Warqinaa A. Lawyer

Warqinaa A. Lawyer Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Warqinaa A. Lawyer, Legal, Oromia Region.

09/06/2026

Namni dhuunfaan faayidamaa dhumaa ta’ee ykn dhaabbanni fayyadamaa kallattii ta’e ofii isaa itti fayyadamuuf bu’aa boba’aa geejjibsiisaa osoo jiruu argame labsii lak. 1363/2017 jalatti itti gaafatamummaa yakkaa ni qabaataa? @@@@@@@ qabxiilee seericha jalatti ilaalamuu qaba:-
® Geejjibsiisuu(labsii 1363/2017 kwt 2(6) jechuun Adeemsa mala geejjiba adda addaa fayyadamuun bu’aa boba’aa dhaabbata kuusaa boba’aa biyya alaa irraa ykn biyya keessaa irraa raabsistootaaf, fayyadamtoota dhumaaf, dhaabbata boba’aa raabsaniif ykn fayyadamtoota kallattiif boba’aan itti gahuudha hiikkoo kenne. Kanarraa kan hubatamu geejjibsiisuun dhaabbileen boba’aa daldalan biyyaa alaa irraa jalqabee hanga fayyadamtoota dhumaatti dhaqqabsiisuuf hojii boba’aa iddoodhaa iddootti sochoosan ta’uu kan hubatamuudha. Kana jechuun hojii daldalaaf kan hojjetamuudha malee faayidaa dhaabbata ykn nama dhuunfaa fayyadamaa dhumaa ta’e akka hin hammanne agarsiisa.
® Dabalataan daangaa raawwatiinsa labsichaas yoo ilaallamu kwt 3(1) jalatti labsiin kan irratti raawwatiinsa qabaatu bittaaf gurgurtaa boba’aa daangaa Itoophiyaa keessatti raawwatamuu fi namoota hayyama baafachuun hojii kana irratti hirmaatan irratti qofa akka ta’e kaa’ee jira. haala addaatiin kwt 13(1) jalatti namoota ulaagaa sirna gabaa bu’aa bobba’aa osoo hin guutiin bittaaf gurgurtaa ykn hojii daldala bu’aa boba’aa keessatti hirmaatan irrattis raawwatiinsa kan qabuudha. kun immoo nama dhuunfaa faayidaa ofii isaaf faayyadamuuf geejjibsiisu kan hammatuu miti.
Akka olitti ibsamee jiruun namni faayidaa dhuunfaa isaaf bu’aa boba’aa geejjibsiise irratti labsiin kun irratti raawwatiinsa qabaatu akka hin jirre kan hubatamuudha. kanaaf geejjibsiisufillee hayyama gahumsaa fudhachuu hin dirqamu hanga hojii daldalaa irratti hirmaatuutti (akka market actors(የግብይት ተዋናይ) fi seeran ala ta’us hojii daldala boba’aa raawwachuun isaa hin mirkanoofneetti hayyamni gahumsaa fi hojii daldalaa nama dhuunfaa akka hin ilaallanneedha.
® Waraqaa ragaa mirkanaeessa gahumsaa:- ragaa namoonni hojii daldala boba’aa irratti hirmaatan boba’aa biyyaa alaa irraa galchuuf, kuusuuf, raabsuuf, walitti makuuf, fayyadamtoota kallattii fi dhumaatiif dhiyeessuuf, gahumsa ogummaa akka qabuuf ragaa kennamuudha. Kunis kallattumaan nama dhuunfaan itti fayyadamu kan ilaallatuu miti.
® Namni dhuunfaan hanga faayidaa isaaf konkolaataan isaa qabachuu danda’uu olitti meeshaa dabalataa fayyadamee fe’ee osoo deemuu yoo qabame itti gaafatamummaa akkamii qabaata? Bitee mana keewwatee yeroo barbaadeetti itti fayyadamuu seerri daangessu ni jiraa? Seera kamtu raawwatinsa qabaata? Keessattuu namni jaarikaa gurguddaa 5 ykn 100 Lit qabatee socha’u akka nama dhuunfaatti yoo fayyadama ta’e guddaa miti. Bitatee itti fayyadamuu immoo seerri ni hayyamaaf. Faallaa kanaa bitee gurguruuf deemaa jiraachuun isaa hanga hin mirkaneessinetti nama kana himachuun deegarsa seeraa kan hin qabnee fi haqummaallee hin qabaatu.
