Waajjiraa A/Alangaa Aanaa Dirree

Waajjiraa A/Alangaa Aanaa Dirree Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjiraa A/Alangaa Aanaa Dirree, Legal, Dirree Woreda, Borena.

15/08/2026

‎🇪🇹 Bulchaan Gandaa fi Waajjirri Bulchiinsa Gandaa Aangoo fi Gahee Hojii Akkamii Qabu?


‎🔵 Keewwata 37

‎✅️ Aangoofi Hojii Waajjira Bulchiinsa Gandaa

‎Aangoofi hojiin seerota birootiin kennameef akkuma eegametti ta’ee, Waajjirri Bulchiinsa Gandaa aangoofi hojii armaan gadii ni qabaata:

‎🔹 1) Bulchaan Gandaa aangoofi hojii isaa raawwachuu akka danda’u haala ni mijeessa;

‎🔹 2) Hojiirra oolmaa imaammatootaa, tarsiimoo fi sagantaalee misooma mootummaa ilaalchisee hordoffii fi deeggarsa ni taasisa;

‎🔹 3) Mana Maree Yubootaa waliin qindoominaan ni hojjeta;

‎🔹 4) Karoora Gandichaa ni xiinxala; agarsiiftuuwwan milkaa’inaa Naannoon qophaa’e hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; ni deeggara;

‎🔹 5) Wixinee karooraa ni qopheessa; hooggansa ol’aanaaf ni dhiyeessa; murtiifi kallattii raawwii kennamu galtee taasisuun karoora keessatti qabamuu isaa hordooffii fi deeggarsa ni taasisa;

‎🔹 6) Gabaasa Gandichaa ni xiinxala; gabaasni manneen hojii karoora mootummaa waliin deemuu isaa ni xiinxala; gabaasa qaama raawwachisaa Mana Maree Gandichaatiif ni dhiyeessa;

‎🔹 7) Gamaaggama raawwii hojii ni gaggeessa; gabaasa raawwii hojii seektaraalee Gandichaa ni xiinxala; gamaaggama waltajjii irratti kallattii hooggansi ol’aanaan kenne bu’uureffachuun duubdeebii ni kenna;

‎🔹 8) Suparvizyinii hojii dirree ni gaggeessa; argannoo suparviizyinii dirree irratti duubdeebii ni kenna; hojiirra oolmaa imaammataafi tarsiimoo mootummaa qaama dhimma ilaalu waliin ta’uudhaan xiinxaluun ciminaalee, hanqinaaleefi rakkoolee jiran adda baasudhaan qaama ol’aanaaf ni dhiyeessa;

‎🔹 9) Miseensota Mana Maree Bulchiinsaatiif waamicha ni taasisa; qaboo yaa’ii ni qaba; murteewwaniifi kallattiiwwan Mana Marichaatiin kennaman qaama dhimma ilaaluuf ni dabarsa; waltajjii itti aanu irratti qaboo yaa’ii dhiyeessuun akka raggaasifamu ni taasisa; dokumantiifi ragaawwan Mana Maree qindeessuudhaan sirnaan ni qabata;

Seeraan Ala Nama Qabanii Hidhuu,Tursiisuu fi Ugguruun itti gaafatamummaa yakkaa akkamii qaba?‎‎✅️Seerri Yakkaa FDRE Bara...
15/08/2026

Seeraan Ala Nama Qabanii Hidhuu,Tursiisuu fi Ugguruun itti gaafatamummaa yakkaa akkamii qaba?

‎✅️Seerri Yakkaa FDRE Bara 1996 Fooyya'ee Bahe kana irratti maal jedha?

