Aljaziiraa Afaan oromoo

Aljaziiraa Afaan oromoo Kaanpaanii miidiyaa idil addunyaa

25/01/2023

Baankiin Hijraa Teelee Birrii Waliin Tajaajila Maallaqa daddabarsuu Kennuu eegaluu isaa gammachuudhaan ibsa!
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
Tajaajila Baankiingii Moobaayilaa Baankii Hijiraa fayyadamuun Gara Teelee Birrii Maallaqa Keessan Dabarsuuf *827 # irratti bilbiluun yoo ta’u, Teelee Birrii irraa gara Baankii Hijiraattii Maallaqa keessan Daddabarsuuf immoo bilbila keessan gara *127 # bilbiluun Fayyadamaa!!

Oduu keenya Ammee tiin, Tarkanfii Suukanneessaan Abuunota Oromoo irratti raawwatamuun dhaga'ame ! Bulchiinsa mana amanti...
25/01/2023

Oduu keenya Ammee tiin, Tarkanfii Suukanneessaan Abuunota Oromoo irratti raawwatamuun dhaga'ame !

Bulchiinsa mana amantii Ortodoksii Itiyophiyaa guyyaa kaleessaa ajaja mana murtii male, qabeenyaa dhuunfaa manicha keessa qaban illee akka keessaa baafataniif akeekkachiisa utuu hin kenniniif Magalaa guddittii Oromiyaa Finfinneetti Kan argamu iddoo boqonnaa fi waajjira Abuunota sabummaan isaanii Oromoo ta'an :-
Mana Abuuna Sawiroos,
Mana Abuna Awusxenxinosii
Mana Abuuna Zeenaa Maarqos samsamuun ykn irratti cufuun dhaga'ame.

Tarkaanfiin seeraan ala fudhatamee kun bulchiinsa mana Amantaa Ortodoksii Itiyophiyaa fi miseensota mana amantichaa sabaan Oromoo ta'an dabalatee uummata Oromoo gidduutti diinummaa fi muddama Kan hammeessu ta'uun alatti yakki abbootii amantaa umurii gurguddaa qaban kana irratti taasifame yakka Oromoo fi Oromummaa irratti raawwatame sababa ta'eef Oromoonni biyya keessaa fi alaa garaagarummaa ilaalcha amantii fi siyaasaa tokko malee abuunota kana sadanii fi sinodosii haaraa hundeeffamee kanaaf deggersa barbaachisaan akka taasifamuuf qaamoleen hawwaasaa garagaraa gaafachaa jiru .

Itti dabaluun gochi Abuunota Oromoo kana sadan irratti raawwatame gochaa bulchiinsa mana amantii tokko irraa eegamu utuu hin ta'in yakka waan ta'eef Mootummaan adeemsa seeraa bifa faallesseen qaamota tarkaanfii gara jabeenyaa kana abuunota kanaa irratti raawwattan seeraatti akka dhiyeessus gaafataniiru .

Raashiyaan ganda baha Yukireen Klishchiivka jedhamtu naannoo Bakhmut, magaalaa lola ji'ootaaf itti fufe ⤵️ to'attee jirt...
24/01/2023

Raashiyaan ganda baha Yukireen Klishchiivka jedhamtu naannoo Bakhmut, magaalaa lola ji'ootaaf itti fufe ⤵️ to'attee jirti jette

23/01/2023

Mormitoonni Turkiyaa Istaanbul keessatti erga namni siyaasaa farreen mirgaa ta’e tokko Imbaasii Turkii Stockholm fuulduratti Qur’aana gubee booda aarii isaanii ibsaniiru ⤵️

Waamicha Hangafa lubootaa Sinodosii Ortodoksii Oromia irraa mootummaaf dhiyaate !!Oromiyaa tti dhalatanii Afaan Oromoon ...
23/01/2023

Waamicha Hangafa lubootaa Sinodosii Ortodoksii Oromia irraa mootummaaf dhiyaate !!

Oromiyaa tti dhalatanii Afaan Oromoon wangeelli lallabamuu qaba jechuun barsiisa wangeelaa cinatti dhugaaf qabsa'aa turuun isaanii kan dubbatamu Abuna Sawiros Hangafa Lubootaa mana Amantaa Ortodoksii Oromiyaa ta'uun guyya kaleessaa mudamuu fi magalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee dabalatee guutummaa Naannoo Oromiyaa keessatti isaan jelatti kan tajaajilan Luboonni 22 mudamuun walqabatee mana amantaa Ortodoksii Itiyophiyaa keessatti muddamni cimaan uumamuu kaleessa gabaasnee turuun keenya beekamaadha .

