17/11/2020
SEENAA GOOTICHA OROMO KOLONEEL ABDIISAA AAGAA (1918-1977)
Kutaa 3 ffa
Boodarra Waraannii Addunyaa Lammaffaan jalqabame. Humni Allaayidii Biriiten, USA, Firaansi, fi Raashiyaan meejer Abdiisaa, kaapiteen Juuliyoo fi garee isaanitiif beekkamti kennuun meeshaa waraanaa fi gargaarsa kan biraa dhiyeessufii jalqaban. Meejer Abdiisan waraana paartisaanotaa kan addunyaa kan Ameerikaanota, Faransaayota, Ingilishoota, fi Itoophiyaanota of keessaa qabu akka geeggeessuuf filatame. Kaapiteen Juuliyoon ammoo paartisaanota Yugosilaav akka geggeessuuf filatame. Haala kanaa paartisaanonni, duraan baayyen isaanii hidhamtoota kan turan, Xaaliyaanii dadhabsiisun kufaatii isaanitiif karaa banan. Meejer Abdiisan goota waraana Addunyaa lammaffaarratti magaalaa Room booji'edha. Warri Biriitenis Abdiisaa ajajaa Pooilisii Waraan Biriitish godhanii yoo filatan Jarmaanii akka waraanufis gar Jarmaniitti ergan. Achittis Naazii Jarmaniidhan magaalaa adda addaa keessatti loluun isaan mo'era. Dhumarrattis Barliin alaabaa Biriitishii fi Itoophiyaa fannifachuun seene gootummaa isaa addunyaatti agarsiiseera.
*Biyyatti Deebi'uu*
Dhuma waraana addunyaa lammaffaarratti, warri Biriitish , Kanaadaa fi Ameerikaa, aangoo guddaa akka isaaf kennan itti himuun akka loltuu isaanitti dabalamu gaafatan.
Abdiisaan garuu gara biyyaa isaatti deebi'uu akka barbaadu itti imuun dide. Deebin warra Allaayidii waan arseef, yeroo Xaaliyaanin lolaa turetti biyya barbadeessite jechuun himannaa irratti banan. Warri Firaansi, Biriitishi, Ameerikaa fi amma tokko Raashiyaa, haala kanaan isa balaaleffatanii himannaa irratti banan. Akka carraa ta'ee, jeneraalli Biriitish kan duraan badhaasa Abdiisaaf kennee beeku tokko akka Abdiisan gadi lakkifamuuf tattaafachuun hidhaa isa gara adabbii qarshiitti jijjiirsise. Qarshii kanas Abdiisaa fi mootummaa Biriitishtu kaffaale, Abdiisanis gadi lakkifame.
Gootichi Abdiisaa Aagaa dhumarratti gar biyyaatti deebi'e. Hayila Sillaasenis Abdiisa erga simatee booda gara Abbabaa Aragaayitti, Ministeera Ittisaa kan ture, ergee akka inni qacaramuuf ajaje. Abbabaa Aragaay fi gootonnii kan biroo baayyeen gootummaa Abdiisaa waan beekaniif aangoo nurraa fudhata jedhanii isa sodaatan. Kanarraa kan ka'e, Abdiisaa gara jeneraalaatti ol guddisuurra, Abbabaa Aragaay Abdiisaa gara Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaatti akka waraana baratuuf erge. Erga ji'oota hedduu baratee booda akka liyuutenaantiitti eebbifame; kunis qondaaltota waraanaa kan Biriiten kan duraan Abdiisan Yuurooppitti ajajaa isaani ture baayyee naasie. Abdiisaan waraa Itoophiyaa keessatti baayyee hacuuccame. Waraan Itoophiyaa fi Somaaliyaa irratti akka loluuf, Abdiisaan gara Ogaadenitti ergame. Achirratti gootumma fi ogummaa waraanaa guddaa yoo agarsiisus, sadarkaan isaa waggaa dheeradhaaf kaapiteen bira ol hin dabarre ture. Boodaraa erga kaapiteen Juuliyoo fi Maarshaal Tiitoo dhimma kana H/silaasetti beeksisaanii booda, Abdiisaan gara sadarkaa koloneelitti ol guddate; eegduu mootis ta'e. Koloneel Abdiisaa Aagaa, warraaqsaa Itoophiyaa kan bara 1974 booddee waggaa muraasan booda bara 1977 boqote.
Yaadannoo Abdisaatif, manni barumsa sadarkaa lammaffaa
Najjotti argamuu fi mana barumsa sadarka tokkofaa fi lamaffa godina shawa kaba magaala ficheti argamu maqaa isaatti moggaafamuun, Mana Barumsa Abdiisaa Aagaa jedhama.
Waan nu walin turtanif ulfadha!!
https://t.me/Jecha_Haayyotaa