama keenyaa isaan gurguddaa keessaa isa tokko yoo ta'u; dalagaan narvii sammuu fi qaama jiddutti ergaawwaanii fi ajaja daddabarsuu fi qaama to'achuudha. Narviin kutaalee bu’uuraa sirna narvii keessanii keessaa isa tokkodha.
Guutummaa qaama namaa narvii ni qaba. Narviin ergaa elektirikii(electrical signals) kan miira sitti dhaga’amuu fi maashaalee kee sochoosuuf si gargaaru daddabarsa.
Narviin Miirawwan garaagaraa kan akka dhukkubbii, kulkulfannaa/xooxoo, hoo'aa, qorraa fi hadooddiin kan namatti beekamuun karaa narvii kanadha. Kana males Narviin hojii qaamaa kan akka bullaa'ina soorataa fi dha'annaa onnee kee ni to'ata.
Dhukkuba narvii kan jennu sirna qaamaa ergaa daddabarsuu fi ergaa deddeebisu kana irra hubaatiin ykn miidhaan yoo qaqqabudha. Yeeroo Narviin keenya hubamu/miidhamu qaamni ergaa sirnaan dabarsuu fi sammuun ergaa sirrii fudhatee hiikkaa qaceelloo kennuu hin danda'u.
Yeeroo haalli kun uumamu qaama keenna keessaa naannoon dhukkuba kanaan miidhame ajajaan ala ta'a. Fakkeenyaaf sochiin qaama keenya harkifachuu, maashaan qaama ajajamu diduu, harki hollachuu(Parkinson's), afaan dabuu, miilli hadooduu fi kkf.
Rakkoon kun qaama keenya iddoo kamittuu mudachuu danda'a.
Akka barteetti hawaasni dhukkuba kanaan ˝Waan Lafaa˝ jedhanii yaamu. Nama afaan dabe ykn micciirame yoo argan waan lafaattu tuqe jedhanii amanu.
'Waan lafaa’ waan jedhamu kana irratti ilaalcha lamatu hawaasa keessaa calaqqisa. Namoonni tokko waan lafaa jechuun jinniidha. Yeeroo namni kufe lafa keessaa nama rukutti jedhanii amanu. Dhaloonni saayinsii ammoo 'waan lafaa' jechuun waan biraa usuu hin taane “humna harkisa lafaa“(gravitya) dha jedhanii saayinsiin wal'qabsiisuuf yaalu.
Dubbiin jinnii haa ta'uu humna harkisa lafaas haa ta'u, lameen isaaniitu sirna narvii irratti miidhaa akka geessan ogeeyyiin giiddu-gala yaala aadaa «Kuush» qorannaa fi muuxannoo woggoota dheeraaf qaban irraa a'anii mirkaneesanii jiru.
Qorannoon saayinsii godhameenis humni harkisa lafaa narvii lubbu qabeeyyii irratti miidhaa akka fidu mirkaneessanii jiru. Gravity affects the nervous system of living organisms.
Akka fakkeenyaatti:-
The Effect of Gravity on the Nervous System
BY:Florian P.M. Kohn, Claudia Koch and Ramona Ritzmann
Submitted: 01 December 2017 Reviewed: 31 January 2018 Published: 30 May 2018
Dhukkubni Kun Maal Irraa Namatti Dhufa?
▴ Miidhama qaamaa:- miidhaa qaamaa kan akka kufuu/lafa dhayuu, hidhi cituu, diiskiin bakkaa mucucaatuu, caba lafee kan narvii qaama keessaa kutuu cafaquu fi miidhuu danda'an.
▴ Qorra gar-malee ykn hoo'a humnaa olii:- dhukkubni Narviin yeeroo yeeroo garii kan uumamu haala qilleensaa baayyee diilallaa'aa keessaa gara qilleensa hoo'aatti ykn qilleensa baayyee hoo'aa keessaa gara qilleensa qabbanaayaatti yoo jijjiiratanidha.
▴ Sochii qaamaa saayinsii ispoortiin hin deeggaramne:- namoonni sochii qaamaa qajeelfama ogeessa ispoortii malee taasisan dhukkuba kanaaf saaxilamoodha. Fakkeenyaaf yeeroo woraanaatti namoonni leenjii salphaa irraa usuu hin eegalin takkumaan ispoortii ciccimoo yoo hojjachiisan mudhatu. Kanumaaf loltoonni hedduun dhukkuba Narvii himatu.
▴ Dhukkuboota biroo keesumaa dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onnee, dhukkuba Riihii, gaggabdoo.
▴ Hir'ina nyaataa keessumaa vitaaminoota B, B6 B12
▴ Sanyiidhaan( genetics)
▴ Alkoolii hedduu dhuguu
▴ Cafaqamuu (compression) narvii qaama keessaa kan sababa gara garaa akka dhukkuba dhiitaa qaama keessaa fi miidhama alaan nurra ga'urraa dhufu
▴ Qorichoota dhukkuba biraaf yeeroo dheeraa fudhataman kan akka qoricha dhibee kaanserii; HIV fi kanneen biroo
Dhukkubni kun erga nama qabatee mallattoo akkamii argisiisaa?
▪Qaama keessa nama gubuu: keessumaa miilaa fi harka keessa nama guba. Faanaa kaasee hanga sammuutti nama guba.
▪Qaamni namaa keessattuu miilaaf harki aduu gubaa keessa nama irratti diilallaaya. Yeeroo garii qilleensa qabbanaa keessa qaamni baayyee nama hoo'a. Nama tokko tokko qorra keessa qaamni dafqa(fuursa)
▪Mataa keessa nama guba. Sammuu qixxee keessatti miirri gubaa namatti dhagayama.
▪Miira gara garaa kan akka dhukkubbii qaamni keenya dabarsuu dadhabuu ykn hadooddii namatti uuma. Yeeroo qaamni hadoodu yoo woraananis hin dhukkubu, ibiddis yoo gube miirri gubaa itti hin dhagayamu.
▪Mudhii qabee ol-jechuuf gadi jechuu dhoogguu, mudhii gaditti nama ulfaachuu, luka walfaana lafaa fuuchuu dadhabuu, yoo itti cime hokkolchiisuus ni danda. Qunnamtii saalaa dadhabsiisuu
▪Dhukkubbiin akka waraansa miila fi harka keessaa nama dhukkubuu, harki hollachuu, fuulli rirrifachuu/butamuu, ijji hollachuu.
▪Qaamni keenya keessumaa miilaa fi harki keenya humna guutuun socho'uu dadhabuu ykn nuuf abboomamuu diduu.
Dhukkubni kun akka nama hin qabneef maal maal gochuu qabna?
▪Sochii qaamaa walitti fufaa ta'e fi hirriba ga'aa rafuu,boqannaa ga'aa argachuu.Nyaata madaalamaa ta'e haga dandeenye keessumaa kuduraaf muduraa nyaachuu fi dhangala'aa baayyee dhuguu qabna. Alkoolii kan dhugnu dhaabuu. Dhukkubsataa/ttuu sukkaaraa yoo taane qoricha nuuf kennamu seeraan fudhachuun giluukoosii qaama keenya keessaa bakka barbaadametti eeguu.
Galatoomaa!!
Fayyaa ta'aa!!