® Nama qinxaaboo gurguruuf geejjibsiisaa jiru akkasumas nama osoo sirna gabaa bittaaf gurgurtaa bu’aa boba’aa keessa hin galiin suuqii isaatti boba’aa chirchaaroo gurguraa kan jiru ta’uun qulqullaa’ee ragaan yoo mirkanaa’ee labsicha kwt 13(1) fi 25(1) jalatti ni gaafachiisa. Kanaaf nama faayidamaa dhumaa ykn fayyadamaa kallattii ofii itti fayyadamuuf geejjibsiisuu fi dabarsee gurguruuf geejjibsiisu gidduu garaagaummaan kan jiru ta’uu isaa hubachuun ni danda’ama.
=== Akka waliigalaati labsiin 1363/2017 kun bu’uurarra fayyadamtoota dhumaa irratti akka raawwatinsa hin qabaanne labsichuma mataa isaa irraa kan hubatamu waan ta’eef labsii kana jalatti himachuun deeggarsa seeraa hin qabu. dabalataan murtiin dhaddacha ijjibbaataa MMWO tis murtii dirqisiisaa lakk. Galmee 477856 irratta gaafa guyyaa 04/09/2018 kennes kanuma haala cimsuun labsichi fayyadamaa kallattii/dhumaa bu’aa boba’aa geejjebsiisaa jiru akka hin ilaallanne murteessee jira. kun immoo bu’uura labsii Gurmaa’insa, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Naannoo Oromiyyaa irra deebiin murteessuuf bahe lakk.216/2011 kwt 29(1) hiikoon seeraa seeraa dirqisiisummaa qabu waan ta’eef namni dhuunfaa ykn dhaabbanni fayyadamaa kallattii ta’e faayidaa dhuunfaa isaa qofaaf bu’aa boba’aa osoo geejjibsiisaa jiru argame labsii 1363/20017 jalatti itti gaafatamummaa yakkaa akka hin qabaanne ta’uu isaati.
Waanuma geejjibsiisaa jiruuf itti gaafatamuu qaba jechuun qajeeltoo seera yakkaa “gocha ykn gochuu dhabuun seeraan alummaan isaa seeran hin tumamni akka gocha yakkaatti lakkaa’uu fi adabbii itti murteessuun hin danda’amu” jedhu kan faallessuudha. Sababni isaas labsiin 1363/2017 jalatti fayyadamaan dhumaa ykn kallattii faayidaa dhuunfaa isaatiif bu’aa boba’aa haalduree kaa’ee kan hin qabnee fi dhorkaawwan kaa’e keessattis kan hin teessisne ta’ee sa’aatii 24 guutuu mirga bu’aa boba’aa argachuu kan tumee jiru malee gochaa geejjibsiisuu akka raawwachuu hin qabne ykn ulaagaa guutanii geejjibsiisuu qaban waan kaa’e hin qabu. kanaaf geejjibsiisuun wal qabatee dhorkaan isaan irratti gatame hin jiru faayidaa isaanii qofaaf ta’etti.
Garuu hojimaata dambii fi qajeelfamoota garaagaraa jiruu fi gara fuula duraatti qaama ilaallatuun bahuun bu’uureffachuun tarkaanfiin bulchinsaa qaama rogummaa qabuun hojimaata badaa nama dhuunfaan maqaa itti fayyadama jedhuun faallaa sirna gabaa bu’aa boba’aa irratti diriiree jiru cabsan akka itti gaafataman ta’uu dand’a. !!!!!!!!

