Taklee Galaan - FHS

Taklee  Galaan  - FHS Fuula Hubannoo seeraa bilisaa

27/08/2025

Faddaallii ykn Dallaalli Eeyyama Hinqabne Seera Duratti Mirga Gaafatu Hinqabu
==================================

Hojiii Faddalummaan wal-qabatee:Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaata jiildii 25ffaa lakka.galmee 204199 irratti hojii faddalummaa hojjachuuf akka dandeessu hayyama daldalaa 0soo hin qabaatiin hojii faddalummaa hojjatan jechuun kaffaltii kaffalchisuuf himannii dhihaatu mirga seeraan eegumsa hin argannee irratti kan dhihaate waan taheef kufa akka tahuu qabu murteesseera.
Haqaaf Du’eedha kan barreesse

27/08/2025
15/08/2025

Hojjettoonni Waliigalteen Hojii Isaanii Seeraan Ala Addaan Cite Faayidaawwan Akkamii Argachuu Danda'uu??

=====✓✓✓=====✓✓✓✓=========

Bu'uura Labsii Hojjetaafi Hojjechiisaa, Labsii Lakk.1156/2011tiin hojjetaan seeraan ala hojiirraa gaggeeffame, hojiitti deebi'uuf fedhii hin qabu yoo ta'e, faayidaawwan (akkuma haala isaatti) inni argachuu danda'u:

✅Akkaataa kwt 39(1)fi 40(1)tiin kaffaltii hojiirraa gaggeessaa (Severance Pay);
✅Akkaataa kwt 43(4)tiin beenyaa hangi isaa gosa qacarrii irratti hundaa'ee shallagamu;
✅Akkaataa kwt 43(4) fi 35tiin miindaa yeroo akeekachiisaa kennamuu qabuun wal gitu (Haala addaatiin ulaagaa akeekachiisaa seerichaan diriire osoo hin guutin kan hojiirraa gaggeesse yoo ta'e);
✅Akkaataa kwt 77(4)tiin boqonnaa waggaa hojjetichi itti hin fayyadamin hafeefi maallaqaatti jijjiiramuu danda'u (yoo jiraate);
✅Miindaan Ji'aa osoo hin kaffalaminiif hafe yoo jiraates ni kaffalamaaf;
✅Sa'a hojii idileetiin ala guyyaa ayyaanaafi boqonnaa hojii hojjeteera yoo ta'e, akkaataa kwt 66fi 68tiin kaffaltii maluuf ni argatu.

👁️Hubachiisa: Wayita Kaffaltii Hojiirraa Gaggeessaa (Severance Pay) shallagnu foormulaa; "Miindaa Ji'a tokkoo+1/3ffaa Miindaa ji'a tokkoo(Baay'ina bara tajaajilaa (muuxannoo)-1)" jedhu fayyadamuu kan dandeenyu ta'uu barreeffamoonni tokko tokko ni ibsu. Ta'us, hangi waliigalaa isaa miindaa ji'a 12 caaluu hin qabu.

maaddii barruu /source/ : Desalegn B.

30/06/2025

fuula 2ffaa kakuu mana murtii aaddaa Waaqni nu uume boolla qotame kana keessatti nuhaa dhoksu. Boolli garaatti hiikkama garaan bakka iciitii itti qabatan dhoksaa gadi fagoo bakka bu'a. sirritti qorachuufi boollatti aggaamuun yoo sobanii dhugaa kana dhoksan boolla keessa nahaa galchu; nuhaa awwaalu jechuudha jedhameet uummata Oromoo biratti amanama.

👉Kun Ibiddaa-dhugaa yoon dhokse abidda ta'ee nahaagubu. ibidda qapheen kakadhee jireenya kootti Waaqayyo ibidda haa qabsiisu; alaa manatti tasgabbi nahaa dhorku, jireenyi koo haa unkuramu; nama kana deeggaruudhaaf sobee yoon kakadhe ibiddi koo haadhaamu; labatni koo haacitu; dhallifi dhalchi koo qe'ee kootti hin hafiin jechuutti hiikama. Manni ibidda hin qabne onadha, qe'een koo haa onu jechuudha; kan qe'ee hin qabne jireenya hin qabu; manni koo haa barbadaa'u haagubatu jechuudha. (ibiddi jireenyatti hiikama).

