Kush legal media.

Kush legal media. am who am i!

Cheekii Gogaa fi Itti Gaafatamummaa Yakkaa______Bu'uura Seera Yakkaa biyyattii keeyyata 693(1)'n namni kamuu lakkoofsa h...
10/11/2024

Cheekii Gogaa fi Itti Gaafatamummaa Yakkaa
______
Bu'uura Seera Yakkaa biyyattii keeyyata 693(1)'n namni kamuu lakkoofsa herrega baankii isaa irraa maallaqa gahaa akka hin qabne osoo beekuu Cheekii mallatteessee baasuun yoo kenne ykn namni Cheekichi kennameef Cheekicha Baankiitti yeroo dhiyeessu maallaqni kan irra hin jirre yoo ta'e, itti yaadee gocha yakkaa maallaqa hin jirre irratti Cheekii baasuun ajajuu adabbii hidhaa hanga waggaa 10 ga'uu fi adabbii maallaqaas dabalataan adabsiisuu akka danda’u ifatti labsee jira.

Akka tumaa seera kanaatti namni tokko kaffaltii dhimma tokkoo Cheekii fayyadamuun raawwachuuf dursa dabtara herrega baankii isaa irraa maallaqni ga'aan jiraachuu beekuu fi mirkaneeffachuu qaba.

Kana osoo hin mirkaneeffatiin ykn kan hin qabne ta'uu osoo beekuu Cheekii mallatteessee kan baasu yoo ta'ee fi herrega Baankii irra maallaqni ga'aan kan hin jirre yoo ta'e yakkaan kan gaafatamu ta'a.

Maallaqni ga'aan jiraachuu qaba kan jedhu kana seerichi haala lamaan kaa'ee jira.

1ffaa. Yeroo ykn guyyaa namni tokko Cheekii baasuun ykn mallatteessuun nama biroof akka kaffalamu kennutti herrega Baankii irraa maallaqa ga'aa akka hin qabne kan beeku yoo ta'edha.

2ffaa. Wayita ykn guyyaa namni tokko Cheekii baasutti ykn mallatteessuutti maallaqa ga'aa kan qabu yoo ta'ellee namni Cheekichi kennameef Baankii deemee Cheekicha dhiyeessuun akka kaffalamuuf yemmuu gaafatu maallaqa gahaa kan hin qabne ta'uun isaa yoo mirkanaa'e dha.

Haalota lameen kanneeniin namni Cheekii baasu ykn mallatteessee ajaju tokko osoo beekuu ykn itti yaadee maallaqa hin jirre irratti Cheekii ajaje jedhamee kan gaafatamu.

Bu'uura Seera Daldalaa keessatti tumamee jiruun namni Cheekiin ajajamee kennameef guyyaa Cheekichi mallatteeffame irraa eegalee hanga ji'a 6 (ja'a) ga'utti Cheekicha Baankiitti dhiyeessee kaffaltii gaafachuu danda'a. Namni Cheekiin kennameef kun yeroo kana keessaa guyyaa barbaadetti Baankii deemee kaffaltii gaafachuuf mirga waan qabuuf ji'oota ja'an kana keessatti herre

14/10/2024

Murtii Abbaan Seeraa Muudama Paarlaamaa hin qabne keesaatti moggaafamee hojjetame akka dhaddacha guutuun hojjetameetti kan fudhatamu miti. dirqisiisaa MMWFDHIj galmee lakk.250725 gaafa 27/10/2016 kenname.

