Abdii Saba

Abdii Saba Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abdii Saba, Legal, Addis Ababa.

Reeshoon Dhiiraa Gara Dhalaa 1 : 12.5Tahee Jedha Istaatiskiin Idil Addunyaa 2025 (World Statistics 2025)Qala'iinsa biyya...
12/02/2026

Reeshoon Dhiiraa Gara Dhalaa 1 : 12.5
Tahee Jedha Istaatiskiin Idil Addunyaa 2025 (World Statistics 2025)

Qala'iinsa biyya keenyaa waliin hin deemu.

Barattoonniifi maatiin barattootaa bu’aa qormaataa ilaaluuf dararamaa jiru.Barattoonni Itoophiyaa kan qoraman yeroo qorm...
15/09/2025

Barattoonniifi maatiin barattootaa bu’aa qormaataa ilaaluuf dararamaa jiru.

Barattoonni Itoophiyaa kan qoraman yeroo qormaataa qofa osoo hin taane qormaata sana caalaa bu’aa isaanii ilaaluufi ramaddii biyyaa baruudha. Dhimmi kun waggaa waggaan gaafatamus surreeffamni hin argamne.

Taateen kun miira barataa waggaa hedduu carraaqeefi miira maatii barattoota giddu gala kan hin taasifannedha. Qaamni dhimmi ilaallatu daba dhaloota irratti raawwatamu akkanaa sakatta’uun dirqama saaxiluu qaba.

Bu’aa qormaata ilaallachuuf maatiifi barattoonni kan rakkachaa jiran sababa dhaabbati marsaariiticha hoogganu akkaataa mootummaan bajata ramadeen hin dalagneefidha. Mootummaan serveriif bajata barbaachisa akka ramadu beekamaadha , haa ta’uyyuu malee maallaqa rakasaan serverii dadhaba kireessuun yeroofi miira maatii akkasumas barattoota miidhuun fudhatama hin qabaatu.

Mootummaan dhaabbata kana irratti qorannoo barbaachisaa taassisuun tarkaanfii fudhachuu qaba. Yeroo mara sababa Serverii dadhabaan kireeffameef barattoonniifi maatiin barattoota dararamaa kan oolan yommuu ta’u , sirnaan dalaguu diduu serverii rakashaaf barattoonni bu’aa isaanii ilaallachuuf qormaata sana caalaa cannaqamu.

Qaamni gochaa malaammaltummaa akkanaa raawwatu qoratamuun sirreeffamni barbaachisaan taassifamuu qaba.

Itoophiyaan addunyaa waliin adeemuuf malammaltummaan gama maraan adeemsifamu dhaabbachuu qaba. Serverii dadhabaa kireessuun sababa bajati mootummaan ramade hanqateef ta’uufi rakkoo malaammaltummaa dhaabbata tajaajila kana kennaa jiruu ta’uun qoratamuu qaba.

Gamanumaan miidiyaan barattootaafi maati barattootaaf bu’aa gaarii kan hawwu yommuu ta’u, odeeffannoowwan jiran hordofuun kan isiniin geenyu ni ta’a.

Karaawwan Bu’aa qormaata kutaa 12ffaa ilaallatan kan armaan gadiiti
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
1. Marsaariitii፡ https://result.eaes.et
2. teelegiraama፡ https://t.me/EAESbot
3. Ergaa gabaabaa (SMS)፡ 6284

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

13/09/2025

Har'a fiigichi xumuraa meetira kuma 10 Atileetoonni Itiyoophiyaa itti eegaman ni fiiggama

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaan har'a fiigichi xumuraa meetira kuma 10 Atileetoonni Itiyoophiyaa itti eegaman ni fiiggama.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 20ffaan har'a Jaappaan Magaalaa Tookiyootti eegala.

Haaluma kanaan har'a waaree booda sa'aatii 9:30 eegalee fiigichi xumuraa meetira kuma 10 Atileetoota dubartotaa gidduutti kan dorgomamu yoo ta'u, Atileet Ijjiggaayyoo Taayyee, Gudaaf Tsaggaayyii, Fooyitan Tasfaayii fi Tsiggee Gabrasalaamaan Itiyoophiyaa bakka bu'uun ni hirmaatu.

