Fuula Hubannoo Seeraa

Fuula Hubannoo Seeraa ⚖️ Seera Wallaaluun Itti Gaafatamummaa Seeraa Jalaa Nama Hin Baasu 🫵

Akka Seera Maatii Oromiyaatti (SMO) gaa'elli diiggaanis ta’ee ykn  du'aa kan diigame ta’us, qabeenyi kan qulqullaa’u wal...
28/08/2026

Akka Seera Maatii Oromiyaatti (SMO) gaa'elli diiggaanis ta’ee ykn du'aa kan diigame ta’us, qabeenyi kan qulqullaa’u waliigalteen ykn walta’iinsaan ta’uu fi kun yoo hin jirre ykn hin danda’amne garuu qabeenyi kan qulqullaa’u akkaataa SMO kwt 113 fi itti aananii jiraniin akka ta’e SMO kwt 93 bu’ura gochuun MMWF Dh Ijbt glme Lkk, 138837 (Jld 22)) irratti hiikkoo kennee jira.
Mulugeta F. Binegde
Odeeffannoo guutuu argachuuf telegram kana join godhaa 👇👇👇

https://t.me/Hubannoo_Seeraa ~Seera wallaaluun itti gaafatamummaa seeraa jalaa nama hin baasu! Ignorance of law does not excuse!

Darbiinsa Yeroo Raawwii Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH) kwt 384 fi Murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaala...
26/08/2026

Darbiinsa Yeroo Raawwii
Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH) kwt 384 fi Murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa glm Lkk 35018 ta’erratti gaafa 18/02/2001 kennamuun Jld 8ffaa keessatti maxxanfame
===========================
Namni beela bahuuf haalli addaa fi amalli addaa yoo jiraate malee miidhaan nyaachuu akka isa barbaachisu Saayinsiin fayyaa kan ibsu yoo ta’u irraa caalaa fi baratamaanis bilcheeffatanii nyaachutu gorfama. Otuu hinbilcheessin fayyaa namaafis ta’ee pyscho namaafis hintolu.
Haaluma kanaan midhaan bilcheeffachuu qofa otuu hintaane kan bilchaate yeroodhaan myaatamuu baannaan ammas summi’aayuu ykn faayidaan ta’uun isaa beekamaadha.
Namni haqni ykn mirgi ykn dantaan isaa jalaa tuqame iyyannoo ykn hamannaa isaa qaama abbaa seerummaa , yeroo hedduu Mana Murtiitti qabutti dhiyeeffatee kabachiifachuu kan qabu yoo ta’u kanas daangaa yeroo seeraan ibsame ykn hiikkoo seeraan kennameen ibsame keessatti fayyadamuu yoo hafe mirgi isaa kan daangeffamu akka ta’e beekamaadha.
Akkasumas murteessifachuu qofa otuu hintaane waan murtaa’eef yeroodhaan hordofatee raawwachiifachuunis barbaachisaa akka ta’e duraanii hubachuun miidhaa irraa nama oolchaa. Jecha biraatiin akkuma nyaanni bilchaate yeroodhaan nyaatamuu yoo baate faayidaan ala ta’uu danda’u murtiin tokkos yeroodhaan raawwiif yoo dhiyaachuu baate daangaa yeroon daangeffama. Kunis SDFHH kwt 384 jalatti galmeen raawwii murtii altokko baname sababa adda addaan giddutti yoo cufames hanga waggaa 10 giddutti deebi’ee socho’uu akka danda’u tumamee kan jiru yoo ta’u abbaan mirgi murtaa’eef yeroo waggaa 10 keessatti akka fedhe galmee raawwii sochoofachuun raawwachiifachuu akka danda’u kan agarsiisudha.
Haata’u malee guyyaa murtiin kenname ykn nyaatichi bilchaate irraa kaasee waggaa 10 keessatti murtiin raawwiif yoo dhiyaachuu baate darbiinsa yeroo waggaa 10n kan daangeffamu akka ta’u Dhaddachi Ijbta MMWF SDFHH kwt 384 caqasuun galmee Lkk 35018 ta’erratti hiikkoo dirqisiisaa gaafa 18/02/2001 kennuun Jld 8ffaa keessatti maxxanfamee argama.
Kanaaf, namoonni mana murtiitti waa isiniif murtaa’e ykn fira ykn hiriyaa murtaa’eef qabdan yeroo barbaanne raawwachiifanna jettanii nyaata bilchaate ol hinkaahinaa dafaa raawwachiifadhaa, akka yeroodhaan raawwachiifatan hubachiisaa.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf telegram kana join godhaa
👇👇👇👇
https://t.me/Hubannoo_Seeraa