30/09/2024

❗️
Namni maallaqa kaffaluu hin qabne kaffale akka deebi'uuf gaaffachuun mirga ta’ullee garuu dogongorri tokko osoo hin jiraatin Waliigaltee fi dirqamni seeraa isa kaffalchiisu akka hin jirre osoo beekuu maqaa fi lakkoofsa herreegaa ( Account) barreessuun maallaqa yoo erge itti yaadeefi fedhinnaan akka ergeetti waan fudhatamuuf maallaqa siif ergamuu hin qabneen siif ergee naaf deebisi jedhee gaafachuu hin danda'u'' jechuun
DH/IJ/MMWF lakk. 175660 Jildii 26ffaa irratti murtii kennee jira. Garuu dogongoraan fi doorsisaan kan dabarsee yoo ta'e garuu sana ragaan mirkaneessuun maallaqnii akka deebi'uuf gaafachuuf mirga ni qaba.

B.Sh

14/09/2024

Waliigaltee Mana Siree fi Seera (Kutaa 1ffaa)
፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦፦
✨ Namootni sababa gara garaatiin imala, walga'ii, leenjii fi kkf yeroo deeman hoteelatti siree qabatanii buluun kan baratame dha. Akka seeraatti hariiroo kana keessa mirgaa fi dirqamoota akkamiitu jira laata?

Hoteela bultanii meeshaan keessan yoo isin jalaa bade eenyutu itti gaafatama? Hangamiif? Warri abbaa hoteelaa itti gaafatamummaa jalaa kan ba'uu danda’an yoomii dha? Qabxii jedhu seera rogummaa qabu waliin yaa ilaallu:-

1. Maamilli siree qabachuuf gara hoteelaa ykn mana ciisichaa dhaqe tokko guyyaa sa’aa 6:00 hanga bariitu isaa guyyaa irraa sa’aa 6:00tti mana ciisichaa sana turuuf mirga qaba. Sa’aatii kana darbaa yoo ture guyyaa itti aanuufis siree akka qabatetti lakkaa’amuu isaa Seerri Hariiroo Hawaasaa keeyyata 2654 fi 2655 jalatti tumee jira.

2. Yeroo turtii maamilaa kana keessatti abbaan hoteelaa nageenyas ta’ee qabeenya maamilaaf eegumsa gochuuf dirqama qaba. Keessattuu, abbaan hoteelaa nyaataa fi dhugaatii maamila isaaf kan dhiyeessu yoo ta’e, nyaatnii fi dhugaatii inni dhiyeessu qulqullina kan qabuu fi fayyaa maamilaa irraan miidhaa kan hin geenya ta’uu qaba.

Akkasumas, meeshaaleen maamilli qabatee gara hoteelaa deemes akka maamila jalaa hin badne eeguuf dirqama ni qabaata. Sababa nyaataa fi dhugaatii hoteelli dhiyeesseef miidhaa maamila irra gahuuf akkasumas meeshaan maamilli qabatee gara hoteelichaa deeme kan jalaa bade yoo ta’e abbaan hoteelaa itti gaafatamummaa akka qabaatu Seerri Hariiroo Hawaasaa biyya keenyaa keyyata 2657, 2658 fi 2663 ifatti kaa'ee jira.

3. Yaa ta’u malee, meeshaan maamilli qabatee gara hoteelaa dhaqe yoo jalaa bade abbaan hoteelichaa hangamiif itti gaafatamuu danda’a? Yoo maal godhe itti gaafatamummaa jalaa bahuu danda’a kan jedhu ilaaluun murteessaadha. Akka qajeeltootti, itti gaafatamummaan abbaa hoteelichaa murtaa’aa (limited) dha. Kana jechuun meeshaan maamila jalaa bade hanga fedhes yoo ta’e hangi itti gaafatamummaa abbaa hoteelaa hanga maall

03/01/2024

Qabdii Kenname Dhiisuudhaan ykn Dachaa Taasisanii Deebisuudhaan Waliigaltee Diiguun Ni Danda'amaa?