Akkasumas sagantaa baniinsa shaampiyoonichaan guyyaa sa'aatii 6:05 eegalee fiigichi gulaallii gufachiisa meetira kuma 3 dhiiroota gidduutti kan dorgomamu yoo ta'u, sa'aatii 7:50 irratti ammoo fiigichi gulaallii meetira kuma 1 fi 500 dubartoota gidduutti ni gaggeeffama.
Fulb 3/2018 ABDII SABAA

13/09/2025

Feesbuukii fi Telegiraama kijibaa maqaa miidiyaa Abdii Sabaan banamuun burjaajjii uumaa jiru irraa of eegaa.

Feesbuukii miidiyaa Abdii Sabaa hordoftoota kuma 49 ol qabu qofa hordofaa .

Kanaan ala fuulonni jiran miidiyaa Abdii Sabaa kan bakka hin buuneefi “Fake Account “ ta’uu isin beeksisna.

Fuulaa Feesbuukii miidiyaa Abdii Sabaa isa sirrii qofa hordofuun odeeffannoowwan dharaa irraa of eegaa.
ABDII SABAA
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA ABDII SABAA 📡

13/09/2025

Walaloo barattota kuta 12

Barattoota kutaa 12ffaa qoramaniif..
Waggaa kudha lama
Ifaajjee kurkurtee
Dabtara bitachuuf
Waan qabdu gurgurtee

Umrii joollummaa kee
Cinaa itti fixxee
Firii osoo eegdu
Dhabdee bakka lixxe

Hedduu yoo si aarsees
Firii gaarii dhabuun
Karoorri barnootaa
Karaa irraa dabuun

Abdii hin kutini
Carraan kee banamaa
Sitti hin dhiineetii
Bariidhaa ganamaa

Barnootaas barattee
Fooyyessuu dandeessaa
Hojiidhaas hojjattee
Bakka feete geessaa

Kanaaf hin cinqamin
Hedduus ittin yaadin
Sammuu kee miiteetiin
Dhukkubsatteen aadin

Isa darbe irraa
Muuxannoo fudhadhu
Isa fuuldura kee
Laaliitii hubadhu

Mucucaatte malee
Gonkumaa hin kufnee
Bori ni dhuftiitii
Qabxiin har'an dhufne

Haalaan jijjiiramuuf
Cinqii baas of keessaa
Jabaattee hojjannaan
Iddoo yaadde geessa.

Bara 2018 bara milkii bara dagaaginaa hawwina.Miidiyaan ABDII SABAA ummata Itoophiyaa maraaf barri 2018 bara milkii akka...
11/09/2025

Bara 2018 bara milkii bara dagaaginaa hawwina.

Miidiyaan ABDII SABAA ummata Itoophiyaa maraaf barri 2018 bara milkii akka ta’u hawwa.

Baga bara 2018 nagaan geessan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

ODUU:sadarkaan dureessuummaa Elan Maski irraa fudhatame.Dureessummaan addunyaarraa sadarkaa jalqabaarra kan ture Elan Ma...
10/09/2025

ODUU:
sadarkaan dureessuummaa Elan Maski irraa fudhatame.

Dureessummaan addunyaarraa sadarkaa jalqabaarra kan ture Elan Maski hundeessaa dhaabbata Ooraakil kan ta’e Laarii Eelisaniin caalame.

Qabeenya waliigalaa Doolaara biiliyoona 300 fi biiliyoona 85 kan qabu Elan Mask Laarii Eelisaniin Doolaara biiliyoona 8 caalamuun sadarkaa isaa gadi lakkiseera.

Akka gabaasa guyyaa kaleessaa baheetti qabeenyi waliigalaa Laarii Eelisan Doolaara biiliyoona 300 fi biiliyoona 93 qaqqabuun dureessa addunyaa sadarkaa jalqabaarra gahe ta’uu isaa CNN gabaaseera.
Odeeffannoo addaa addaa yeroo yeroottii argachuuf Miidiyaa karaa teelegiraamii nu hordofaa https://t.me/ABDII_SABAA

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA 📡

01/09/2025

ODUU:
‎ Kirkira lafaa muudateen lubbuun namoota 600 darbuun himame.

Kirkira lafaa Afgaanistaanitti muudateen namoonni 600 ol du'aniiruu jedhame.

Afgaanistaanitti balaa kirkira lafaa naannawa halkan walakkaa muudateen namoonni 622 du'uufi hedduun miidhamuu Ministeerri dhimma keessoo biyyattii beeksiseera.

