Kutaa Magalaa Lamii kura wajjira partii Badhadhina Aanaa 8ffaa

Kutaa Magalaa Lamii kura wajjira partii Badhadhina Aanaa 8ffaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kutaa Magalaa Lamii kura wajjira partii Badhadhina Aanaa 8ffaa, Legal, Addis Ababa.

17/02/2026

የምርጫ መወዳደሪያ ምልክታችን የሆነው የስንዴ ነዶ የመደመር፣ የአንድነት፣ የተባብሮ መሥራት፣ የምርታማነት፣ የተምሳሌትነት፣ የልዕልና እና የሉዓላዊነት መገለጫ ነው። ይህም በሁላችን፣ ከሁላችን፣ ለሁላችን ብልፅግናን የምናረጋግጥበት ምልክታችን ነው።

ከንቲባ አዳነች አቤቤ




17/02/2026
Paartiin Badhaadhinaa filannoo marsaa 7ffaatiif Qamadii maanifeestoofi mallattoo filannoo isaa gochuun ifoomse. ==Paarti...
10/02/2026

Paartiin Badhaadhinaa filannoo marsaa 7ffaatiif Qamadii maanifeestoofi mallattoo filannoo isaa gochuun ifoomse.
==

Paartiin Badhaadhinaa mata duree "Itoophiyaa gara biyya fakkeenya taateetti” jedhuun maanifeestoo filannoo marsaa 7ffaafi mallattoo filannoo isaa beeksise.

Waltajjicharrattis Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunee, Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Itti gaafatamaan Waajjira Muummee Paartichaa Obbo Adam Faaraah,Miseensotni Koree Hoji- Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi miseensota Mana Maree Paartii Badhaadhinaa dabalatee hoggantoota paartichaa biroofi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

30/01/2026
Ergaa TorbaniiDhaabbileen Nageenyaa Utubaa Birmadummaa biyyaati.==================Baga Ayyaana waggaa 90ffaa Hundeeffa H...
26/01/2026

Ergaa Torbanii

Dhaabbileen Nageenyaa Utubaa Birmadummaa biyyaati.
==================
Baga Ayyaana waggaa 90ffaa Hundeeffa Humna Qilleensaa Itoophiyaatiin nu gahe.

Biyyi keenya Itoophiyaan diinota ishee fagoo fi dhihoo kamiinu akka hin miidhamne dhaabbilee godhan keessaa dhaabbatni nageenyaa adda durummaan eeramu. Dhaabbileen biyyaalessaa kun yeroo wajjin deemuu akka danda’anitti haalotatti of gahoomsuun, madaallii humnaa addunyaa yeroo gara yerootti jijjiiramaa jiru keessatti of madaqsuun birmadummaa, nageenya fi kabaja biyyaa eeguuf tattaaffii cimaa taasisaa jiru.

Ergama biyyaa ijoo kan dagannaa tokko malee gahumsaa fi amanamummaan milkeessuuf dhaabbileen nageenyaa humna namaa, loojistikii, teeknooloojii fi uummattummaa isaatiin akka jabaatuuf hojjetamaa jira. Jijjiirama biyyaalessaa keessatti xiyyeeffannaa olaanaa argachuun dhaabbilee bifa itti fufiinsa qabuun ijaaramuun utubaa birmadummaa biyyattii keessa tokko akka ta'an kan godhameefis kanaafi.

Humni Qilleensaa Itoophiyaa dhaabbilee kana keessaa tokko ta’uun rifoormii jajjabaa biyyatti madaalu hojiirra oolchaa, qabatamaanis birmadummaa biyyaa kabachiisaa turee jira. Humni Qilleensaa fooyya’iinsa fi muuxannoo hojiitiin jabaate kun qajeeltoo dhaabbata bilisaatiin (neutrality) dheebuu barootaa uummata keenyaa kan ta'e mul'ata badhaadhina hunda-galeessaa utubuun jijjiirama biyyaalessaa daandii amanamsiisaa irra fuulduraatti akka tarkaanfatuuf gahee isaa sirriitti bahachaa jira.

Ayyaanni waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa yeroo kabajamu,angafummaa dhaabbatichaa, sadarkaa olaanaa amma irra gahe fi imala guddina gara fuulduraa walitti hidhuudhaani. Kunis, lammiileen humna dhaabbilee biyyaa ofii isaanii irratti akka amananii fi akka itti boonan gochuun cinatti diinni fagoo fi dhihoo Itoophiyaa weeraruuf yaalan kamiifuu hawwii fashalaa fi hin milkoofne ta’uu isaa ergaa gahaa ta’e dabarseera. Dhaadannoon dhaabbaticha kan “Samiin kan keenya” jedhus, mul’ata biyyaaleessaa ittiin geggeeffamaa jiru ta’uu isaa

20/01/2026
20/01/2026
Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee! Turtiin Itoophiyaa dhiibbaa uumaa sooshaal miidiyaa idil-addunyaa beekamaa "IshowSpeed...
15/01/2026

Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee!

Turtiin Itoophiyaa dhiibbaa uumaa sooshaal miidiyaa idil-addunyaa beekamaa "IshowSpeed',guutuu addunyaatti ijoonni miliyoonotaa gara Finfinneetti akka harkifaman kan taasise sagantaa bu'a qabeessa ture.

Daaw'annaan kuni magaalaan teenya aadaa keessummaa simachuu turee fi kabajame qabdu, qulqullinaa fi miidhagina magaalaa teenyaa, akkasumas fuula Itoophiyaa isa sirrii hawaasa idil-addunyaa beeksisuuf carraa guddaa uumeera. Taatichi haga ammaatti ijoo dubbii ta'uunsaa kan itti fufe yemmuu ta'u, fuuldurattis hedduuwwan gara biyya keenyaa ni harkisa jennee yaadna.

Taatee kana dandeettiin kan gaggeessitan biyya jaalattoonni, dargaggoonni ciccimoo fi dhiibbaa uumtonni, dhaabbilee dhuunfaa akkasumas mootummaawaa Federaalaa fi Finfinnee galata guddatu isniif mala. Keessattuu Ministeera Tuurizimii, koomishinii Tuurizimii Finfinnee, Biiroo koominukeeshinii Finfinnee, Intarteeymantii Yissaaqaal fi kanneen biroos qaamonni qindoominaan hojjettan hunduu; humna qindoominaa olaanaa mul'istaniifi miira jaalala biyyaaf qabdan ‘haata'u’ nama jechisiisa.

Kan hafetu caalaa, Jabaadhaa!
Waaqni Itoophiyaa fi Uummata Ishee Haa Eebbisu!

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kutaa Magalaa Lamii kura wajjira partii Badhadhina Aanaa 8ffaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category