======///======///======///===========

Raawwatamuu Dhabuu Waliigaltee
1) Waliigaltee biroon yoo jiraate malee, gareen qabdii kenne qabdicha dhiisuudhaan waliigalticha diiguu (haquu) ni danda'a.
2) Waliigaltee biroon yoo jiraate malee, gareen qabdii fudhate hanga fudhate dachaa taasisee deebisuudhaan waliigalticha diiguu(haquu) ni danda'a.
(Seera Hariiroo Hawaasaa kwt 1885)

የውል አለመፈጸም
1) ሌላ ሰምምነት ከሌለ በቀር ቃብድ የሰጠው ወገን የሰጠውን ቃብድ በመልቀቅ ውለታውን በራሱ ፈቃድ ለማፍረስ ይችላል::
2) እንዲሁም ሌላ ስምምነት ከሌለ በቀር ቃብድ የተቀበለው ወገን የተቀበለውን ቃብድ አጠፌታ በመክፈል ውለታውን ለማፍረስ ይችላል::
(የፍትሐ ብሔር ሕግ አንቀጽ 1885)

Non-performance of contract.
(1) Unless otherwise agreed, the party who has given earnest may cancel the contract subject to forfeiture of the earnest given by him.
(2) Unless otherwise agreed, the party who has received earnest may cancel the contract subject to repayment of double of the amount received by him.
(Art.1885 of Ethiopian Civil Code)

Desalegn B.

20/12/2023

Moruun (Falfaluun) Yakka ta'uu beektuu?
================///==============
Seerri Yakkaa Keewwanni 700 akkas jedha:-
---------
© Namni kamiyyuu ofiif isaaf badhaadhina argachuuf yaadee afuuran siif waama, jinniin siif haarkisa, mora (falfala) sirraa kuffisa, tolchaa siif hojjedha, hiree keen sitti hima, dhimma keen siif ibsa, urjii siif lakkaa`a, abjuu keen siif hiika, hiree kee fuulduraa siif beeka, barruu harkaa kee siif dubbisa, ekeraan siif dubbisa jechuun, yookiin amantaa namaatti seeraan ala tajaajilamuu kan dandeessisu karaa biroo kamiiniyyuu nama biroo kan gowwoomse yoo ta’e hidhaa salphaan yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
_______________
© Haa ta’u malee gochi akkasii yakka ta’uun ifaan tumamee osoo jiruu maqaa qoricha aadaa qopheessuu jedhuun qaama mootummaa irraa hayyamni nuuf kenname jechuun ifatti of beeksisuun (of dhaadhessuun) hojii gowwoomsuu kana irratti warri bobba’an hedduudha.

15/12/2023

Murtii HaaraaMMWFDHI Lakk.174386 gaafa 25/2/2013 murtaa'e Dhagaha duraa gaggeessutu duursa moo MSD ka'e irratti jal-murtii kennuutu duursa??
✍️Galmee tokko irratti Mormiin Sadarkaa Duraa yeroo dhiyaatu MSD dhiyaate irratti fi dhagaha falmii iddoo tokkootti dhagahamuu qaba moo?miti?kan jedhu irratti manneen murtii keessatti adeemsoota adda addaa jiraachuun isaa ni beekkama.
✍️Ogeessoonni tokko tokko guyyaan dhagaha falmii yeroo lama gaggeeffama kan jedhu seeraan kaa'ame hin jiru. manni murtii lamaanu iddoo tokkotti erga dhagahee booda dursa MSD irratti jal murtii barbaachisaa kennuu qaba jedhu.
✍️ Ogeessoonni biroo immoo MSD dhiyaate irratti erga yaada himataa dhagahamee booda waan qulqullaa'uu qabus qulqulleessuun jal murtii erga kennee booda guyyaa biroo dhimma haadhoo irratti dhagaha duraa gaggeessaa jedhu.
✍️Manni murtii dhaddacha ijibbaataa: SDFH kwt 246(1) yeroo ilaalluu manni murtii MSD irratti jal murtii barbaachisaa erga kennee booda qabxii adda bahiinsa abbootii dhimmaa qabxii seeraa fi firii dubbii yoo qabaatan adda baasuun ijoo akka qabatan agarsiisa. kanaafuu tumaaleen kun manni murtii MSD irratti dhagahee qulqulleessee erga jal murtii kenne booda MSD tiin dhimmichi yoo hin cufamne ta'e gara falmii ijoo seenuun falmisiisuu akka qaban kan agarsiisuudha malee walmakanii falmiisisanii akka murtii kennan kan agarsisuu miti jedheera. kanaafuu guyyaa dhagaha dhimmaa fi MSD irratti qulqullaa'u garagara kan jedhu ejjannoo qabachuu isaati. 👏👏👏👏👏👏👏👏

