03/05/2024
:
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
• Hojjetee itti agarsiisee,hojjechiisa.Jechaan osoo hin taane,gochaan agarsiisa.
• Karaa kana deemaa jedhee taa'a osoo hin taane,imalee kallattii itti agarsiisa.
• Gaggeessaan dhugaa,yaada qajeelaa isaaniif qaba:kunis jijjiirama karaa hunda galeessaan kan dhufuu dha.
• Gaggeessaan dhugaa fi milkaa'oon,warra isaan caalaa sabaaf ta'uu danda'an oomisha.
• Karaatti abjuu isaanii dhugoomsuu danda’an irratti isaan utubee,gara milkaa'inaatti isaan geessa.
• Na caaluu laata? jedhee yaadda'aa osoo hin taane,akka isa caalaniif waan danda'u hundaan isaan gaggeessa,isaan gorsa.
• Mul'ata namaa "Copy" godhee itti kenna osoo hin taane, mul'ata akka qabaataniif, karaa mul’ata isaanii itti argachuu danda’an itti agarsiisa
• Waanan jedhu fudhadhaa jechuu qofa osoo hin taane, irra caalaa waan bu'aa fiduu danda’u irratti fuulleffata.
• Waan xiqqoo isaan hojjetaniif,beekamtii onnachiisoo kennaafi.
• Tokko olkaasee,tokko gad buusuun amala gaggeessaa hubatoo fi bilchaatoo miti.
• Gaggeessaa dhugaa fi milkaa'aan,of jaja of faarsa osoo hin taane,hojjettoota gaggeessuun of jaja.
• Gaggeessummaa dhugaan bu'aa dhuunfaa isaa caalaa,bu'aa hojjettoota gaggeessuu irratti xiyyeeffata.
• Gaggeessaan ga'umsa gaggeessummaa qabu,waan hojjetaan isaa barbaadu hubata.
• Ogummaa fi hubannaadhaan ijaaramee,qarruu beekumaan masakama.
• Gaggeessaa dhugaan,hariiroo fayyaaleessa hojjettoota gaggeessuu wajjin uumuun,amala madaqfamaa isaan barbaadanii fi galmichi barbaadu walitti kan hidhuudha.
• Gaggeessummaa dhugaan,hiikaa fi ergaalee dhokatoo hedduu qaba.
• Gaggeessummaan amalaa fi adeemsa guutuu, karaa of danda’een kan ijaaramuu dha.
cimaa ta'uuf Wantoota armaan gadii kana qabaachuun dirqama. Kanneen kana yoo qabaatte ati dhuguma gaggeessaa cimaadha:
➊. Nama onnachiisuu yoo dandeessa ta'e.
➋. Hojiiwwan namoota hojjetanitti qoqqooduu yoo dandeessa ta'e.
➌. Haasaa waliigaltee uumuu danda'u yoo dandeessa ta'e.
➍. Si'a tokko tokko qoosaa nama kofalch