👉Kun Eeboodhaa/ Waraanaa- yoon dhugaa dhoksuuf sobee kakadhe eeboon namaa yoo na dhabe eeboon Waaq nan dhabiin; jinfuutti ijjadheen kakadhee jifuun naaf hin qajeeliin; yoon dhugaa dhoksuuf sobee kakadhe waraana hamaa natti haa ajaju, waanni hamtuun nahaa quunnamu jedhanii kakatu. Namni jireenya qabu, namni qabu namni Waaqa sodaatu jinfuu eebootti eijatee dharaan hin kakatu (eeboongadhee carraa hamaatti hiikama)
👉Kun Qaqaadhaa- Sobee haqa jiru yoon dhokse, mannin ijaaradhe naaf hin qaqaa'iin: Manan ijaarradhe keessa umurii dheeraa nan jiraachisiin: umurii dheeras naaf hin kenniin: kanan jaarradhe keessa oolchee nan bulchiin: mannin uni ijaaradhe, kanan keessa jiraadhu, itti horu, itti ulfaadhu naaf hin ta'iin jedhanil kakatu. (qaqaan umurii dheeraafi jireenya tasgabaa'aatti hiikama)

👉Kun Okoleedhaa-Dhugaa jiru dhoksuuf yoon sobee kakadhe Okoleen koo haa fannifamu, jechuun qulqullummaa nama yakka raawwate jedhamee shakkameef dhugaa ba'u. Okoleen loon bakka bu'a. Okolee dhabuun aannan dhabuudha. Aannan dhabuun loon dhabuudha mul'isa. (Ok

30/06/2025

Fuula 1ffaa
mana murtii Aadaa fi sirna kakuu fuula jalqabaa
Yeroo Ammaa kana Manneen murtii Aadaa haqa dhokate baasuu irratti xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa jira Haa ta'u garuu dhaloonni ammaa waa'ee sirna Kakuu,Waa'ee Lukeewwan Kaksiisuun Waadaa Galchuu hubannoo cimaa waan hin qabneef sirriitti barsiisun barbaachisaadha.

Adeemsa sirna gumaafi gumee keessatti raawwiin sirna lukee bakka buufachuutti aanu, sirna anxaxii cabsuu ykn sirna kakannaa lukoo jedhama. Aadaa Oromoo keessatti kakaafi waadaan kan baay'ee walitti dhiyaatu illee yoo ta'e, adda addummaa qabu. Kakaan dhugaa jiru tokko mirkaneessuuf ykn qulqullummaa ofii ittiin ibsuuf kan raawwatamudha. Waan tokko dhugeeffachuuf kakatama. Namootni wal dhaban ykn wal ajjeessan deebisanii haaloo walitti akka hin kuufneef, badii ragaa hin qabne qulqulleessuuf, kan wal miidhe lamuu deebi'ee akka wal hin gaarreffanneef kaksiisu. Dabdee dhoksaan raawwate, bakka shakkiin jirutti kaksiisaniitu dhugaa jiru mirkaneeffatu.

Oromoon sirna lukaafi lukee lakkaawwachuutiin dhugaa jiru qotee baasa. Dhugaa baasuudhaaf hawwii hawaasti Oromoo qabu mirkaneessa. Hawaasa Oromoo biratti dhugaan ilma Waaqaati; waan jedhamuuf lukeen sobaan kakachuun cubbuu jiru gara qe'ee isaafi hortee isaatti fida jedhamee waan yaadamuuf kakachuun dura firaan mar'atee qulqulleeffata. Lukootni lakkaa'aman edda raawwii yakka sanaa qulqulleeffatanii booda, dhugaa ba'anii kakatu. Kakaan sun kan miidhu isa kakate qofaa otoo hin taane, hortee isaa hunda waan ta'eef kakaan dura gadifageenyaan fira qoratee qulqulleeffata. Uummata Oromoo biratti ajjeesanii dhoksuun dheekkamsuu Waaqaa fida jedhamee amanama.

Lukaafi lukeen edda qulqullummaa yakka raawwatame jedhame adda baafatanii booda meeshaa ulfoon armaan gadii dhiyaatanii kakaa qulqullummaa mirkaneessu kakatu. Meeshaan ulfoo kunis: eeboo/ waraana shan, qaqaa, qoraattii, dhiiga hitite, gogaa, qajiisa mataa, eegee sa'aa, daaraa, okolee, ibidda, boolli haaraan ni qofforama, lukoowwan hundi boolla qotametti harka qabanii yoo dhugaa dhoksine.

