26/09/2024
26ffaa:𝐒𝐄𝐄𝐑𝐎𝐓𝐀 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀 ......
𝐀. 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆
1. "Waliigalteen bittaaf gurgurtaa Manaa qaama aangoo qabu biratti yoo hin galmoofnee fi namni gurgure yoo mormee falme wixinee qofa ta'a malee waliigaltee bittaa fi gurgurtaa Manaa ulaagaa Seeraa guutee kan raawwatame waan hin taaneef,bu'aa seeraa hin hordofsiisneedha" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 215762 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.
2. "Gareen waliigaltee hin raawwanne sababa humnaa oliitiin yoo raawwachuu dhabe malee,garee miidhaa qaqqabeef dursanii waliigalaniiru yoo ta'e bu'uura waliigalteetiin kisaaraa kaffaluu qaba,yoo dursanii waliigalanii hin jirre ta'e ammoo Manni Murtii ragaan qulqulleessee kisaaraa kaffalchiisuu qaba,akkaataa 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒂𝒕𝒂𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆𝒏 𝑨𝒍𝒂𝒂(𝑻𝒐𝒓𝒕 𝑳𝒂𝒘) tiin kan taasifame yoo ta'es,beenyaan kanfalu miidhaa dhaqqabe waliin kan wal madaalu ta'uu qaba" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 216155 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kenneera.
3. "Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Manaa hin jiru wixineedha gaafa jedhamu gareen bitaa mirgaa bakka duraan turanitti deebi'uu qabu malee qarshii dachaa godhanii gaafachuun bu'uura seeraa hin qabu" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 211204 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.
2. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒂𝒕𝒂𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆𝒏 𝑨𝒍𝒂𝒂 (𝑻𝒐𝒓𝒕 𝑳𝒂𝒘)
"Namni maallaqa kanfaluu hin qabne kan kaffale qarshichi akka deebi'uuf gaafachuu kan danda'u ta'us,dogoggorri osoo hin jiraatin akka qarshii sana kaffaluuf dirqisiisu seerri ykn waliigalteen kan hin jirre ta'uu osoo hubatu,maqaa nama qarshii kaffalamuu fi Lakkoofsa herrega Baankii barreessuun qarshii galii godhe fedhii isaatiin qarshii kan kaffale(galii tolche) jedhamee waan tilmaamamuuf,qarshichi akka deebi'uuf gaafachuu hin danda'u" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 211204 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.
3. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝒉𝒂𝒂𝒍𝒂𝒂 𝑰𝒍𝒂𝒂𝒍𝒄𝒉𝒊𝒔𝒆𝒆
1. Akkuma beekamu,Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 12ffaa Lakkoofsa Galmee 56795 ta'e irratti "namni tokko yeroo falmiin namoota biroo jidduu Mana Murtiitti gaggeeffamaa ture osoo beeku erga dhimmicha irratti murtiin kennameen booda bu'aa Murtii eegee murtichi mirga isaa tuqu/miidhu argee iyyata mormii Murtii Kan dhiheessu yoo ta'e,iyyanni mormii murtii fudhatama akka hin qabne"sdfhh keewwata 358,153(3),418-421 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa laatee ture.Hiikoon kun dhimma falmii dhaalaa irratti raawwatiinsa hin qabu,kana jechuun falmii qabeenya dhaalaa irratti Gareen 3ffaa falmii bu'uuraa yoo beekes mormii Murtii dhiheessuu danda'a jechuudha(kana hiikoo Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 144359 ta'e irratti kenne irraa ni hubatama.
2. "Qoodiinsa qabeenya dhaalaa qabeenya hin sochoone ilaalchisee waliigalteen qoodinsaa yookiin waliigalteen jijjiirraa dhaaltota jidduutti taasifamu barreeffamaan ta'ee mallattaa'ee Mana Murtii biratti ykn qaama waliigaltee raawwachiisuu aangoo qabu biratti galmaa'uu qaba" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 199901 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee jira.
4. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑸𝒂𝒃𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂
1. "Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Lafaa seeraan kan dhoorkame waan ta'eef,gareen laficha bite ragaa abbaa qabiyyummaa baafatee gibira Mootummaa gabbarus,haalli argannaa isaa seeraan ala waan ta'eef,karaan argannaa qabiyyee Lafaa seera qabeessa ta'uu fi dhiisuu osoo hin qulqullaa'in murtiin kennamuu hin qabu" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 201894 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee jira.
2. "Himannoon jeequmsi uumame haa dhaabatu jedhu dhiyaateera jechuun kan danda'amu,qabeenyi falmiif sababa ta'e harka isaa turuu fi dhugumatti ajajuu akka danda'uuf karaa seeraan alaatiin kan hin qabamnee fi himatamaan gochicha raawwachuuf mirgaa fi aangoo kan hin qabne ta'uu yoo hubachiifameedha" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 218309 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee jira.
5.𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝐄𝐄M𝐒𝐀 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀
1. "Manni Murtii seerummaa gareen falmitootaa hin gaafanne ykn ifatti hin kaanse irratti Murtii kennuu hin danda'u" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 211204 ta'e irratti sdfhh keewwata 182(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.
1. "Manni Murtii ol'iyyata dhagahu ragaa dabalataa fudhachuu fi madaaluun Murtii kennuun isaa,ragaa falmii Mana Murtii jalaa irratti hin dhiyaannee fi ragaa adeemsa seeraa hordofee hin dhiyaanneedha hin jechisiisu,ragaan dabalataa akkanaa qajeeltoo madaallii ragaa hin hordofneedha hin jechisiisu" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 208350 ta'e irratti sdfhh keewwata 345 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.