‎⚖Seerichi Itti gaafatamummaa yakkaa Seeraan Ala Qabanii Ykn Hidhuu, Qabanii Tursiisuu fi Nama Ugguruu akka gadii kanatti tumee jira.
‎ Isaaniis⬇️
‎1️⃣Karaa Seeraan Ala Taheen Nama Qabuu Yookiin Hidhuu; SY Keewwata 423.
‎☆Hojjetaan mootummaa kamiyyuu haala seeraan ibsameen ala ykn sirnaafi eeggannoo seeraa osoo hin hordofiin nama biroo qabuun, hidhuun, yookiin haala kamiiniyyuu bilisummaa isaa kan dhabsiise yoo tahe, hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleefi adabbii maallaqaatiin ni adabama.
‎2️⃣Seeraan Ala Qabanii Tursiisuu Kwt. 585👇
‎1. Namni kamiyyuu haala faallaa seeraa ta’een yookiin ajaja seera qaabeessa malee nama biroo kan qabe, kan hidhe yookiin hidhamaadha jedhee qabee kan kaaye yookiin haala biroo kamiiniyyuu asiifi achi akka hin deemne bakka tokkotti kan dhoorke ykn bilisummaa isaa kan dhabsiise yoo tahe; hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen ni adabama.
‎2. Yakkichi kan raawwatame
‎(a) sobaan dhukkuba sammuu qaba yookiin balaafamaadha jechuun yoo tahe; yookiin
‎(b) yeroo guyyaa torbaa ol ta’eef yoo tahe; hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
‎3. Gochichi kan raawwatame mootummaan, jaarmiyaan addunyaalessaa, namni dhuunfaa yookiin jaarmiyaan namummaan seeraa kennameef hojii tokko yoo raawwate yookiin raawwachuu irraa of qusate malee lubbuu, qaama yookiin bilisummaa nama ugguramee irratti miidhaa cimaan akka gahu yookiin hidhaan akka itti fufu doorsisuun kan ta’e yoo tahe; hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhanii gahuun ni adabama.
3️⃣Nama Ugguruu SY Keewwata 586.
‎➡️Namni kamiyyuu nama biroo humnaan ukkaamsuun kan fudhate yoo tahe yookiin gochicha kana kan raawwate doorsisuun, dirqisiisuun, dabaan, gowwomsuun yookiin haala biroo kamiiniyyuu hayyama nama biroo kanaa erga argatee booda yoo tahe; hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen ni adabama.

Qabeenya maddi isaa hin beekkamne namni Horate mootummaan akka dhaalamu quba qabduu  ?                     Bu'uura Labsi...
02/08/2026

Qabeenya maddi isaa hin beekkamne namni Horate mootummaan akka dhaalamu quba qabduu ?

Bu'uura Labsii 1361/2017 kew.5 tiin Namni kamiyyuu:-
1.Kallattiinis ta’ee karaa naannawaatiin qabeenyi qabu yookiin sadarkaan jireenyaa amma itti jiraatu yookiin hojii kanaan duraa irra ture yookiin karaa biraa kan argatu yookiin galii seera qabeessa argachaa turen kan wal hin madaallee akka ta’e fi madda qabeenyicha yookiin sadarkaa jireenyaa ilaalchisee shakkii yakkaa sababaawaa ta’e yeroo jiraatu; sadarkaan jireenyaa akaakuu kanaa yookiin qabeenya qabu akkamitti qabaachuu akka danda’ee mana murtiitiif yoo hubachiiseen malee qabeenyichi ni dhaalama.
2. Kan keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee galii seera qabeessa akka qabu kan hubachiisu sirni ittin galmaa’ee yoo hin jiraannee yookiin galichi gadii aanaa ta’uu isaatiin namni gibiraa irraa bilisaa ta’e kallattiinis ta’ee karaa naannawaa qabeenyi qabu yookiin sadarkaa jireenyaatiin kan argatu yookiin kan argachaa ture galii seera qabeessa ta’ee wajjiin kan wal hin madaallee akka ta’e sadarkaa jireenyaa akaakuu kanaa yookiin qabeenya qabu akkamitti argachuu akka danda’e mana murtiitiif yoo hubachiisee malee qabeenyichi ni dhaalama.

Taariif Geejjibaa  Murtaa'ee Waan jiruuf Namni kamuu Taariifa kana Olii yoo isan gaafatani Qaamaa seeraatiif Eeruu dhiye...
15/04/2026

Taariif Geejjibaa Murtaa'ee Waan jiruuf Namni kamuu Taariifa kana Olii yoo isan gaafatani Qaamaa seeraatiif Eeruu dhiyeessa.

