09/11/2025
Manni murtii waliigala federaala dhaddacha Ijibbaataa L.g 219887 gaafa 25/4/2015 ta'e irratti namni tokko haadholii manaa lama(2) kan fuudhe yoo ta'e gaa'elli kun du'aan ykn sababa Serra qabeessa ta'e kabiraatiin kan diigame yoo ta'ellee haadha manaa lamaan keessaa haati manaa ishiin tokkoo addatti qabeenya waliin horatan irratti gumaacha addaa kan gumaachite ta'uu ishii kan mirkaneessite yoo taate qabeenya horatan keessaa walakkaan isaa kan ishiif malu yommuu ta'u.haati manaa ishiin kabiraa immoo abbaa manaa waliin qabeenya walakkaa hafe kan qixxeetti qooddatan ta'uu murtii kennee jira.
Murtiin mana murtii waliigala federaala dhaddacha ijibbaata lakk.galmee 24625 ta'e irratti du'aan foo'amaan haadha manaa lama fuudhe e kan du'e yoo ta'e haadholiin manaa lamaan gahee qabeenya walakkaa lamatti akka qooddatan murtii yoo kennellee karaa biraatiin immoo
Murtiin L.g. 45548 jildii 13 irratti kennamee fi murtiin lakk.galmee 50489 jildii 11 ffaa irratti kennames murtii Lakk.galmee 219887 ta'e armaan olitti kenname kan deeggarani dha.
Waan dubbistaniif Galatoomaa
Abukaatoo seeraa Xaahir Abduu.