18/07/2025
1 Credit to Binimos Shemalis
MIRGA_WABII (s/d/f/y/kew.64)
Mirgi Wabii Mirga bu’uuraati, Heeraanis eegumsi kan godhamedha.
✅ Heera MFDRI fi Heera M/N/Oromiyaa Kewt.19(3)(4) jalatti Namni to’annoo jala oolfame tokko,sa’aa 48 keessatti M/Murtii dhiyoo jirutti dhiyaatee, Mirgi wabii akka eeggamuuf gaafachuu akka danda’u fi M/Murtiis haqaaf jecha to’annoo jala tursuun yoo barbaachisaa ta’e malee, Mirga wabii eeyyamuu akka qabu tumameera.
✅ Mirga wabiin gadi Lakkifamuun qajeeltoodha (Principle), yeroo muraasaaf to’atamuun immoo muraa addaa(Exception) dha. Muraan addaa immoo dhiphatee hiikkamuu qaba.
✏️ Namni Yakkaan Shakkamee to’annoo jala oole tokko, Mirgi wabii isaa jalqaba, Waj/Poolisiitti eeggamuu ni danda’a. s/d/f/y/kewt.28. Bu’uura keewwata kanaatiin Poolisiin wabiidhaan gadi Lakkisuu yoo dide, Mana Murtii tti iyyannoo mirga wabii dhiyeeffachuun ni danda’ama.
✅ Angoo M/Murtii ilaalchisee, Iyyataan Mana Murtii Sadarkaa Kamittiyyuu Mirgi wabii akka eeggamuuf gaafachuu ni danda’a. s/d/f/y/kewt.64(3). Mana Murtii Aanaatti Mirga wabii gaafatee kufaa kan ta’e/kan dhorkame yoo ta’e immoo M/M/Itti aanutti Ol Iyyachuun mirga.
💥 :-
✅ 1ffaa, Namoota Ajaja M/Murtii malee, to’atamanii osoo M/Murtii hin dhiyaatiin jiran bu’uura s/d/f/y/) keewwata 64 tiin Mirgi wabii akka eeggamuuf gaafachuu ni danda’u.
Ykn Namoonni Murtii/Adabbii malee to’annoo jala jiran tiin Mirga Bilisummaa qaamaa (habeas corpus) M/Murtii aanaatti gaafachuu ni danda’u.
✅ 2ffaa, Namoonni Yakkaan shakkamanii Poolisiin to’annoo jala oolchee bu’uura s/d/f/y/kewt.59(2)tiin Yeroo beellamaa hanga guyyaa 14 gaafate irratti, Yeroon beellamaa jalqabas ta’ee dabalataan kennamuun barbaachisaa miti, Mirgi wabii akka naaf eeggamu jechuun gaafachuu ni danda’u,
✅ 3ffaan, Namni A/Alangaa Himannaa Yakkaa irratti dhiyeesse, Dhaddacharratti dhiyaatee Mirgi wabii akka eeggamuuf gaafachuu ni danda’a.
⚖️ Iyyataan ykn Shakkamaan yookiin Himatamaan, Mirga wabii yoo gaafatu, yeroo hunda A/Alangaa yookiin qorataan Poolisii