Game Law & Legal Analysis Office.

Game Law & Legal Analysis Office. Dear followers &audiencees,We acceess active and effective law &law materials with practical case analysis from different sources.

Let us, Empowering and Invest on a page together.................. ✍️✍️✍️✍️✊️🫵

10/04/2026
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Lakk Galmee 246230 Ta'een Bitooteessa 25/2018 Murtii Haaraa  Abboo...
10/04/2026

Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Lakk Galmee 246230 Ta'een Bitooteessa 25/2018 Murtii Haaraa Abbootii Seeraa 7 (Torbaan) Kennamee Jira.

Murtii kanaan dura Lakk Galmee: 186946 irratti, Iddoo tokko irratti namootni adda addaa lama waraqaa ragaa qabiyyee (kaartaa) yoo qabaatan, inni tokko mana yoo irratti ijaarrate , inni biraa immoo osoon mormu ijaarrate naaf haa diigamu jedhee gaafachuu hin danda’u jechuun kennamee ture haqameera.
Hiikoon dirqisisaan Mana Murtii Waliigala Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa Lakk. Galmee 186946 irratti Ebla 26, 2013 kennamee fi galmeewwan biroo irratti ejjennoon walfakkaataan qabamee ture jijjiiramuun,Qabiyyee magaalaa abbaa qabiyyee tokkoon galmaa’uu qabu irratti namoota adda addaatiif waraqaan ragaa qabiyyee yookiin kaartaan lama (overlap) kennamee yoo argame, mirga abbummaa lafaatiif dursa kan argatu nama jalqaba galmeesiseedha jechuun hiikkoon dirqisiisaan laatameera.

Dhaddachi Ijibbaata FederaalaaLakk. Galmee 260477 ta'een ,Amajjii 26,2018 Murtii Dirqisiisaa Laateera.Ka'umsi Dhimmichaa...
11/02/2026

Dhaddachi Ijibbaata Federaalaa
Lakk. Galmee 260477 ta'een ,Amajjii 26,2018 Murtii Dirqisiisaa Laateera.
Ka'umsi Dhimmichaa Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Roobee ta'ee qabiyyeen falmii Yuunivarsiitii Madda Walaabuu fi himatamaa Wabii ta'e jidduutti raawwatameen bu'uura S/H/ H kew1922 tiin haala wabiin tokko itti gaafatamuu danda'u wajjiin kan wal qabatuudha!
Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu himatamaan ammaa Wabii himatamaa 1ffaa ta'uudhaan waliigaltee uume faana himatamaa 1ffaan bu'uura waliigalteetiin Kan hin raawwanne waan taheef qarshii kana akka kafaluuf Kan himate yommuu ta'u Manni Murtii Ol'aanaa fi Manni Murtii Waliigala Oromiyaas qarshicha akka kafalu murteessuun dhimmichi dhaddacha Ijibbaata Federaalaa gahuun Dhaddachi ijibbaataa bu'uura S/H/H kew 1922 tiin qarshiin wabiin Kun dirqama ittiin seene ifatti waliigalticha irratti Kan hin ibsamne ta'uun himatamaan jalaa Kun itti gaafatamummaa Kan hin qabne ta'uu Murtii manneen Murtii jalaa diiguun murteessee jira .

Murtii Dhaddacha Ijibbaataa Gaafa guyyaa 4/2/2018 Lakk Galmee 239267 ta'een kenneenyakka Gowwoomsuu raawwachuuf ,sanada ...
21/01/2026

Murtii Dhaddacha Ijibbaataa
Gaafa guyyaa 4/2/2018
Lakk Galmee 239267 ta'een kenneen
yakka Gowwoomsuu raawwachuuf ,sanada sobaa yoo qopheeffatte, yakka daddabalamaan akka gaafatamu murtii dirqisiisaa s/y kew 699 gara hojitti deebisu laatameera.

Address

Ethiopia, Oromia, Wollega, Oromia Region
Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Game Law & Legal Analysis Office. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share