06/04/2026

Manni murtii qorannaa fi himannaa yakkaa daa'imman umuriin hin geenye(waggaa 9 ol 18 gadi ta'an) keessatti aangoo bu'uuraa qaba, ajaja qorannoo adeemsisuu, akka qoratamu ajajuu, himannaan osoo hin hunduufne murtii balleessummaa kennuu ykn himannaan akka hundaa'uuf ajaja kennuuf fi akkaataa qabatama dhimmichaa fi umurii isaanitiin adabbii adda addaa akka kennu tumaan sdfy kwt. 171, 172 fi kanneen itti aanan jalatti kaa'ee jira. Haaluma kanaan raawwatamaa jira.
Garuu manni murtii gahee kana hin bahadhu ykn iyyannnoo dhimma kana ilaalchisee dhiyaate irratti ajaja barbaachisaa hin kennu jechuuf aangoo ni qabaataa? Yoo ajaja hin kennu jedhe hoo bu'aa akkamii hirdofsiisuu danda'a?
Tumaa seeraa jiruun sdfy kwt. 172(2, 3) qorannoo gaggeesufis ta'ee himannaa hundeessuuf ajajni mana murtii akka kennamu akka dirqamaatti tumee jira, sdfy jwt 40(1) jalattis daa'immaan umuriin isaanii hin geenye irratti adeemsa sdfy 171 fff alatti himannaa akka hundeessuun hin danda'amne kaa'ee jira.
Kanaafuu MM ajaja qorannoon akka gaggeeffamu ykn ofii qorannoo gaggeessee murtii kennuu yookiin immoo erga qorannoon xumuramee himannaan haa saaqamu ykn himannaa saaquun osoo hin barbaachisin murtii kennuuf aangoon ifatti kennameefii jira. Kanaaf haalli manni murtii iyyata dhimma kana ilaalchisee dhiyaate ofitti fuudhee hin ilaalu itti jechuu danda'u hin jiru waan ta'eef gochaan akka kanaa mana murtiin raawwatamu deeggarsa seera kan qabu miti.
Keessartuu yakkootni baay'ee ulfaataa ta'an ijoollee umuriin isaanii hin geenyen raawataame sababa Abbaan seeraa iyyannoo haala kanaan dhiyaatu ofitti fuudhee hin ilaalu jedhu qofaaf osoo hin qulqullaa'in hafa jechuun ni danda'amaa? Keesattuu hafuura seerichaa irraa kan hubatamu eenyun akka qoratamu fi himatamu ajaja kenna jedha malee osoo hin qoratamin ykn hin himatamin akka hafuuf ajaja akka kennuuf seerichi hin aangessine.
Abbaan seeraa faallaa tumaa seera kanaa raawwatu itti gaafatamummaa seeraa hin qabaatuu laata? !!!!!!......
Maddi taatichaa:- tatee qabatamaan uumame irraati !!!!!!

14/02/2026

Murtii barsiisaadha!!!

qorannoon yakkaa yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru ija saayinsii kanaatiin yoo ilaalame baay'inaan gaaffii guddaa uumaa jira...
27/01/2026

qorannoon yakkaa yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru ija saayinsii kanaatiin yoo ilaalame baay'inaan gaaffii guddaa uumaa jira!!!

የፖሊስ የወንጀል ምርመራ እንደትና መቼ
(ጠበቃ አደም ሰይድ ከማል)
✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅
 የወንጀል ምርመራ ማለት አንድ ወንጀል እንዴት እንደተፈጸመ እና ተጠያቂው ማን እንደሆነ ለመለየት መረጃዎችን የማፈላለግ፣ የመተንተን እና የማደራጀት ሂደት ነው። በልብ ወለድ ድርሰቶች ላይ የሚታዩ መርማሪዎች በጥቂት ብልህ ፍንጮች ብቻ ወንጀሎችን ሲፈቱ ቢታዩም፣ በተጨባጭ ዓለም ያለው ምርመራ ግን ውስብስብ፣ አድካሚ እና ሙሉ በሙሉ በማስረጃ ላይ የተመሠረተ ነው።

