Nejashi Islamic production

Nejashi Islamic production Tokkichuma Rabbii

22/05/2024


It's time for morning athkar.
أَعُوذُ بِاللهِ مِنَ الشَّيْطَانِ الرَّجِيمِ
الله لا إله إلا هو الحي القيوم لا تأخذه سنة ولا نوم له ما في السماوات وما في الأرض من ذا الذي يشفع عنده إلا بإذنه يعلم ما بين أيديهم وما خلفهم ولا يحيطون بشيء من علمه إلا بما شاء وسع كرسيه السماوات والأرض ۖ وَلَا يَؤُودُهُ حِفْظُهُمَا ۚ وَهُوَ الْعَلِيُّ الْعَظِيمُ.
https://sl.muslimmuna.com/appshare

21/08/2022

Lakkoofsa ( 7 ) beektuu ❓👈
"Lakkofsi ulamaa'ii baay'ee ajaa'ibsiise lakkofsa 7 subhaanallaah" hanga guyyaa qiyaamaatti hiikkaa isaa beekuu hin dandeessu
Ilaali mee
~Baayyyinni Samii 7
~Baayyinni dachii 7
~Torbanitti guyyaa 7 tu jira
~Balbalti jahannam 7
~Naannawa kaabaa yeroo7 naannawama
~Safwaa walmarwaa jidduu 7 fiigama
~Ijoolleen akka salaatatatti ajajamtu amata 7 tti jedhan # Rasuulli{ﷺ }
~Suuratul fatihaan aayata 7 qaba
Adduunyaa tanarra bahaara 7 'tu jira
~Hajjiitti jamratul aqabaaatti dhakaa 7darbatama
~Hogguu iidaa takbiiraa 7tu godhama
~Addunyaa kanarra ardii 7 tu jira
~Guyyaa qiyaamaa nama gosa 7 tu gaaddisa jalatti dheessa

Jechi kalimaa laa ilaaha illallaah Muhammad rasuulullah 7 adadi hulaa jannataa 7 suuraa yuusuf keessattis maaliif arge mootichi sa'a 7 gabbataa sa'a 7 lallaafaa nyaatu ammas garbuu 7 magarroo fi garbuu 7 gogaa waa heddutu jira ajaa'iba lakkofsa 7 irraa allahu akber Isaannan rabbiin isaaniif gaaddiseessu gaaddisa isaatiin guyyaa qiyaamaa 7

Mee barreessi maqaa marraa 7 hafuuraa ni baafattaa cinqii hundarraa guyyaa kana keessatti sheyxaanni barreessuu sin dhoowwin ati nama isa boochisu tahi barreessuudhaan
osoo gootanii Rabbiin milkii ufii isiniif haa fedhu dhumarati salawaata busaa {ﷺ }

20/05/2022

GORSA

Nama si miidhe RABBIIN nama isa miidhu itti godha!
Nama si boochise guyyaa tokko RABBIIN boochisuuf taa'a!
Yoo akkas nama gootes akkas ta'uuf teessa!

Qalbiin dhiifama beektu: tasgabbii dhugdee qananiiti.
Sammuun murtii RABBII jaalatte: ifaa gammachuutiin guutamti!
Yaa ALLAAH jedhaa rafi. Ganama kolfaa Al-Hamdulillaah jedhaa dammaqxaa!

Hangam geessus boolla biyyee keessatti awwaalamuuf deemta!
Ilmi namaa akka waan ati takkaa hin dhalatinitti si irraanfachuuf taa'u!
Hojii gaarii fi amala gaarii qofatu addunyaa kanarratti sirraa hafa!
Qaama caala seenaa kee hin dagatin!

Yoo hiriyyoomte: nama iccitii kee eegu. Hanqina kee guutu. Gaarii kee raabsu. Dogoggora kee maree dhoksu maletti hin hiriyyoomin. Yoo dhabde of qofatti hiriyyoomi!

Gadhee fi gadiin namaa: nama yoo siin wal dhabu gaarii kee wakkatuu dha.
Ammoo jabaa fi gaariin namaa: kan yoo siin wal dhabes gumaacha kee hin dagannee dha.
Kaan nurraa qabee
Kaan nutti haa qabu!

Jaalalleen osoo wajjiin jiraattu tasa sitti jijjiiramee si iddu: duraanuu bofa suuraa namaatiin si wajjiin jiraatuu dha.
Garuu dandeettii fakkeessee jiraachuu haala adda taheen danda'a waan ta'ee si daguu danda'e malee!
Bofa afaa jalaa RABBIIN nu haa baraaru!

Nama si miidhee hamilee kee cabse: daftee irraa kafalachutti hin deemin!
Irraa achi siqii waan RABBI isa godhu laali!
RABBIIN gaafa namaaf kafalu nama quubsa!
Garaa bobahe RABBIIN haa qabbaneessu !

Nama badaa fi jallataa yoo RABBIIN ol fuudhe hin ajaa'ibsiifatin!
Wanti ol fuudhuuf ol fageessee gaafa lafaan rukutu akka inni caccabuufi!
Adeemsi RABBII nama dhiba!

Namni duubaan si waraanu nama akkaan sitti dhiyaatu tahuu hin dagatin!
Saniif fuula dhokfatee jiruu tee duubaan waraane!
Of eeggadhu !
Buutii akkasii RABBIIN waliin nun gahin!

Namni hedduu siif obsee si danda'u: gaafa garaan cite lammata hin deebi'u!
Namni akkasii hedduu waan hin argamneef hin qisaasin!

Inni maaf na gate? Inni maaf nan gaafanne?! Jettee namarra of hin eegin!
Namni dhugaan si jaalatu si gatuu fi si dagatuu hin danda'u waan ta'eef!

Qabeenyi si boonsu: hiyyummaa dha
Beekumsi si koorsu: harrummaa dha!
Bareedumni si goobsu: jazbummaa dha!

14/05/2022

𝙄 𝙡𝙤𝙫𝙚
𝙈𝙤𝙝𝙖𝙢𝙚𝙙
𝙎 𝘼 𝙒

23/04/2022

𝐼𝑠𝑙𝑎𝑚𝑢𝑚𝑎𝑛 𝐵𝑎𝑟𝑛𝑜𝑜𝑡𝑎

22/04/2022

Address

Rasulaa
Adama
OROMIA

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00

Telephone

+251923900627

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nejashi Islamic production posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category