13/05/2025

Konkolaataa irratti bakki meeshaan itti dhokfamu (shaagiin) tolfamee meeshaan seeraan alaa (kotorobaandiin) achi keessatti fe’amee (dhokfamee) yoo argame konkolaatichi mootummaadhan dhaalamuu akka danda’u Labsii Gumurukaa Lakk. 859/2006 keewwata 147(3)(a) jalatti tumameera. Konkolaataa bifa kanaan meeshaa seeraan alaa fe’ee argame dhaaluuf abbaan qabeenyaa dhimmicha beekuu fi beekuu dhabuun yaada keessa galuu akka hin qabne MMWF Dh/Ijibbaataa galmee lakk. 204922 ta’e irratti hiikoo dirqisiisaa kenneera. Konkolachistoonni fi abbaan qabeenyaa iilaallachu wayya jechumaafi!!

13/05/2025

Namoota akkanaa waqayyoon isin irraa haa qabu!!

29/04/2025

Mana Lafa Baadiyyaa irratti ijaarrame gurguruun ni danda'amaa? seerri Maal jedha?Dhaddacha ijibbataa Feederalaa VS labsii bulchinsaa fi itti fayyadamaa lafa baadiyaa N oromiyaa lakk 248/2015?
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaa Lakk.Galmee 184647 ta'e irratti "namni kamiiyyuu Mana ykn qabeenya dhaabbataa qabiyyee lafa baadiyaa irratti dafqa isaatiin qabeenya horachuu akka danda'u,qabeenya dhaabbataa(Mana) Lafa baadiyaa irratti ijaarame akkuma Mana Magaalaa gurgurtaadhaan qaama sadaffaatti dabarsuu akka danda'u,waliigaltee bittaa fi gurgurtaa irratti ibsame waa'een dhimma waliigaltee Lafa baadiyaas ta'e Lafa Magaalaa,lafa duwwaa gurgurtaan dabarsuuf yoo ta'e malee,namni kamiyyuu qabiyyee isaa irratti humna yookiin qarshii isaatiin Mana ijaare ykn qabeenya hin sochoone dhuunfaan horatee qabu gurgurtaan dabarsuuf mirga heeraan eegumsa argate waan ta'eef,Mana laficha irratti ijaarame gurguruuf waliigalteen taasifamu seeraan ala jechuun hin danda'amu " jechuun Heera Mootummaa Federaalaa keewwata 40(1)(2)(7) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee ture.
Haa tahuu garuu bittaa fi gurgurtaa qabeenyaa dhaabbataa hayyamuu karaa alkallattiin bitta fi gurgurtaa lafa baadiyaa hayyamuu waan ta'eef, labsii lafa baadiyaa haarayaa baheen mana fi qabeenya dhaabbataa laficharratti argamuu waliigaltee bittaa fi gurgurtaa raawwatamuu seera ifatti dhorkee jira.

Akkaataa Murtii Dhaddacha Ijibbaataa kanaatiin,Mana lafa baadiyaa irratti ijaarame(qabeenya dhaabbataa achi irratti horatame) gurguruu jechuun mirga qabiyyee lafichaas dabarsuu ni dabalata jechuudha Kanaafuu labsiin Lafa Baadiyyaa Oromiyaa keenya Murteen Dhaddacha ijjibbaataa kun akka Naannoo keenya keessatti hojii irra hin oolfamne ifatti dhorkee jira waan ta'eef inni labsii lafa baadiyyaa keessatti dhorkame kun fudhatama qaba jechuudha.

Hubannoo seeraa barbaaddan argachuu fi hawaasa keenya hedduu biras akka dhaqqabuuf jecha toora peejii FB koo kana follow...
28/04/2025

Hubannoo seeraa barbaaddan argachuu fi hawaasa keenya hedduu biras akka dhaqqabuuf jecha toora peejii FB koo kana follow, share, like fi react gochuu tasa hin dagatinaa! Toora telegiraamii 'Taklee Galaan Fuula hubannoo seeraa bilisaa""' jedhus join gochuun olseentanii hubannoo ykn seera barbaaddan feetan achumatti dubbisuu ykn buufachuu dandeessu!
Liinkii kana cuqaasaa itti makamaa.