➨የወንጀል ምርመራ ዋና ዓላማ ወንጀል ፈጻሚዎችን በመለየት፣ በቂ ህጋዊ ማስረጃዎችን በመሰብሰብ እና ለፍትህ በማቅረብ ስለተፈጸመው ወንጀል እውነታውን ማውጣት ነው። ይህም የግለሰቦችን መብት በማክበር እና በህግ አስከባሪ አካላት ላይ የህዝብ አመኔታን በመገንባት የሚከናወን ነው። ሂደቱ ወንጀል መፈጸሙን ማረጋገጥን፣ ማስረጃዎችን መሰብሰብና መተንተን፣ ተጠርጣሪዎችን መለየትና ያሉበትን ማወቅ፣ እንዲሁም ለክስ የሚሆን ጠንካራ መረጃ ማቅረብን ያካትታል። ይህም በመጨረሻ የወደፊት ወንጀሎችን ለመከላከልና ፍትሃዊነትን ለማረጋገጥ ያለመ ነው።
🔺የወንጀል ምርመራ መሠረታዊ መርሆዎች
የወንጀል ምርመራ ዋና መርሆዎች የወንጀል ቦታን የመጠበቅ፣ ማስረጃዎችን የመለየት፣ የመሰብሰብ፣ የመጠበቅ እና የማቅረብ ስልታዊ ሂደቶችን ያካትታሉ። ይህ ሂደት በግልጽ እውነታዎች ላይ የተመሠረተ (objectivity)፣ የተሟላ ሰነድ (በ 5ቱ "W" እና በ 1ዱ "H" ጥያቄዎች የታገዘ) እና ጥብቅ የማስረጃ ቅብብሎሽ ሰንሰለትን (chain of custody) የተከተለ መሆን አለበት። እንዲሁም ተጠርጣሪው ጥፋተኛ መሆኑ በፍርድ ቤት እስካልተረጋገጠ ድረስ እንደ ንጹህ የመቆጠር መብቱን እና ህጋዊ ሂደቶችን በማክበር፣ ወንጀለኛውን ለመለየት፣ ያሉበትን ለማወቅ እና ክስ ለመመስረት የሚከናወን ተግባር ነው።
መሠረታዊ መርሆዎች
1. ገለልተኝነት እና ተጨባጭነት (Objectivity & Neutrality): ምርመራው ያለ ምንም አድልዎ፣ በግምት ላይ ሳይሆን በእውነታዎች ላይ ብቻ የተመሠረተ መሆን አለበት።
2. ንጽህ ሆኖ የመገመት (Presumption of Innocence): ተጠርጣሪዎች ጥፋተኝነታቸው በማስረጃ እስካልተረጋገጠ ድረስ እንደ ንጹህ ይቆጠራሉ።
3. ጥንቃቄ እና ጥልቀት (Thoroughness): እያንዳንዱ ጥቃቅን ዝርዝር ነገር ዋጋ አለው፤ የወንጀል ቦታዎች እና ማስረጃዎች በጥንቃቄ መመዝገብ እና መመርመር አለባቸው።
ዋና ዋና የምርመራ ደረጃዎች (5ቱ ክፍሎች)
1. መለየት (Recognition): በወንጀል ቦታ ላይ ሊሆኑ የሚችሉ ማስረጃዎችን መለየት።
2. መሰብሰብ (Collection): ቁሳዊ እና የቃል ምስክርነት ማስረጃዎችን ማሰባሰብ።
3. ጥበቃ (Preservation): ማስረጃዎች እንዳይበከሉ ወይም እንዳይጠፉ መጠበቅ (ለምሳሌ የወንጀል ቦታውን በማጠር መጠበቅ)።
4. መገምገም (Evaluation): የተሰበሰቡ ማስረጃዎች ከጉዳዩ ጋር ያላቸውን ተያያዥነት መተንተን።
5. ማቅረብ (Presentation): ጉዳዩን ለዐቃቤ ሕግ ውጤታማ በሆነ መንገድ ማቅረብ።
ዋና ዋና ጽንሰ-ሀሳቦች እና መሣሪያዎች
 የሎካርድ ልውውጥ መርህ (Locard's Exchange Principle): ማንኛውም ንክኪ አሻራ ይተዋል (ለምሳሌ፦ ወንጀለኛው በቦታው ላይ የሆነ ነገር ይተዋል፣ ወይም የሆነ ነገር ይዞ ይሄዳል)።
አምስቱ "W" እና አንዱ "H":
1. ምን (What)፣
2. መቼ (When)፣
3. የት (Where)፣
4. ማን (Who)፣
5. ለምን (Why) እና
6. እንዴት (How) — እነዚህ ምርመራን ለመምራት የሚያገለግሉ ጥያቄዎች።
ሦስቱ 'I'ዎች:
1. መረጃ (Information): ከተለያዩ ምንጮች መረጃዎችን መሰብሰብ።
2. ምርመራ/ጥያቄ (Interrogation): ተጠርጣሪዎችን መጠየቅ።
3. የሳይንስ መሣሪያዎች/ፎረንሲክ (Instrumentation): ለትንተና ሳይንሳዊ መሣሪያዎችን መጠቀም (DNA፣ የጣት አሻራ)።
ጊዜ ጀምሮ ፍርድ ቤት እስኪቀርብ ድረስ ያለውን ጥንቃቄ የተሞላበት አያያዝ በሰነድ መመዝገብ።
የአንድ መርማሪ ብቃቶች
 ታማኝነት፣
 ቅንነት፣
 ጠንካራ የክትትል ክህሎት፣
 የሕግ እውቀት፣
 ሳይኮሎጂ እና የኮሙኒኬሽን ችሎታ።