08/12/2023

Dh.iji.MMWF Jildii 12ffaa Lakk.Galmee 48012). Ta'e irratti murtii kennen
Darbiinsi yeroo waggaa lamaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1810(2) jalatti tumame raawwatiinsa kan qabu"waliigaltee hanqina eeyyamaa yookiin dandeettii dhabuutiin raawwatame diigsisuuf dhihaatu qofa irrattii ta'u murtii dirqisisaa kenne ture

07/12/2023

Murtii haaraa.....bara 2016
**************************
manni Murtii dhaddàcha ijibbaata Federaalaa Galmee Làkk.235844 ta'e irratti dhaddacha Onkololeessa 2016 ooleen qabeenya hin sochoone ilaalchisee maqaa haadha manaa fi abbàa manaatiin galmaahe Kan jiraatu ta'us gàa'ela dura horatamuu ykn bitamuu ragaadhaan mirkaneeffannaan tokkichi keessaa gala jedheera🤣🤣
MaddAberham Yohanesesess

Manni Murtii Aadaa himataan yeroo  himannaa dhiyeffatu fedhii dhimma isaa Manii Murtii Aadaa  Akka ilaaluuf kan  qabu  t...
04/12/2023

Manni Murtii Aadaa himataan yeroo himannaa dhiyeffatu fedhii dhimma isaa Manii Murtii Aadaa Akka ilaaluuf kan qabu tahuu isaa ifa, kanaaf himataan himannaa dhiyeeffachuun isaa fedhii isaa mirkannesse jira.
Himatamaa ilaalchisee immo himatamaa waamichi dhaqqabee erga dhiyaate himanna dhiyaateef deebii kennun dura akka manni Murtii Aadaa dhimma isaani kan ilaalu fedha qabachuu isaa gafachuun fedhii qabaachuu isaa yoo ibsate dhimma isaani ilaaluu itti fufaa ,Yoo himatamaan fedhii hin qabuu jedhee immo Manii Murtii Aadaa dhimma isaanii achumatti dhaabuun galmee cuufee of irraa gaggessuu qaba. osoo himatamaan fedhii hin qabatani fedhii isaa malee dhimma isaani ilaaluun sirrii miti , himatamaan eega takka feedhii qabachuu isaa ibsate adeemsa keessa fedhii isaa jijjirruu hin dandayuu,kanaaf Manii Murtii Aadaa himannaa himataan dhiyeeffatef himatamaan fedhii dhimma isaa Manni Murtii Aadaa ilaaluu qabachuu isaa gafachuun eegaa mirkaneffate booda ilaaluu itti fufa malee yoo himatamaan fedhii hin qabanne dhimma sana ilaaluu hin qabu jechudha.
Himataan ykn himatamaan dhimma isaa Manni Murtii Aadaa akka ilaaluuf fedhii erga kenne booda fedhii isaa kaasuu hin danda'u.
Labsii lakk.240/2013 kewt. 25 jalatti haala armaan gadittin kaayame jira.

02/12/2023

Murtii Barsiisaa.

