04/04/2026
Kanaafis dhaqaa, saboota hundumaa maqaa Abbaa,Ilmaa Afuura Qulqulluuttin cuuphaa; waan ani isin ajaje hundumaas akka eeganii fi hojii irra oolchaniif barsiisaa, bartoota koo isaan taasisaa. Kunoo, ani hanga dhuma addunyaatti yeroo hundumaa isin wajjin nan jira.”
— Maatewos 28:19-20
Ergaa isaanii kan hojii afuuraa fi ergama afuuraa utuu hin laaffisin, jabaatanii fi amanamummaadhaan raawwatan, Abbaa keenya kabajamaa fi qulqulluu Abuna Sawiroos, har’a jechuunis guyyaa eebba Hoosaa’inaa duraatti, oduu samii irraa dhufe kan garaa keenya galateeffannaa fi gammachuudhaan guutu nuuf labsaniiru.
Hoosaa’inaa!
Hoosaa’inaa!
Hoosaa’inaa!
Paastara tokko dabalatee lubbuun torbaatamii shan (75 gara
mootummaa Sillaaseetti deebi'uudhan gara Haadha keenya Qulqulleettii jechuunis gara Mana Kiristaanaa Qulqulluu keessatti dabalamuutti dhufaniiru.
Hoosaa’inaa!
Abbaa keenya kabajamoo, kadhannaan keessan qulqulluun nu haa ga’u.