16/07/2026

Hojii Lotorii (Abbaa Carraa) Hayyama Malee Hojjachuun yakka tahuu beektuu?
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa

Namoonni tokko tokko meeshaa ykn wantoota addaa addaa bituun bu'aa irraa buufachuuf jedhanii ykn tooftaalee addaa addaa fayyadamuun qaamaan ykn bakkoota garaagaraa irraa karaa sarara intarneetaa (Online) irratti tikkeettii gurguruun kuchisiisuun hojii Lotorii (Abbaa Carraa) hayyama malee hojjachuun babal'achaa jira. Gochi kun yakka ta'uu isaa beektu?
Seerri Maal Jedha?
Akka Labsii Lotorii Biyyoolessaa Lakk. 535/2007 Keewwata 17 tti, hayyama Dhaabbata Lootorii Biyyoolessaa irraa argame malee hojii lotorii sochoosuun guutummaatti dhorgaadha.
Adabbii Yakkaa: Namni eeyyama malee hojii lotorii (Abbaa Carraa) hojjatee argame, akkaataa Labsii Lakk. 535/2007 tiin adabbii Hidhaa: Waggaa 3 gad hin taane, waggaa 5 kan hin caalle fi Adabbii Maallaqaa: Qarshii 50,000 gad hin taane, qarshii 100,000 kan hin caallen adabama jechuun tumamee jira.
Hojii seeraan alaa seeraan nama gaafachiisu irraa of qusadhaa!
Maddi:- Fuula Facebook

16/07/2026

Dhimma Dursee Murtii Argate (Res judicata) versus Dhimma kan Murtii Argate Keessatti Ka’uu Malee Otuu Hinka’in Dhiifame ( Constructive Res Judicata).
Dassaaleny Birhaanuu fi Bisraat Tasfaayeetiin
==================================================================
Falmii mana murtii irratti, walfalmitoonni falmii isaanii "Plan A" tarii yoo jalaa kufe falmii lammaffaa akka dhiyeessuuf isaanitti toluutti, falmii ykn ragaa falmii isa jalqabaa irratti akka himannaatti ykn deebitti dhiyeessanii irratti falmuu danda'an dhoksanii, booda himannaa lammaffaatiin dhiyeessuuf yoo yaalan ni mul'ata.
Biyyootni hedduun dhimmoota akkanaa dhowwuuf qajeeltoo seeraa "Constructive Res Judicata" jedhamuu ni qabu.
Akka yaada kiyyaatti SDFHH biyya keenyaas qajeeltoo seeraa kana keewwata 5(2) irratti waan haammachiise fakkaata.
Qajeeltoon seeraa "Constructive Res Judicata" kun ‘’Res Judicata’’ waliin ulaagaa walfakkaataa qaba moo miti? Kan jedhu dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabudha.
Res Judicata jechuun dhimma falmiin irratti dhiyaatee murtiin xumuraa irratti kenname lammaffaa dhiyeessanii falmuu kan dhoorkuudha.
Haa ta'u malee, "Constructive Res Judicata"n "Dhimma ykn falmii tokko falmii duraa keessatti dhiyeessuuf carraa osoo qabduu (might) fi dhiyeessuunis kan sirra ture (ought to be) ta’ee, utuu hin dhiyeessin yoo hafte, seeraan akka waan dhimmi sun dhiyaatee murtii argatetti lakkaawama."
Gabaabumatti: "Constructive Res Judicata jechuun falmicha akka himannaatti ykn deebitti 'Dhiyeessuu dandeessa ture, dhiyeessuun ammoo sirra ture!' garuu dhiyeessitee hin falmine ta'anaan falmii biraatiin dhiyeessuuf carraa lammaffaa hin argattu.
Garaagarummaa Isaanii:
Res Judicata Idilee: Dhimmoota duraan mana murtiitti dhiyaatanii murtaa’an qofa dhorka.
Constructive Res Judicata: Dhimmoota duraan osoo dhiyaatanii falmisiisuu danda’an, garuu sababa tokko malee utuu hin dhiyaatin hafanilleen akka dhiyaatanii murtaa'anitti fudhachuun lammaffaa dhiyeessuu ni dhorka.
Gama biraatiin SDFHH kwt 5(2) ulaagaa Sababa Himannaa (Cause of Action) falmii isa jalqabaa fi falmii isa lammaffaa walfakkaataa ta’uu fi dhiisuu qaba moo miti? Kan jedhu keewwatticha irratti ifa hin fakkaatu.
Dhaddachi Ijibaataa MMWF hiiko seeraa dirqisiisaa Lakk.galmee 137751 kenne keessatti garuu, Himannaan lammaffaan kan dhiyaate sababa himannaa falmii duraa wajjin tokko yoo ta'edha ulaagaan Keewwata 5(2) kan guutamu ejjennoo jedhu waan qabate fakkaata.

