24/08/2026
የዘመን አቆጣጠር ተቀየረ ወይ?
Lakkoofsi Baraa Jijjiirameeraa?
🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁
የዘመን አቆጣጠር ተቀየረ ወይ? ብላችሁ በተለያየ መንገድ ለጠየቃችሁኝ። አቆጣጠሩ አልተቀየረም። የተወሰነው ከነባሩ አቆጣጠር ጎን ለጎን የሂጅራ አቆጣጠር "ዓመተ ሂጅራ"(ዓ. ሂ) በሀገሪቱ እውቅና ኖሮት እንዲሰራበት ።
በተጨማሪም በነበረው የዘመን አቆጣጠር ጋር በተያያዘ "ዓ.ም" (ዓመተ ምህረት፣በክርስቶስ ስቅለት ምህረት አገኘን) ፥ "ዓ.ል" (ዓመተ ልደት፣ ከክርስቶስ ልደት ጀምሮ) እና "እ.ኢ.አ" እንደ ኢትዮጵያ አቆጣጠር የሚሉት አጠራሮች ሦስቱም እኩል ተቀባይነት ኖሯቸው እንዲሠራባቸው ነው የተወሰነው።
Lakkoofsi Baraa Jijjiirameeraa?
🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁
Karaa garaa garaatiin "Lakkoofsi baraa jijjiirameeraa?" jettanii kanneen na gaafattaniif: Lakkoofsi baraa hin jijjiiramne. Murtiin dabarfame lakkoofsa baraa isa duraan ture cinaatti, lakkoofsi Hijraas biyyaalessatti beekamtii argatee akka itti hojjetamuudha.
Dabalataanis, lakkoofsa baraa isa duraan ture wajjin walqabatee moggaasonni "ዓ.ም" (A.M - Waggaa Araaraa / fannoo Kiristoosiin araara arganne), "ዓ.ል" (A.L - Waggaa Dhalootaa / dhaloota Kiristoos irraa eegalee) fi "እ.ኢ.አ" (A.L.I - Akka Lakkoofsa Itoophiyaatti) jedhaman sadanuu qixa fudhatama argatanii akka ittiin hojjetaman murtaa'eera.