26/04/2025

Konkolaataa irratti bakki meeshaan itti dhokfamu (shaagiin) tolfamee meeshaan seeraan alaa (kotorobaandiin) achi keessatti fe’amee (dhokfamee) yoo argame konkolaatichi mootummaadhan dhaalamuu akka danda’u Labsii Gumurukaa Lakk. 859/2006 keewwata 147(3)(a) jalatti tumameera. Konkolaataa bifa kanaan meeshaa seeraan alaa fe’ee argame dhaaluuf abbaan qabeenyaa dhimmicha beekuu fi beekuu dhabuun yaada keessa galuu akka hin qabne MMWF Dh/Ijibbaataa galmee lakk. 204922 ta’e irratti hiikoo dirqisiisaa kenneera.

24/04/2025

𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗗𝗵𝗮𝗱𝗱𝗮𝗰𝗵𝗮 𝗜𝗷𝗶𝗯𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗛𝗮𝗮𝗿𝗮𝘄𝗮 𝗗𝗮𝗿𝗯𝗶𝗻𝘀𝗮 𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗙𝗮𝗹𝗺𝗶𝗶 𝗟𝗮𝗳𝗮 𝗕𝗮𝗮𝗱𝗶𝘆𝘆𝗮𝗮 𝗜𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗞𝗲𝗻𝗻𝗮𝗺𝗲.

📗Manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa darbiinsa yeroo qabiyyee lafa baadiyyaa kan naannoo Amaaraa ilaalchisee jiildii 24ffaa galmee lakkoofsa 17982 ta’e irratti haalli qabannaa qabiyyee lafa baadiyyaa seera qabeessa ta’uu isaa hanga hin mirkanoofnetti qabannaa seeraan alaati jedhamee waan tilmaamamuuf darbiinsa yerootiin hin daangeefamu jechuun kan murteessee ture tahun isaa ni yaadatama haa tahuu garuu dhaddachi ijibaataa murtii haarawa hin maxxanfamin galmee lakkoofsa 244435 ta’e irratti dhaddacha gaafa 06/02/2017 ooleen kanneen immoo qabannaan lafa baadiyyaa seeraan ala ta’uun hanga hin mirknoofnetti darbiinsi yeroo waggaa 10 raawwatiinsa ni qabaata jechuun murteessee jira.

📕Akkaataa murtii amma kenname kanaatiin namni lafa baadiyyaa qabatee waggaa dheeraa fayyadame haala qabannaa kan hin hubachiisne ta’us ragaa abbaa qabiyyummaa irratti qabaachuun seera qabeessaan akka qabatameetti fudhateera.
kan uume ragaa abbaa qabiyyummaati.

14/04/2025


Hojjetaan mootummaa yakkaan erga hidhamee booda, gara hojiitti yoo deebi'e mindaan Yeroo hin hojjennee ni kaffalamaafi ? Dhaddachi Ijibbaataa maal jedhe ? Kunooti.

Labsii hojjettoota mootummaa federalaa lakk.1064/2010 kewt 86(3) irratti hojjetaan hojii irratti sababa humnaa ol ta'een kan hin argamne ta'uun Isaa yoo mirkanaa'e, iddoon ramaddii Isaa hanga ji'a jahaatti duwwaa ta'ee akka eeguu, keessattuu, yakkaan shakkamee ji'a jahaa ol mana hidhaa turee, garuu Yakka ittin shakkame irraa bilisa bahuu Isaa Ragaa yoo dhiyeesse, waajjirichi iddoo duwwaa qabu irratti mindaa duraan kanfalaafi tureen ramaduu akka danda'u kan tumame yoo ta'u, Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti Dhaddachi Ijibbaataa Lakk.galmee 193322(kan hin maxxanfamne) irratti, Kaayyoon tumaa kanaa hojjetaan yakkaan shakkamuu Fi hidhamuu qofaan wabii hojii akka dhabu taasisuu irraa darbee, Yeroo hin hojjennef waajjirichi mindaa akka kaffalu kan dirqamsiisu akka hin taanefidha. Yoo ta'ellee, Yakkaan shakkamee hidhamee turee, namni bilisaan gadhiifame, waajjirichi waliigalteen hojii akka addaan hin cinne taasisurraa kan hafe, Yeroo hin hojjenneef mindaa kaffaluuf akka hin dirqamne murtii dirqisiisaa kennee jira.

Address

Oromia
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Taklee Galaan - FHS posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category