https://t.me/desberofMM
https://t.me/BisratLaw
https://t.me/speaklawinabsentia

Qormanni ministry Kutaa 8ffaa kan Naannoo hunduma Gadhiifame jira .Maarreee Ammuma seenuun ilaaladhaa.Bakka QABXII ILAAL...
12/07/2026

Qormanni ministry Kutaa 8ffaa kan Naannoo hunduma Gadhiifame jira .

Maarreee Ammuma seenuun ilaaladhaa.

Bakka QABXII ILAALUUF jedhu tuquun

Abbaan qabiyyee lafa baadiyaa lafti isaa adeemsa seeraa malee jalaa fudhatame magaalaa jalatti galuun nama biroof kennam...
12/07/2026

Abbaan qabiyyee lafa baadiyaa lafti isaa adeemsa seeraa malee jalaa fudhatame magaalaa jalatti galuun nama biroof kenname iyyannoo ykn himannaa isaa eessatti dhiyeeffachuu danda’a? Qaama bulchiinsaa(koree beenyaa) moo Mana Murtii Idileetti? Mana Murtii Idilee yoo ta’e Mana Murtii kamitti?
==================================================================
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee lkk 217195 ta’ee fi Jiildii 28ffaa keessatti maxxanfamee jiru irratti kan armaan gadii murteessee jira.
==================================================================
Abbootiin qabiyyee lafti isaanii daangaa Bulchiinsa magaalaa jalatti jalaa hammatame mirga abbaa qabiyyummaa fi ittifayyadama qabiyyee lafa baadiyaa irratti qaban ilaalchisee akkaataa Seera rogummaa qabuun isaanii fi ijoollee isaaniif lafti mana jireenyaa otuu hinkennaminii fi lafti hafu yoo jiraate beenyaan otuu itti hinkanfalaminiif qabiyyeen isaanii namoota dhuunfaa biroof jalaa kenname iyyannoo ykn himannaa dhiyeeffatan fuudhee ilaaluuf Manni Murtii Aanaa aangoo hundee dubbii qaba.
Kana jechuun iyyannoo ykn himannaa qotee bulaan lafti isaa adeemsa Seera beenyaa malee jalaa fudhatame (lafti bakka bu’iinsaa/mana jireenyaa fi beenyaan otuu hinkennaminiif) Manneen Murtii idilee kallattiin fuudhanii ilaaluu kan danda’anii fi kanas kallattiin fuudhee ilaaluuf aangoo hundee dubbii kan qabu Mana Murtii Aanaa akka ta’e hiikkoo Murtii Dhaddacha Ijibbaataa kun ni agarsiisa.