ወንጀል ምርመራ ግቦች
ወንጀል መፈጸሙን ማረጋገጥ፣ ወንጀለኛውን መለየት፣ ማስረጃ ማሰባሰብ፣ የተዘረፉ ንብረቶችን ማስመለስ እና ለክስ የሚሆን ጠንካራ ፋይል ማደራጀት።

የፖሊስ የወንጀል ምርመራ ዓይነቶች
1. የታክቲክ ወንጀል ምርመራ ማለት መርማሪው የስሜት ህዋሳቶችን ተጠቅም የወንጀሉን ድርጊት ለማጣራት የሚያደርገው ሂደት ማለት ነው ይኸውም መርማሪው አዕምሮውን በመጠቀም ተመርማሪው ወደ እውነቱ የሚመጣበትን መንገዶች በመከተል ይፈጽማል፡፡
2. የቴክኒክ ምርመራ በሌላ በኩል መርማሪው ከወንጀል ስፍራ ማስረጃዎችን በመሰብሰብ ሳይንስን በመጠቀም ማስረጃዎችን በላብራቶሪ ጭምር የመመርመር ስርዓት ነው፡፡
 ወንጀል ጉዳይ ሥራውን የሚጀምረው መርማሪው ምርመራውን ለመጀመር የሚያስችለው መረጃ ሲደርሰው ነው፡፡
 መረጃ ሰጪዎች ስለወንጀል መፈጸም የሚሰጡት፡-
1. በክስ (በወንጀል ህግ ስነ- ስርዓት አንቀፅ ቁጥር11)
2. በአቤቱታ (ወንጀል ህግ ስነ-ስርዓት አንቀፅ13) ወይም
3. በእጅ ከፍንጅ ወንጀል ድርጊት (ስነ- ስርዓት ህግ ቁ.19-21) መልክ ነው፡፡

 በክስ አቀባበል ወቅት ሊደረጉ የሚገባቸው ጥንቃቄዎች
1. ክስ አቅራቢው ሲመጣ ማረጋጋት
2. ጉዳዩ ወንጀልና ፍታብሄር መሆኑን መለየት
3. ከክሱ ጋር የቀረበ ማስረጃ መኖር አለመኖሩን ማወቅ
4. በክሱ ላይ የተጠርጣሪው ማንነት መታወቅ አለመታወቁን መረዳት
5. የተከሳሽ ያለበትን አድራሻና ሁኔታ ማወቅ /በህይወት መኖሩን፣ መሞቱን ፣ሀገር ውስጥ መኖሩን/
6. ክሱ በሌላ ፖሊስ ጣቢያ የቀረበ አለመሆኑን
7. የይርጋ ዘመን ያላለፈበት መሆኑን የወንጀሉ የተፈጸመበትን ጊዜና ቦታ መለየት
8. ተከሳሽ ወይም እግዚቢት መያዝ አለመያዙን
9. የተፈጸመው ድርጊት በማን መጣራት እንዳለበት