Dhaddachi ijbbaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jiildii 24ffaa galmee lakk 169522 ta’e irratti hiikkoo kenneen
‘’Qaamni bulchiinsaa dhimma mana murtiitti falmiin irratti gaggeeffamaa jiru qulqulleessee akka dhiheessu mana murtiitiin yeroo ajajame Sanadoota harka isaa jiru qofa irraa qulqulleessee akka dhiheessu qofa ajajamuu qaba. Kana bira darbee qaamni bulchiinsaa dhimma mana murtiitti dhiyaate tokko irratti ragaa dhagahee yookin qaboo yaa’ii qabatee akka qulqulleessu ajajni kennamu fudhatama hin qabu. Dhimmichi ragaadhaan (kan dabalataatiin) kan qulqullaa’u yoo ta’es Ragoota dhiheessuudhaan bu’uura seera jiruutiin ragoota gaafatee fi qoratee qulqulleessuu kan qabu mana murtiiti malee qaama biraatii miti’’ jechuudhaan hiikkoo kennee jira. Haa ta’u malee manneen murtii keenya Qaamolee bulchiinsaa ajajuudhaan ogeessonni qaamolee bulchiinsaa immoo akkuma mana murtiitti ragaa bitaa fi mirgaa dhagahuudhaan qaboo yaa’ii qabatanii, qaboo yaa’ii irratti xiinxala godhanii cuunfaa isaa gabaasa mana murtiitiif dhiheessu. Manneen murtii keenyas ragaa kaksiisanii ofii dhagahan caalaa ragaa haala kanaan dhiyaateef madaallii guddaa kennuudhaan murteessaa jiru. Kanarraa kan ka’e ragaa Sobaa manneen murtiitiin alatti osoo hin kakatin fuudhamuun haqni nama hedduu jal’achaa jira. Hojmaata sirrachuu qabuudha.

30/11/2023

★* የቤት ሽያጭ ውል በህግ ተቀባይነት እንዲኖረው ምን ማሟላት አለበት ★*‼?

“ባለቤትነትን ማስተላለፍ ከሌሎች መብቶች የበለጠ ጥንቃቄና ጥበቃ የሚሻና የሚገባው እንደመሆኑ የባለቤትነት መብትን በሽያጭ ውል ለማስተላልፍ የሚደረጉ ውሎች በፅሁፍ መሆን አለባቸው በተጨማሪም በውል አዋዋይ ፊት መፈፀም አለባቸው “

ቀጥሎ ያለው አጭር ማብራሪያ የቤት ሽያጭ ውል የሚፀናው ምን ምን መስፈርት አሟልቶ ሲገኝ ነው ? የሚለውን ጥያቄ ሕጋዊ መልስ የሚሰጥ ነው ፡፡ በዚህ ረገድ በኢትዮጵያ ሕግ ማእቀፍ አግባብነት ያላቸው ድንጋጌዎች ይዳሰሳሉ ፡፡

በ ፍትሐብሄር ህግ ቁጥር 1723 መሰረት ፡ የማይንቀሳቀሱ ንብረቶችን ባለቤትነት ወይም በአንድ የማይንቀሳቀስ ንብረት ላይ የመጠቀም መብት ወይም የመያዣ መብት ወይም የአገልግሎት መብት ለማቋቋም ወይም ለማስተላለፍ የሚደረጉት ውሎች ሁሉ በጽሑፍና በሚገባ አኳኋን በፍርድ ቤት መዝገብ ወይም ውል ለማዋዋል ሥልጣን በተሰጠው ፊት መፈፀም አለባቸው፡፡ ይህም የሚሆነው በሻጭና በገዢ መካከል የተዘጋጀው የቤት ሽያጭ ውል በጽሑፍ ሆኖ ተዋዋዮች እንዲፈርሙበት ቀጥሎ ሁለት ምስክሮች በፊርማ እንዲያረጋግጡት ያስፈልጋል ይህ የሚከናወነው በ ውልና ማስረጃ ነው ፡፡

