29/04/2024
Guyyaan qormaanni kutaa 12ffaa itti kennamu ifoome
====
Qormaanni kutaa 12ffaa baranaa Adoleessa 3, 2016 eegalee kan kennamu ta’uu Tajaajjilli Qormaatileefi Madaallii ifoomseera.
Qormaanni saayinsii Hawaasaa Adoleessa 3 - 5, 2016, Saayinsiin uumamaa Adoolessa 9 -11, 2016 Yuunivarsiitiwwanitti 'Online' fi waraqaan kan kennamu ta’uu Tajaajjilichi himeera.
Barattoonni Saayinsii Hawaasaa Waraqaan qoraman Waxabajjii 30 hanga Adoolessa 1, 2016, Saayinsiin Uumamaa ammoo Adoolessa 6 - 7, 2016 gara Yuunivarsiitii kan seenaan ta’uu himeera.
Barattoonni kana hubatanii yeroon qophii barbaachisa akka taasiisaan hubachiisuusaa Tajaajjila Qormaatileefi Madaalliirraa odeeffanne.