via Jemal Kumbi

This page contains the ethiopian laws such as:- codes, decrees, regulations, guidelines and legal modules as well as free legal education. ~Seera wallaaluun itti gaafatamummaa seeraa jalaa nama hin baasu! Ignorance of law does not excuse!

11/07/2026

Waliigalteen Bittaafi Gurgurtaa Manaa Akkaataa Seeraatti Raawwatame Tokko Galmee Qabeenya Hin Sochoonee Keessatti Hidhamee (Walqabatee) Osoo Jiruu Sababuma Jijjiirraan Maqaa Hin Raawwatamne Jedhuun Garee 3ffaan Akka Waan Qabeenyichi Ammayyuu Kan Gurgurataa Ta'eetti Akka Qabamu (Dhorkamu) Taasifachuu Ni Danda'aa?
•••✓✓••••✓✓✓•••••✓✓✓✓••••••••••••••

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Hiikkoo Seeraa Dhaddacha gaafa 12/08/1999 ooleen Lakk.Ga.16109 ta'e irratti kenne keessatti:

👉Seerri Hariiroo Hawaasaa keewwatni 2878 kan tumu waliigalteen gurgurtaa galmee keessatti galmaa'uu akka qabudha. Kanaaf, garee 3ffaa ilaalchisee gareewwan waliigaltee eegumsa kan argatan guyyaa waliigaltichi galmee keessatti galmee keessatti galmaa'e irraa eegaleeti. Guyyaa waliigaltichi galmee keessatti galmaa'eefi guyyaa maqaan gara nama bitateetti naanna'us garaagarummaa qabaachuu akka danda'u tilmaamuun nama hin dhibu. Maqaa jijjiiruun (naannessuun) waliigaltee dhiyeessuu qofa osoo hin taane dhimmoota biroo guutuu waan gaafatuuf guyyaa waliigaltichi dhiyaateefi barreeffametti ta'uu dhiisuu danda'a. Waliigaltichi hanga galmee keessatti galmaa'ee jirutti garee 3ffaan maqaan naanna'uu dhabuu bu'uureffachuun falmuu akka danda'aniif tumaan kun hin hayyamuuf. Kaayyoon bu'uuraa tumaa kanaas gareewwan 3ffaan gochoota seeraa qabeenya hin sochoone ilaalchisee raawwataman akka beekan taasisuudha. Waliigaltichi garee 3ffaa irratti bu'aa akka qabaatuuf waliigaltichi akka galmaa'u jedha malee maqaan naanna'uu qaba hin jedhu.

👉Qaamni ilaallatus waliigalteen bittaafi gurgurtaa raawwatame galmee qabeenyichaatiin walqabachuu ibseera. Waliigaltee gurgurtaa galmee keessatti barreessuun waliigalticha galmeedhaan walqabsiisuu akka dabalatu tumaalee SHH kwt 1613fi 1614 irraa ni hubatama. Tumaaleen seerichaa kwt 1587-1627tti jiran akka agarsiisanitti galmeen kan gaggeeffamu Unka qaamni galmeessu dhiyeessutti fayyadamuun dhimmoonni tarreeffamaa barbaachisoo ta'an galmicha keessatti akka guutaman taasisuudha. Dhimma amma harkaa qabnu keessatti waliigalteen gurgurtaa qaama ilaallatuuf dhiyaatee fudhatama argatee, galmeedhaan walqabachuun ala unkaaleen jedhaman qaama ilaallatuun iyyataa ammaatiif dhiyaatee guutuu isaa wanti agarsiisu mana murtiitiif hin dhiyaanne" jedheera.