Hordoftootnii  Amantaa Kiristaana hundinuu Baga Ayyaana Faasika Bara 2018 Nagaan Geettanii jechaa"" Akkumaa Waliin Miyyu...
11/04/2026

Hordoftootnii Amantaa Kiristaana hundinuu Baga Ayyaana Faasika Bara 2018 Nagaan Geettanii jechaa"" Akkumaa Waliin Miyyuu Qixxee Geennee, Ayyaannii Ayyaana Milkii Gammachuu fi Jaalalaa' kan quufaa fi gabbinnaa' nuuf hata'uu!! Waggaa Waggaan nu haga'uu.

Hardhas akkuma ittii fufe jira...    WAA Dirree:RTD! Galmee Ariifachiisaa Yakka Diingadee Aanaa Dirree:Himatamtoonni yak...
09/04/2026

Hardhas akkuma ittii fufe jira... WAA Dirree:

RTD! Galmee Ariifachiisaa Yakka Diingadee Aanaa Dirree:

Himatamtoonni yakka Meeshaa yookiin tajaajila daldalaa gatii meeshichaa irraan yookiin kuusaa meeshichaa
maxxanfameen ol caalchiisanii gurguranee Adabbii hidhaa waggaa tokkoon daangaa waggaa lamaa Fi adabbii maallaqaa 1500 Adabamane,
Himatamtoonnii👇

1.Caalaa Abarraa
2.Kiflee Nagaash
3.Shamsuu Mohammad
4.Mubarik Nasir jedhamanu 👇

Himatamtoonnii Kun Godina Booranaa Aanaa Dirree Gandaa Qabbanaa'a iddoo garagaraa Dukkana (Suuqii)
Keessatti guyyaa hardhaa jechuun gaafa guyyaa 01/08/2018 ganama keessaa saatii garaagaraattii gatii meeshaa seeraan murtaa'e oliin gurgurtaa osoo geggeessaa jiranuu harkaa Fi harkatti waan qabamaneef Abbaan Alangaa Himannaa seera roogummaa qabuun saaqun labsii 813/2006 kewt 22 (14) Fi 43 (3) saaqee mana murtiit dhiyeessee himatamtoonnii Yakka raawwatane guutuu isaa waan amananeef tokkon tokkon himatamtoota akeekkachiisa wajjiin adabbii hidhaa waggaa tokko daangaa waggaa lamaa Fi adabbii maallaqaa 1500 adabee Ooleera..
... Dirree

RTD! Galmee Ariifachiisaa Yakka Diingadee Aanaa Dirree:Himatamtoonni yakka Meeshaa yookiin tajaajila daldalaa gatii mees...
09/04/2026

RTD! Galmee Ariifachiisaa Yakka Diingadee Aanaa Dirree:

Himatamtoonni yakka Meeshaa yookiin tajaajila daldalaa gatii meeshichaa irraan yookiin kuusaa meeshichaa
maxxanfameen ol caalchiisanii gurguranee Adabbii hidhaa waggaa tokkoon daangaa waggaa lamaa Fi adabbii maallaqaa 1500 Adabamane,
Himatamtoonnii👇

1.Mudiin Deyamo
2.Galaanaa Leenjisoo
3.Isaq Baddeessaa
4.Fadiyaa Guyyoo
5.Alimuddiin Zakir
6.Musxafaa Sayid
7.Hasan Waabalaa
8.Fadiilaa najat jedhamanu 👇

Himatamtoonnii Kun Godina Booranaa Aanaa Dirree Gandaa Qabbanaa'a iddoo garagaraa Dukkana (Suuqii)
Keessatti guyyaa hardhaa jechuun gaafa guyyaa 30/07/2018 ganama keessaa saatii garaagaraattii gatii meeshaa seeraan murtaa'e oliin gurgurtaa osoo geggeessaa jiranuu harkaa Fi harkatti waan qabamaneef Abbaan Alangaa Himannaa seera roogummaa qabuun saaqun labsii 813/2006 kewt 22 (14) Fi 43 (3) saaqee mana murtiit dhiyeessee himatamtoonnii Yakka raawwatane guutuu isaa waan amananeef tokkon tokkon himatamtoota akeekkachiisa wajjiin adabbii hidhaa waggaa tokko daangaa waggaa lamaa Fi adabbii maallaqaa 1500 adabee Ooleera..
... Dirree

Address

Dirree Woreda
Borena

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjiraa A/Alangaa Aanaa Dirree posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category