ከአንቀጽ 1723 (1) ይዘት ለመገንዘብ እንደሚቻለው የማይንቀሳቀስ ንብረትን የሚመለከቱ ማናቸውም ውሎች በሕግ ፊት የሚፀኑ ለመሆን ሁለት መስፈርቶችን ማሟላት ይጠበቅባቸዋል፡፡ 👇
#የመጀመሪያው መስፈርት ውሉ በጽሑፍ መሆኑ ሲሆን
#ሁለተኛው መስፈርት ውሉ በአዋዋይ ወይም በፍርድ ቤት መዝገብ ፊት መከናወን ነው፡፡

እነዚህ ሁለት መስፈርቶች የማይንቀሳቀስ ሀብት ባለቤትነትን ለማቋቋም ወይም ለማስተላለፍ የሚደረጉ ውሎችንም የሚመለከቱ ናቸው ፡፡ ሽያጭ ውል የንብረት ባለቤትነት ከሚተላለፉባቸው መንገዶች አንዱ በመሆኑ በዚሁ ድንጋጌ ውስጥ የሚጠቃለል ነው፡፡ በመሆኑም ቤትን የሚመለከት የሽያጭ ውል በህግ ፊት የፀና የሚሆነው በጽሑፍ ሲደረግ ብቻ ሳይሆን ይኸው የጽሑፍ ውል ሥልጣን በተሰጠው አዋዋይ ክፍል ወይም በፍርድ ቤት የተከናወነ ሲሆን ነው፡፡

አንቀጽ 1723 (1) አዋዋይ ወይም ፍርድ ቤት ፊት መቅረብን የሚጠይቀው በተዋዋዮች መካከል በሕግ ፊት የሚፀና ውል እንዲኖር ለማድረግ ነው፡፡ ከዚህ በተጨማሪም በፍትሀብሄር ህግ አንቀጽ 2878 መሰረት ምዝገባ ያስፈልጋል ፡ ውሉ በሦስተኛ ወገኖች ላይ ውጤት እንዲኖረው ለማድረግ ማለት ነው:: በአንቀጽ 1723 (1) የሚከናወነው ተግባር የሚፈፀመው በአዋዋይ (ውልና ማስረጃ) ወይም ፍርድ ቤት ፊት በመቅረብ ሲሆን በአንቀጽ 2878 ያለው የምዝገባ ተግባር የሚከናወነው ንብረቱ በሚገኝበት ቦታ (የክፍለ ከተማ መሬት አስተዳደር ) ነው፡፡ በአንቀጽ 1723 (1) የሚከናወነው ሂደት ተዋዋዮች አዋዋይ ፊት ቀርበው መዋዋላቸውን የሚያረጋግጡበት (authentication) ሂደት ሲሆን በአንቀጽ 2878 የሚከናወነው ምዝገባ ሌሎች ሰዎች አንድን የማይንቀሳቀስ ንብረት በማስመልከት የተከናወኑ ሕጋውያን ተግባራት ማወቅ እንዲችሉ ተግባራቱ ንብረቱ ባለበት ማህደር እንዲያያዝ በማድረግ የሚከናወን ነው፡፡

የማይንቀሳቀስ ንብረትን በሚመለከት ተዋዋይ ወገኖች ስምምነታቸውን በጽሑፍ ከማስፈራቸው በተጨማሪ አዋዋይ ፊት ወይም ፍርድ ቤት ፊት ቀርበው እንዲፈጽሙ መደንገጉ ሕጉ ለማይንቀሳቀስ ንብረት ልዩ ትኩረት መስጠት መፈለጉን የሚያመለክት ነው፡፡ የማረጋገጡ ሂደት ተዋዋዮቹ ትልቅ ጠቀሜታ ባለው ንብረት ላይ የሚፈጽሙት ውል ፈቅደው የሚፈጽሙት መሆኑን ከማረጋገጥ ባሻገር፣ ንብረቱን

Address

Adama

Telephone

+251909291277

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kush legal media. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share