Hubachiisa:

✅Dhimma kana keessatti iyyataan ammaa nama waliigaltee gurgurtaa mirkanaa'een mana bitate jedhame (garuu kan maqaa gara maqaa ofiitti hin naanneffanne) yemmuu ta'u, waamamaan ammaa (baankiin) manni maqaa gurgurataatiin jiraachuu isaa irratti hundaa'ee dhorkisiifateera.

✅Manni waamamaan ammaa (Baankiin) sababa idaatiif dhorkisiifate maqaa nama Boggaalee Tigaa jedhamuutiin (nama iyyataa ammaatti gurgurateen) kan jiru ta'ullee, waliigaltichi galmee qabeenya hin sochooneetiin waan walqabateef, gochi kunis garee 3ffaan kamiyyuu (baankiinis) beekee akka of eeggatuuf waan ta'eef, waamamaan ammaa (baankiin) qabeenya gurgurame dhorkisiifachuu hin danda'u jedheera.
Desalegn B.
https://t.me/Fuula_Hubannoo_Seeraa

⚖️ Mirga Mindaa Hojjetaa Mootummaa too'annaa Seeraa Jala jiruu – Labsii Haaraa (1353/2016)Hojjetaan mootummaa tokko yakk...
10/07/2026

⚖️ Mirga Mindaa Hojjetaa Mootummaa too'annaa Seeraa Jala jiruu – Labsii Haaraa (1353/2016)

Hojjetaan mootummaa tokko yakkaan shakkamee too’annoo jala yoo oole ykn yeroo murtaa’eef yoo hidhame, mirgoota seera qabeessa armaan gadii qaba
1️⃣ Kaffaltii Mindaa Walakkaa (50%) 💰
Hojjetaan sun guyyaa jalqabaa irraa eegalee yeroo too’annoo jala jiru keessatti hanga ji’oota 3tti mindaa isaa keessaa 50% argachuu mirga qaba.
Manni Hojii “hojii hin hojjanne” sababa jedhuun mindaa isaa guutummaatti dhaabuu hin danda’u.
2️⃣ Daangaa Yeroo (Ji’oota 3) ⏳
Too'annaa Seeraa Jala ji’oota 3 ol Yoo ture, ji’a sadaffaa booda kaffaltiin mindaa ni dhaabama.
Garuu hojjetaan sun bilisa yoo gadhiifame, mindaan dhaabbate guutummaatti isaaf ni kaffalama.
3️⃣ Kaffaltii yeroo bilisa ba’u 🔓
Hojjetaan sun bilisa yoo gadhiifame ykn himanni isaa yoo Adda cite:
Mindaan 50% dura hin kaffalamne ture yeroo tokko keessatti guutummaatti isaaf ni kaffalama. ✅
Yeroon inni hidhaa keessa ture akka yeroo tajaajila hojii isaatti ni lakkaa’ama. 📈
Gara hojii isaa duraatti deebi’uu mirga guutuu qaba. 🏢
4️⃣ Mindaan guutummaatti kan dhaabamu yeroo kami? 🚫

Mindaan hojjetaa guutummaatti kan dhaabamu:
Mana murtiitiin balleessaa ta’ee yakka itti murtaa’ee murtiin hidhaa yoo itti kenname qofa.

Kanaafuu, bu’uuruma labsii haaraa hojjetaa mootummaatiin, hojjetaan hanga murtiin irratti hin kennaminitti mindaan isaa guutummaatti dhaabamuu hin danda’u; walakkaa mindaa isaa kaffaluun dirqama dha.


Odeeffannoo dabalataa argachuuf 👇 👇

This page contains the ethiopian laws such as:- codes, decrees, regulations, guidelines and legal modules as well as free legal education. ~Seera wallaaluun itti gaafatamummaa seeraa jalaa nama hin baasu! Ignorance of law does not excuse!