Amma immoo partileen siyaasaa Amaraa duraan mana amantaa kana sochii siyaasaaf itti fayyadamaa turan hundeeffamuu mana amantaa Ortodoksii kanatti hedduu rifachuun mootummaan dhimma kana callisee kan ilaalu yoo ta'e Finfinnee fi naannoo Oromiyaa dirree jeequmsa taasisuun mootummaa sodaachisuun sinodosii mana amantaa ortodoksii Oromiyaa haaraa hundeeffame kana diiguuf hojjechaa jirachuun kan mirkanaye yeroo ya'u hogganaa partii ABIN Dr. Dasalenyi Caannee fincila gama diaspora Amaraan geggeeffamuuf jiru tumsuuf Amerkaa seenuun mirkanayeera .

Aktivistoonni dhalattoota naannoo Amaraa ta'an hunduus midiyalee hawwaasummaa of harkaa qaban hundaatti fayyadamuun dhimmicha ajandaa midiyaalee gochuun nageenya biyyaa jeequuf fincila kana tumsuuf qophii irra jiraachuun hubatameera .

Mootummaan biyya bulchaa jirus waca finxaleyyii kanaaf gurra dhowwachuun sinoodosii amantaa Ortodoksii Oromiyaa hordoftoota amantichaa qofa utuu hin ta'in Oromoota hundaa biratti miira gammachuu uumee jiru kana dura dhaabbachuu irraa of qusachuun hangafa lubootaa fi luboota haaraa mudaman kana akkasumas hordoftootaa fi deggertootai isaanii hundaaf eegumsi barbaachisaan akka godhamuuf mootummaaf gaaffii dhiyeessaniiru .

Itti dabaluun uummanni Oromoo martuu garagarummaa amantii fi siyaasaa qabnuun utuu wal hin qoodin finxaleyyii amantii sababeeffachuun nageenya biyyaa jeequuf garee fi qeenxeen socho'aa jiran kana dura dhaabbachuu fi qaamolee nageenyaa mootummaaf eeruu kennuun jeequmsaa fi daldala siyaasaa amantii bu'uura godhate kana Oromiyaa keessaa waliin buqqisuun nageenya naannoo fi dhuunfaa keenyaa waloon haa tikfannu jechuun mootummaa fi uummata Oromoo maraaf waamicha dabarsaniiru !

Yukireen Jarmaniin taankii lola dhoksaa kana akka kennitu gaafattee turte garuu michoonni NATO doorsisa Raashiyaa gidduu...
22/01/2023

Yukireen Jarmaniin taankii lola dhoksaa kana akka kennitu gaafattee turte garuu michoonni NATO doorsisa Raashiyaa gidduutti jijjiirraa kana irratti walii galuu dadhabaniiru ⤵️

Ministirri Dhimma Alaaa US Antoonii J. Bilinkan haala tasgabbii dhabuu naannoo Oromiyaa keessa jirutti xumura gochuun da...
22/01/2023

Ministirri Dhimma Alaaa US Antoonii J. Bilinkan haala tasgabbii dhabuu naannoo Oromiyaa keessa jirutti xumura gochuun danda’amu irratti Ministira Muummee Abiy Ahmad (PhD) waliin haasa’uu isaanii dubbi himaan waajira haajaa alaa Need Piraayis himan.

Ameerikaafi biyyoonni Lixaa kaan dhimma waraana Kaaba Itoophiyaa ture irratti yeroo gara garaa wayita dhimmanii dubbatanitti rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiruuf garuu gurra kennaa hin turre kutaaleen Oromiyaa hedduu tasgabbii dhabuu keessa jiru.

Ta’us garuu, rakkoo Itoophiyaa keessa jiruuf furmaataa waaraa fiduuf mariin hunda galeessa ta’eefi qaamolee hunda hirmaachise jiraachuu akka qabaatu irra deddeebiin gaafachaa turaniiru.

Ministirri Haajaa Alaa US Antoonii Bilinkan wayita MM Abiy Ahmad waliin bilbilaan dubbatanitti loltoonni Ertiraa Kaaba Itoophiyaa keessaa bahaa jiraachuu dabalatee sadarkaa hojiirra oolmaa Waliigalteen Waraana Dhaabuu Sadaasa 2 mallattaa’e irra jiru kaasaniiru jedhan Need Piraayis.
Aanga’oota lamaan gidduutti mariin taasifamuu gama mootummaa wanti jedhame jiraa?
↪️↪️ https://aljaziiraaafaanoromoo.com

MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun murtii Mana Murtii Olaanaa kabajuun ministeera biyya keessaa fi fayyaa Aryeh Deri...
22/01/2023

MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun murtii Mana Murtii Olaanaa kabajuun ministeera biyya keessaa fi fayyaa Aryeh Deri aangoo irraa ari’aniiru.

Waraanni Raashiyaa akka jedhetti loltoonni isaa naannoo Yukireen Zaaporiiziyaatti haleellaa bananiiru, torban kana keess...
22/01/2023

Waraanni Raashiyaa akka jedhetti loltoonni isaa naannoo Yukireen Zaaporiiziyaatti haleellaa bananiiru, torban kana keessa lolli itti cimee ture. 🟠 Uwwisa kallattiin: https://aje.io/w5uz9e

Address

Damee Magaalaa Finfinnee
Addis Ababa
IHIM

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Aljaziiraa Afaan oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category