ለመርማሪ የሚያስፈልጉት ዕውቀትና ክህሎት
1. ጠቅላላ ዕውቀት
2. የህግ ዕውቀት
3. የመግባባት ክህሎት
4. የመጻፍ ክህሎት
5. የዕቅድ አወጣጥ
6. የማስታወስና
7. ውሳኔ አሰጣጥ
የወንጀል ስፍራ/crime scene/
 የወንጀል ስፍራ ማለት ወንጀል ድርጊቱ የተፈጸመበትና ውጤት ያገኘበትን የጠቃልላል፡፡
 የወንጀል ስፍራ መታወቅ ያለው ጠቀሜታ፡-
1. ከወንጀሉ ድርጊት ጋር ግንኙነት ያላቸውን ማስረጃዎች በቀላሉ ለማግኘት፣
2. የወንጀል ስፍራ ማወቅ የምስክሮችን ትክክለኝነት ለማወቅ
3. ምርመራው የሚጣራበትና ለፍርድ የሚቀርብበትን ቦታ ለማወቅ
4. ድርጊት ፈጻሚው ላይ ለመድረስ አቅጣጫ ያሳያል
የወንጀል ስፍራ ማስረጃዎች
 አንድ ሰው የትኛው የረገጣቸው ወይም የተንቀሳቀሰባቸው መንገዶች ፣ ማናቸውም የነካቸው ነገሮች ሳያስተውላቸው የሚተዋቸው ማናቸውም ነገሮች በእርሱ ላይ ዝምተኛ ምስክር ሆነው የሚያገለግሉ ናቸው
 የጣት አሻራው ወይም የእግር/ጫማ ዱካው፣ ፀጉሩ፣ ከልብሱ የቀሩት ክሮች የሰበራቸው መስተዋቶች፣ የተዋቸው የቁሳቁስ ምልክቶች፤ የፋቃቸው ቀለማት፣ የፈሰሳቸው ወይም ይዞ የሄዳቸው ደም ወይም የአባላዘር ፈሳሾች ናቸው

የግል ተበዳይ ቃለ መጠይቅ
1. ሚስጥራዊነት መጠበቅ አለበት (Privacy )፡- ተጎጂን ወይም ምስክርን የሚናገሩትን ነገር ማንኛውም ሰው ሊሰማው በሚችል ቦታ ላይ ቃለ መጠይቅ ማድረግ ተገቢ አይደለም ፡፡
2. ደህንነት (Security ) ቃለ መጠይቅ በምናደርግበት ወቅት ማንኛውም የማይፈለግ ሰው በቦታው አለመኖሩን ወይም ገባ ወጣ የሚል ሰው አለመኖሩን ፣ ቃል ሰጭዎች ከማንኛም እይታ ውጭ መሆኑን እና ቃለመጠይቁ የሚደረግበት ቦታ ምቾት እንዲሰማው የሚያደርግ መሆኑን ማረጋገጥ ያስፈልጋል ፡፡
3. አቀማመጥ ስርዓት ፡- በጣም ሳይርቅ ወይም በጣም ሳይቀርብ በተገቢዉ ርቀት ምቾት በማይነሳ መልኩ የግል ተበዳይ መቀመጥ አለበት፡፡እንድሁም በእኩል የአቀማመጥ ሁኔታ መቀመጥ የተሻለ ነዉ፡፡
4. የዓይን ግንኙነት ( Eye contact ) በአብዛኛው ባህል ቀጥታ የአንድ ሰው ዓይን ማየት እንደነውር ይቆጠራል ፡፡ አንዳንድ ጊዜ ቀጥታ ዓይን ማየት ተቃውሞን ወይም መጋፈጥን ወይም ቁጣን ሊያመለክት ይችላል ፡፡ ስለዚህ ቀጥታ ዓይን ማየት የሚፈራን የሚያፍርን ቃል ሰጭን የተለያየ አቅጣጫ ማየት ጠቀሜታ አለው ፡፡
5. የምልክት ቋንቋ ( Body language ) እንደየማህበረሰቡ ባህልና አስተዳደር የተለያየ በመሆኑ ለግንዛቤ የሚያስቸግር ቢሆንም በቃለ መጠይቅ ወቅት የአንድን ሰው እንቅስቃሴ ፣ የሰውነት ቋንቋ ወይም የምልክት ቋንቋ የምንላቸውን በተገቢው መንገድ መረዳት ይጠቅማል
ጠበቃ አደም ሰይድ ከማል

Address

Oromia Region
BB

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Warqinaa A. Lawyer posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category