Ergaa Of-eeggannoo Ariifachiisaa!**Waa'ee appilikeeshiniiwwan miidhaa geessisanii fi bilbila harkaa keessan irratti dadd...
10/07/2026

Ergaa Of-eeggannoo Ariifachiisaa!
**
Waa'ee appilikeeshiniiwwan miidhaa geessisanii fi bilbila harkaa keessan irratti daddabarsa maallaqaa dhokataa fi hayyama malee ta'e raawwatan, babal'achaa akka jiran isin beeksifna.
Miidhaa geessistoonni maloota weerara isaanii jijjiiruun, akkasumas appilikeeshiniiwwan miidhaa geessisan misoomsuun ykn fayyadamuun, bilbila harkaa irraa ragaa dhuunfaa dabalatee daddabarsa maallaqaa hayyama malee ta'an ni raawwatu ykn ni fudhatu.
Appilikeeshiniiwwan miidhaa geessisan, baay'ee xaxamaa, dhokataa fi balaafamoo ta'an, kanneen armaan gadii bal'inaan babal'achaa akka jiran bira gahuun danda'ameera.

1. Appilikeeshinii (Trust.Apk)

Appilikeeshinii miidhaa qabudha https://trust--application jechuun fuula miidiyaalee hawaasaa irra naanna'aa jira.

2. Appilikeeshinii (Google TV)

Appilikeeshinii miidhaa qabudha. (Google TV) liinkiin gara (Google Chrome) geessuun, Fagoo irraa dandeettii humna to'achuu (Remote Access) fayyadamuun miidhaa geessisa.

3. Appilikeeshiniin (Known)

Appilikeeshiniin 'Known' jedhamu kunis kan miidhaa qaqqabsisuudha.
Appilikeeshinii kana waanni adda taasisu, Google play store kan sobaa uumuun nama gowwoomsa.
Kanamalees beekamtii abbaa malee maallaqa dabarsa.
Kanaafuu, ergaa of-eeggannoo kana sirriitti hubachuun ofis ta'ee, maatii keessanii fi namoota naannoo keessan jiran balaawwan qaqqabuu danda'an irraa akka eegdan waamicha keenya dabarsaa.
Of-eeggannoowwan armaan gadii sirriitti akka hojii irra oolchitan isan gorsina.
Maamiloonni balaa akkasii irraa akkamitti of eeguu danda'u?
👉 Maddoota hin amanamne (kanneen akka birawuzaroota Google Chrome, Telegram, WhatsApp) irraa appilikeeshiniiwwan buufachuu (download) irraa of qusadhaa.
👉 Toora kuusaa appilikeeshiniiwwaniifii toora ragaa qorannoo nagaa cimaa ta'e qaban kanneen akka 'Google Play, Amazon Appstore ykn Samsung Galaxy Store' fayyadamaa.
👉 Appilikeeshiniiwwan baankii hundumaatiif, verification sadarkaa lamaa (Two-Factor Authentication) kan akka mallattoo qubaa (fingerprint) fayyadamaa.
👉 Appilikeeshinii moobaayila baankii keessan irratti, mirkaneessa mallattoo qubaa (Biometrics) fi koodii iccitii (PIN) walitti dabaluun fayyadamaa.
👉 Appilikeeshiniiwwan maddoota hin amanamne irraa buuftanii fe'uuf (install) yeroo yaaltan, ergaawwan of-eeggannoo bilbilli keessan isiniif ergu, kanneen akka ‘File May be Harmful’ jedhan dagachuu (ignore) hin godhinaa ykn akka laayyootti hin ilaalinaa.
👉 Ergaawwan I-meelii (E-mail) shakkisiisoo ta'an irraa hidhawwan (links) ykn faayiloota (attachments) dhufan osoo hin mirkaneeffatin banuu irraa of qusadhaa.
👉 Appilikeeshiniiwwan hayyama guutuu ykn walakkaa (Permissions) gaafatan irratti, hayyamni sun barbaachisaa ta'uu fi dhiisuu isaa qorannoo dhuunfaa keessan gochuun, hayyamicha daangessaa.
👉 Gabaasa baankii (bank statements) fi seenaa daddabarsa maallaqaa keessanii yeroo yeroodhaan hordofaa.
👉 Tajaajila moobaayila baankii waliin walqabatee, adeemsi hojii bilbilaan deeggaramu kamiyyuu akka hin jirre hubachuun, ergaawwan of-eeggannoo yeroo yeroodhaan isiniif ergamu, hojii irra oolchuun, gowwoomsitoota ykn hattoota irraa of eegaa.
👉 Hojiifis ta'ee odeeffannoof, fuulota miidiyaa hawaasummaa baankii keenyaa kanneen dhugooman (official) hordofaa.
👉 Odeeffannoo kamiyyuu argachuuf, lakkoofsa bilbila bilisaa 951 irratti bilbilaa.
Via- Baankii Daldala Itiyoophiyaa

