31/08/2022
Lammiileen hundi waraana baname tokkummaa biyyaalessummaan dhaabuu qabu-Dr. Laggasaa
Baandonni keessoo fi diinonni biyyattii qindoominaan waraanaa damee hedduu banan lammiileen hundi tokkummaa biyyaalessummaan dhaabuu qabu jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun.
Ministirichi toora miidiyaa hawaasumma isaaniin akka ibsanitti, biyyi waraanaa keessa taatee “anii walabaa” jedhanii taa’uun lammii biyya isaa jaallaturraa kan eegamu miti jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun.