08/12/2023
Nagaa qabduu hordoftoota fuula kanaa, ammas na ofkalchaa isiniin jechuun barbaada!
Eegaa akkuman kanaan dura waadaa isiniif seenee ture, mee waa'ee seeraa irratti waan xiqqoo isiniif qooduu fedha.
$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$
Jechi 'Seera' jedhu ilaalchota, biyyoota fi ogeessota garagaraa gidduutti hiikoo garagaraa qaba. Fkn
# Seera jechuun akka ilaalcha hawaasaatti, haqa, safuu(duudhaa),sababa, sirna fi qajeeltummaa jechuudha.
# Seera jechuun akka ilaalcha seera bastotaatiin, tumaawwan (labsiiwwan) seeraa, dambiiwwan, qajeelfamoota, gochoota, ajajoota fi kkf (Law means Statutes, Acts, Rules, Regulations, Orders, and Ordinances from point of view of legislature).
# Akkaataa ilaalcha Abbaa seeraatiin immoo seera jechuun sirnoota mana murtii, ajajoota, murtiiwwan, ajaja dhorkaa mana murtii illee kan haammatudha jedhama.
Kanaafuu, jechi seera jedhu baayyee bal'aa ta'uu isaa irraan kan ka'e yeroo adda addaa, bakka adda addaa fi hawaasa adda addaa biratti hiikoo adda addaa qaba. fkn Amantii Hinduu keessatti 'Darma' kan jedhamu yoo ta'u, amantaa Islaamaa keessatti immoo 'Hokum' jedhama. Akkasumas afaan Roomaatiin 'Jus' yoo jedhamu, afaan Faransaayiin 'Driot' Arabbiffaan 'Alqaanoon' Turkiin 'Kunoon', Latiniin 'Lagem', Itaaliin 'Legge', Afaan Oromoon 'Seera', Ingiliffaan 'Law' jedhama. Akka waliigalaatti seera yeroo jennu, 'discipline' baayyee bal'aa waan ta'eef afaanii gara afaaniiti, aadaadhaa gara aadaati, amantaadhaa gara amantaati, biyyaa gara biyyaatti hiikoo adda addaa qabaachuu mala.
Eegaa akka waliigalaatti faayidaa seeraa yeroo ilaallu, ilmaan namaatiif karaa tokkoon mirgaa, karaa biraatiin immoo dirqama irratti gatuun fedhiin ilma namaa, garee, hawaasaa, biyyaa daangaa godhachuun wal danda'ee akka jiraatu gochuun hawaasni addunyaa walqixxummaan nagaa fi tasgabbiidhaan akka jiraatuu kan godhudha.
Oromoonis akka sabaati duudhaawwan (safuu), sirnoota (akka sirna Gadaa) uummachuudhaan waggoottan kummaatamaan lakkawwamaniif fedhii, mirga fi dirqama nama dhuunfaa, garee, kutaa hawaasaatii hanga biyyaatti ittiin bulaa dhufee jira. kun immoo akkaataa hiikoo seeraa asii olitti ilaalleen uummani oromoo seera ofii tumatee ittiin kan bulaa ture ta'uu agarsiisa.