‎Kirkira lafaa Reektar Iskeeliii 6.0 baha biyyattii kutaa bulchiinsa Nangarhar naannawa biyyattiin baka Paakistaaniin itti waldaangesssitutti muudate kanaan manneen hedduun akka barbadaa'an fi namni hedduun akka miidhame ministeerri dhimma keessoo mootummaa Taalibaan beeksiseera.

‎Kirkirri lafaa biyyattiitti muudate kun magaalota paakistaanittis dhaga'ameera jedhameera.

‎Daandiin gara Iddoo lafa gaaraa kirkirichi itti muudate geessu waan sigiggaateef baayyina namoota du'aniifi hamma balaa dhaqqabee adda baasuuf rakkisaa ta'ee jiraachuufi hamma yoonaas xiyyaarotaan qofa hojiin lubbuu baraaruu akka raawwatamaa jiru himameera.

‎Afgaanistaan biyya balaan kirkira lafaa irra deddeebiin itti uumamaa jirtuudha.
Odeeffannoo addaa addaa yeroo yeroottii argachuuf Miidiyaa karaa teelegiraamii nu hordofaa https://t.me/ABDII_SABAA

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

ODUU:Ministeerri barnootaa Yuunivarsiitiwwan mootummaa ulaagaa hanqatan gara manneen barnootaa bultiitti akka jijjiiramu...
30/08/2025

ODUU:

Ministeerri barnootaa Yuunivarsiitiwwan mootummaa ulaagaa hanqatan gara manneen barnootaa bultiitti akka jijjiiramu qaban dubbate.

Yuunivarsiitiwwan mootummaa ulaagaa irraa eegamu hin guutan taanan gara manneen barnootaa bultiitti jijjiiramuu akka danda’an Ministirri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan beeksisanii jiru.

Minisirichi kana kan dubbatan waltajjii marii Ministeerri Barnootaa fi Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii waliin qopheessuun waa’ee raawwii irra deebiin galmaa’uu irratti ta’uun ibsameera.

Qulqullina barnootaaf iddoo olaanaa kennaa deemun barbaachisadha yaada jedhuun dhaabbilee dhuunfaa waliin waggoota afran darban irraa eegalee hojjatamaa jiraachuu kan ibsan Piroofeesar Birhaanuu Naggaa, irra deebiin galmaa’uu ilaalchisee dhaabbileen ulaagaalee waggoota sadiif itti himamaa ture hin guunne barsiisuu itti fufuu akka hin dandeenye himamaa turuu eeraniiru.

Kanaan walqabatee waggoota darbaniif dhaabbileen dhuunfaa barnoota olaanoo waliin akka hojjatan gaafachaa turuu, bu’aa gamaggama taasifamee irratti hundaa’un akka fooyyessaniif yeroon murtaa’ee kennamuufii yaadachiiseera.
Odeeffannoo addaa addaa yeroo yeroottii argachuuf Miidiyaa karaa teelegiraamii nu hordofaa https://t.me/ABDII_SABAA

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

" 'achuu Lakkoofsa dhiiraa uumameAddunyaa irratti lakkoofsi dhiirotaa hir'achuu fi hanqinni dhiirotaa gabaafameera.Dhaab...
26/08/2025

" 'achuu Lakkoofsa dhiiraa uumame
Addunyaa irratti lakkoofsi dhiirotaa hir'achuu fi hanqinni dhiirotaa gabaafameera.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gabaasa dimogiraafii kurmaana jalqabaa bara 2025 baaseera.
Pilaaneetii lafaa irratti baay'inni ilma namaa biliyoona 7.8 ta'u.
=biiliyoona 5.6
= biiliyoona 2.2
Kanaaf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dubartoonni ilaalcha dhiirotaaf qaban irratti akka of eeggatan gorsan. Sababiin isaas dhiirota biliyoona 2.2 keessaa:

1 fuudhee ture
miiliyoona 130 hidhamaadha
70 rakkoo fayyaa sammuu fi dhibee adda addaatiin rakkatu.
gara biliyoona 1 qofatu gaa’ela hin horanne jechuudha.

Biliyoonni 1 kun immoo eenyu?
%56 hojii dhabeeyyiidha.
%3 saalqunnamtii saala walfakkaataa raawwatu.
%1 luboota Kaatolikii dha.
%10 warra ykn fira dhiyooti.
%30 umuriin isaanii waggaa 65 ol "

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdii Saba posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category