Garaagarummaan Bu’uuraa Qabeenya Dhorkuu (SDFHH kwt 154) fi Qabeenya Kabachiisuu (SDFHH kwt 151) Gidduu Jiru Maaliidha?=...
10/07/2026

Garaagarummaan Bu’uuraa Qabeenya Dhorkuu (SDFHH kwt 154) fi Qabeenya Kabachiisuu (SDFHH kwt 151) Gidduu Jiru Maaliidha?
=============================================================================
Akkaataa Seera Deemsa Falmii H/Hawaasaa kwt 154tti, qabeenya dhorkuu jechuun qabeenyi falmiif ykn himannaaf ka’umsa ta’e akka hin gurguramne, hin jijjiiramne ykn qaama 3ffaatti akka hin dabarfamneef, falmiin dhimmichaa murtii dhumaa hanga argatutti akkuma jiruun dhoorkamee akka turu gochuudha. Kunis qabeenya himannaa himataadhaa kallattiin irratti dhiyaate ilaala jechuudha.
Gama biraatiin, qabeenya kabachiisuu jechuun akkaataa ADFHH kwt 151tti, qabeenya falmiin irratti ka’e himatamaan yoo dhiyeessuu baate akka dhiyeessuuf ykn raawwii murtiitiif akka ta’utti, himatamaan qabeenya isaa madaalawaa ta’e akka qabsiisu kan itti gaafatamudha. Kana jechuun qabeenya himannaaf sababa silaa akkaataa SDFHH kwt 154n dhoorkiin irratti gaafatamuu male garuu sababa adda addaan yerootti himatamaan dhiyeessuu hindandeenye akka dhiyeessuuf ykn himannaan dhiyaate kallattiin qabeenya irratti yoo ta’uu baateeyyuu himataan yoo murtaa’eef waan irratti raawwachiifatu akka hindhabneef qabeenya ykn mallaqa tilmaama qabeenyichaan falmii kaase ykn hanaga himannaan himataan walgitu himatamaan akka qabsiisu akkaataa SDFHH kwt 151 gaafatama.
Haata’u malee, sadarkaa qabeenya kabachiisuu irratti akkaataa SDFHH kwt 404 irratti tarreeffameen:wantoota bu’uuraa himatamaan jireenya isaa fi maatii isaa ittiin bulchu kabachiisuun ykn qabuun hindanda’amu. Qabeenya ykn wanta kallattiin himannaan irratti dhiyaate ykn falmii dhimmichaaf sababa ta’ee fi akkaataa SDFHH kwt 154 dhoorkamu ilaalchisee garuu tumaan SDFHH kwt 404 raawwatiinsa hinqabaatu.
Via Jemal K.

This page contains the ethiopian laws such as:- codes, decrees, regulations, guidelines and legal modules as well as free legal education. ~Seera wallaaluun itti gaafatamummaa seeraa jalaa nama hin baasu! Ignorance of law does not excuse!

Address

Dc
Addis Ababa
NO

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fuula Hubannoo Seeraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share